Doktarri atiletoota dhibbaan lakkaa’aman gudeedee hidhaa bu'e, meeshaa qara qabuun waraaname

Maxxanfame

Doktarri garee Jimnaastika Biyyaaleessa Ameerikaa sababii miidhaa saalaa atileetoota dhibbaan lakkaa’aman irraan qaqabsiisuun hidhaa bu’e, Laarii Naasaar meeshaa qara qabuun waraanamun gabaafame.

Hakimiin duraanii kunis mana hidhaa Filoriidaa keessatti yoo xinnaate yeroo 10 meeshaa qara qabuun waraaname jedhame.

Laariin miidhaa ispoorteessitoota jiimnaastikii irraan gaheen hidhaan wagga 175 itti murtaa’uun mana hidhaa keessatti argama.

Miidhaan meeshaa qara qabanuun dhuma torban darbeerratti sirreeffamaa kanarratti raawwatames sirreeffamaa gara biraatiin ta’utu himame.

Dorktarri sirreeffammaan kunis ammaan tana hospitaala keessatti wallaansaa irratti kan argamu ta’un kan himamee yoo ta’u, sombi saa baayyee miidhamutu himame.

Oggeessii wallaansa fayyaa duraaniifi gaheessi umuriin wagga 59 kunis miidhaa saalaa ateletoota irratti raawwateen akkasumas viidiyoowwan qabiyyee saal quummantii daa’immaniin wal qabatan harkatti waan argameef hidhaan itti murtaa’e.

Dhimma kanarrattis namoonni dhibbaan lakkaa’aman himannaa irratti dhiyeessaniiru.

Haata’u malee erga mana hidhaa galeen boda mormasaarra yeroo lama, dugdasaarra yeroo lamaa fi laphee saarra ammo yeroo jaha akka waraaname dureen waldaa mana sirreessaa Oduu CBN kan sharika BBC Ameerikaa ta’eetti himeera.

Biiroon Mana Sirreessaa Federaalaa Dilbata darbe guyyaa sa’aatii 8:30 irratti mana hidhaa Kolmaa jedhamu kan Filooridaa keessatti argamutti sirreeffamaan tokko miidhaan irra qaqabuun kan mirkanaa’e.

Dhimmicha irratti qorannoon keessoo kan eegale yoo ta’u, haleelliichaan hojjattoonnis ta’e sirreeffamtoonni kaan hin miidhamne jedhameera.

Doktar Laariin wayita sagantaa Jimnaastikii Biyyaaleessa Ameerikaa akkasumas Yunivarsitii Miichigaan keessa hojjataa turaniitti, atileetoota irratti miidhaa saal quunnamtii raawwachu amaneera.

Dubartootaa fi ol adeemtoota 300 ol Jimnaastikii fi sagantaa Yunivarsitichaa keessa turan doktarri kun miidhaa saal qunnamtii irraan gahuusaa himannaa dhiyeessaniiru.

Isaan keessaayis badhaafamtoonni meedaaliyaa warqee Olompikkii, Siimoon Baayiilsi, Alii Reeyismaan fi Maakeeyilaa Maaroonii keessatti argamu.

Atileetoonni ol adeemoo muraasnis miidhaa irra gahaa jiru leenjiiftoonniifi hakiimoota dabalate gaheessootatti himan illeen gurra akka hin kenniin dubbataniiru.