Manni-murtii Kiristiyaan Taaddalaa fa'aa akka 'hidhamtoota idileetti' haa ilaalaman jechuun ajaja dabarse

Kiristiyaa, Yohaannisifi Dr. Kaasaa

Madda suuraa, Social Media

Maxxanfame

Miseensa mana-maree bakka bu'oota ummataa, mana-maree naannoo Amaaraafi magaala Finfinnee kan ta'an Kiristiyaan Taaddalaa fa'aa ji'a saddeet booda har'a, Bitootessa 29 mana-murtiitti kan dhiyaatan yoo ta'u "akka hidhamtoota idileetti" akka ilaalamaniif manni murtii ajaje.

Himatamtoonni kun gara mana amala sirreessaa akka geeffamaniif gaaffii abbaan alangaa dhiyeesse manni murtii kufaa gochuun akka hidhamtoota idileetti ilaalamuu akka qaban murteessuu abukaatoon himatamtoota Obbo Solomoon Gazaaheny BBCtti himan.

Dhaddacha kanaan manni murtii federaalaa olaanaa dhaddacha Lidataa himannaa namoota 52 irratti himata Ministeera Haqaatiin dhiyaate ilaalera.

Kanneen himanni irratti dhiyaate keessaa miseensa mana maree bakka bu'oota uummataa kan ta'an Obbo Kiristiyaan Taaddalaa, miseensa mana maree naannoo Amaaraa Obbo Yohaannis Buwaayaalewufi miseensa mana maree magaala Finfinnee kan ta'an Dr. Kaasaa Tashaagar keessatti argamu.

Hidhattoota Faannoo gaggeessu kan jedhaman Iskindir Naggaafi Zammanaa Kaasee akkasumas gaggeessaa paartii IZEMA kan ta'an Dr. Caannee Kabbadaa galmee himannaa kana jalatti warra tarreeffamanidha.

Himaticha ilaalchisee Biiroon Qorannaa Yakkaa Poolisii Federaalaa akka beeksisetti, namoonni kunneen himanni kan irratti banameef hidhattoota Faannoo wajjin ta'uun ilaalcha siyaasa isaanii humnaan galmaan gahuuf socho'aniiru.

"Lafa 'ristii' Amaarati jedhan humna waraanan deebisuuf, akkasumas biyyi akka Amaarri yaadu qofatti gaggeeffamuu qabdi jechuun walii galteerra gahaniiru" yaanni jedhu himannaa dhiyaate keessa akka jiru Biiroon Qorannaa Yakkaa Poolisii Federaalaa ibseera.

"[Dhaddacha har'aa irratti manni murtii adeemsa idilee itti fufuuf gaafa yaadutti, gama keenyan iyyata dhiyeessine," jechuun maamiltootasaanii wajjin yeroo jalqabaaf wal-arguusaanifi beellamni biraa akka qabamu gaafachuu abukaaton himatamtootaa Obbo Solomoon BBCtti himan.

Abbaan alangaa gamasaan bakki hidhamtoonni itti argaman Biiroon Qorannaa Yakkaa Poolisii Federaalaa "hidhamtoonni itti heddummatan waan ta'eef gara mana amala sirreessatti akka dabarfamaniif manni murtii ajaja nuuf haa kennu" gaaffii jedhu dhiyeessuufi manni murtii gaaffii abbaa alangaa kufaa akka godhes himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miseensa mana-maree naannoo Amaaraa kan ta'an Obbo Yohaannis Buwaayalewu Biiroon Qorannaa Yakkaa Poolisii Federaalatti sarbamni mirga namoomaa irra gahuu mana murtiitti himuu dubbatu Obbo Solomoon.

"Ji'a jaha Awaash Aarbatti, ji'a lama Biiroo Qorannaa Yakkaa Meeksikootti argamutti mana dukkanaa keessatti hidhamnee jirra. Qodaaltotaan roorrifamuu, salphifamuu, sirnaan mana fincaaniillee akka hin dhaqne balballi nutti cufamee taa'un nurra gaheera," jechuun mana murtiitti dubbachuu himu abukaaton isaanii.

Miseensa mana maree bakka bu'oota Itoophiyaa kan ta'an Obbo Kiristiyaan Taaddalaas sarbamni mirga namoomaa garaa garaa irra gahuu mana murtiitti himachuu ibsu Obbo Solomoon.

Abukaaton himatamtootaa akka jedhanitti, Poolisiin Federaalaa himatamtoota mana dukkanaa keessatti akka hin hiine waakkateera.

Manni-murtii yaada abbaa alangaafi abukaatoo erga dhaggeeffatee booda, himatamtoonni himanni waan irratti banameef akkuma hidhamaa idileetti akka ilaalamaniif ajaja kenneera.