Mirgi himatamuu dhabuu miseensota mana maree sadii torban tokko keessatti kaafame

Madda suuraa, SM
Caffeen Oromiyaa yaa'iisaa idilee 6ffaa Guraandhala 18, 2024 taa’een mirga himatamuu dhabuu, Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaa kan turan Obbo Taayyee Danda'aa kaasuun ni yaadatama.
Manni Maree Naannoo Amaaraas akkasumas walgahii Guraandhala 21 irra gaggeeffateen mirga himatamu dhabuu Obbo Yohaannis Buwaayaalaw, kan labsii yeroo mudamaa naannichatti hojiirra jiruun walqabatee hidhaarratti argamanii kaase.
Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa’isaa idilee 2ffaa bara hojii sadaffaa Guraandhala 24 taa’een, mriga himatamuu miseensa mana marichaa kan ta’an Kaasaa Tashaagar (Dr) kaase.
Dr Kaasaan labsii yeroo muddamaa Naannoo Amaaraatti labsameen wal qabatee baatiiwwan dura to’annaa jala oolfamunsaanii ni yaadatama.
Dr Kaasaan Paartii Badhaadhiinaa bakka bu’uun Finfinnee, kutaa magaalaa Yakkaatti dorgomuun miseensa mana marichaatiif kan filaman yoo ta’u, amma sagalee caalmaadhaan mirgi himatamuu dhabuu irraa mulqame.
Rakkoo nageenyaa baatiiwwan dura Naannoo Amaaraa keessatti mudate hordofuun labsii yeroo muddamaa haaluma barbaachisuutti biyyattii guutuu keessatti hojiirra oola jedhameen ture Dr Kaasaan to’annoo jala kan olfamanii ture.
Miseensi mana maree magaalattii kunis akkuma miseensoota paartii Badhaadhinaa kaanitti osoo mirgi himatamuu dhabuusaanii hin kaafamin baatiiwwaniif hidhaarra turan.
Labsiin yeroo muddamaa baatiiwwan jahaaf labsamee ture irra mana maree bakka bu’oota ummataatiin baatiiwwan afuriif dheereeffameen booda, torbanootaan boodadha kan mirgi himatamuu dhabuu namoota kanneenii mulqame.
Mirgi himatamuu dhabuu Dr Kaasaa kan mana marichaatiin kaafamees, haaluma gaaffii Ministeerri Haqaa dhiyeesseetiin erga Koreen Dhaabbataa Nageenya, Haqaafi Dhimmoota Bulchiinsa Gaarii gaaffii dhiyaateefi ragaalee kaan qorachuun yaada murtee mana marichaatiif dhiyeesseen boodadha.
Dr Kaasaan wayita baatiiwwaniif hidhaarra turaniitti, rakkoon fayyaa isaan mudatee akka ture maatiinsaanii kan dubbatan yoo ta’u, mana hidhaa Awaash Arbaa bakka miseensoota mana maree gara biraa waliin itti hidhamaa turan irraa Finfinneetti Amajjii darbe jijjiramuunsaanii ni yaadatama.
Tasgabbii dhabiinsa Naannoo Amaaraatti mudate hordofuun labsii yeroo muddamaa labsameen wal qabatee, yoo xinnaate miseensoonni mana maree afur osoo mirgi himatamuu dhabuusaanii hin kaafamnee fi osoo mana murtiitti hin dhiyaatiin baatiiwwaniif hidhaarra turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaanis miseensa paarlaamaa kan ta’an Obbo Kirisitiyaan Taaddalaa fi Dassaalany Caannee (Dr), miseensa Mana Maree Magaalaa Finfinnee, Kaasaa Tashaagar (Dr) fi miseensa mana maree Naannoo Amaaraa Obbo Yohaannis Buwaayaalaw fa’idha.
Akkasumas booda keessa sababii gara biraatiin to’annaa jala kan oolfaman miseensi Caffee Naannoo Oromiyaa fi Deetaan Ministira Nagaa Obbo Taayyee Danda’aas akkasuma erga baatiiwwan lamaaf hidhamaniin booda mirgi himatamu dhabusaanii torban darbe keessa kaafame.
Miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aan garee shororkaa waliin hidhata qabu jedhamuun shakkamanii baatii lama dura ture kan to’ataman.
Haaluma walfakkaatunis miseensi mana maree Naannoo Amaaraa Obbo Yohaannis Buwaayaalaw Kamisa darbe Guraandhala 22, 2024 ture mirgi himatamu dhabuusaanii kan mana maree naannichaatiin kaafame.
Sambata Guraandhala 24, 2024 ammoo Manni Maree Magaalaa Finfinnee gaaffii Ministira Haqaatiin mirga himatamuu dhabuu Kaasaa Tashaagar (Dr) kaasuu beeksise.
Namoota sadan mirgi himatamuu isaanii mulqame kanneeniin alattis, miseensi paarlaamaa Obbo Kirisitiyaan Taaddalaa fi miseensa Sochii Biyyaaleessa Amaaraa (ABIN) kan ta’an Dassaalany Caannee (Dr) hanga ammaatti mirgi himatamuu dhabusaanii osoo hin kaafamiin hidhaarratti argamu.












