Looltuun Wagner fincila Puutin irratti rawwatame keessatti hirmaate ga’ee isaa ibse

Madda suuraa, Getty Images
Fincila Pirezdaantii Raashiyaa Vilaadmir Puutin irratti gaggeefame irratti hirmaatee kan ture loltuun Wagner, innii fi looltonni biroon maal akka ta’aa ture “quba hin qabnu” ture jedha.
Sa’aatii 24 keessatti, hoogganaan gartuu Wagner, Yivgeenii Piroogoozhin, loltoota isaa magaalaa kibba biyyattii Rostoov, sana booda Moskootti erguun fincila gaggeesseera.
Loltoonni Wagner yeroo hedduu midiyaatti hin haaa’ani, BBC Raashiyaan garuu komaandara gad aanaa fincila kana keessa ture dubbiseera.
Gileeb – maqaa isaa sirri miti- kana dura lola magaalaa Baakmuut baha Yukireen jirtu keessatti hirmaateera. Yeroo fincilli kun eegalame, bulchinsa Luhaaniski kan Raashiyaan to’attee jirtutti da’oo isaanii keessa loltoota gartuu isaa keessa jiran waliin boqochaa ture.
Waxabajjii 23 ganamaan, tuuta loltootaa Wagner Yukireen keesaa ba’aa jiranitti akka makamaniif itti himame. Ajaji kun kan dhufe komaandara Wagner kan sababa nageenyaaf Gileeb maqaa dhahuu hin feenee, garuu ajaja Pirigoozhin fi Kaawunsil Ajajaa Wagneriin socho’u irraa dhufe.
“Bobbaafama guutuudha,” ittiin jedhame. “Hiriira qabannee jirra, haa sochoonu.”
Tuuti kun eessa akka deemu eenyuttiyyu akka hin himamne kan himu Gileeb, yemmuu diirree waraanaa irraa fagaachaa deemuu isaanii hubate garuu akka rifate hima.
Yeroo bulchiinsa Rostoovitti daangaa Raashiyaa darbanii seenan ittisi ykn lolli kamuu akka loltoota Wagner hin qunnamne hima
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Loltoota daangaa tokkollee hin agarre,” jedha. “Poolisootni Tiraafikaa garuu daandirratti nu simataniiru.”
Chanalootni gartuu Wagner waliin hidhata qaban boodara miidiyaa hawaasummaa Telegram irratti akka ibsanitti, looltoonni daangaa keellaa Bugayevkaa irra turan yemmuu loltoonni Wagner achi ga’anitti meeshaa isaanii hiikkataniiru.
Chaanelootni kunneen suuraa namoota uffata loltoota uffatanii fi meeshaa hin hidhannee agarsiisuu fi bakkichatti kaafamedha jedhan qoodaniiru
Yeroo Rostoov-on-Donitti dhiyaachaa dhufan, gamoolee mootummaa magaalatti keessa jiran hunda akka marsaniifi buufata xiyyaaraa humna waraanaa akka to’ataniif loltoonni kun ajajamaniiru. Gartuun Gileeb wajjira Tajaajila Eegumsa Federaalaa (FSB) bulchiinsichaa akka to’ataniif itti himame.
Yeroo gamoo kanatti dhiyaatan kan cufamee fi qullaa kan ta’e fakkaata. Namni yoo keessa jiraateef adda baasuuf diroonii gamoo kana gubbaa balaliisaniiru.
Gara daqiiqaa sodommaa booda, balballi baname namootni lama gamoo sana keessaa ba’ani.
Gileeb akka himutti “jarri kun ‘waliigalteerraa haa geenyu’ nuun jedhani.”
“Animmoo ‘waa’ee maalii irratti walii galtee uumna? Kun magaalaa keenyadha’ jedheeni.”
“Kanaaf walitti hin buunu jennee walii galle. Yeroodha yerootti tamboo xuxuuf gadi ba’aa turani.”
Gazeexeessitoonni Rostoov haali walfakkaataa gamoolee mootummaa hedduu fi naannaa magaalatiitti uumamu isaa gabaaaniiru. Loltoonni Wagner jalqaba diroonii gamoo gubbaa balaliisanii sana booda isaan marsu. Eenyuyyu gamoo sana keessa akka hin baaneef dhorkamanii, hojjettoonni nyaata daddeebisan garuu akka ol seenaniif eyyamameefi ture.

Madda suuraa, WAGNER HANDOUT
Ibsa malee
Yeroo kun hundi uumamutti, hogganaan Wagner Pirigoozhin Wiirtuu Humna Waraanaa Kibbaatti ministera Ittisaa Raashiyaa, Lt Jeneraal Yunus-bek Yevkuroo fi itti aanaa hogganaa lt Jen Viladmiir Alekseeyiiv waliin mari’achaa ture.
Pirigoozhin angaa’otni kun Hooganaa Jeneraalaa Valeerii Geraasimoov fi Ministera Ittisaa Sergee Shoyiguu dabarsanii akka itti kennaniif gaafate.
Yeroo Pirigoozhin walga’ii isaa kanarra turetti, tuuti loltoota Wagner biroon sochiirra turani.
Gabaasni miidiyaa tuutii kun hundeessaa Wagner, Dimitsii Utkiin, kan miseensa humna addaa tureefi uummata biratti danuu hin mul’anneen hoogganamaa ture kan jedhu sirri tauu isaa mirkaneesseera.
Tuuti loltoota kun daandii isa ijoon gara Voroneezirra akka tureefi Moskootti imalaa akka ture himeera.
Kanaaf Gileeb karoora ture- waan Pirigoozhin karoorse beeka turee?
Tasumaan homaa akka quba hin qabne hima. “Akkuma keessan waan uumamaa ture Telegram irraa barre.”
Boodarra suuraleen guyyaa sana Rostoov keessatti maal akka uumamaa jiru agarsiisan addunyaa guutuutti xiyyeeffannoo argachuu eegalani.
Jiraattoonni fi gazexeessitoonni loltoota Wagner magaalatti to’achaa jiran waliin yemmuu baacanii fi kokkolfan arguu isaaniin namootni ajaa’ibsiifachaa turani.
Waggaa darbe Wagnaritti kan makaman hidhamtootaa ykn kanneen yakka gansaan himataman ta’uu Gileeb ibseera.
“Eenyuyyu dhiisaa hin jenneeni, wa’ee isaanii eenyuyyu hin dhimmine.”
Loltoota akka Gileeb, kan waraanaa Yukireen dura qacaramaniif, seerri jiru caalaatti ifa ture.
Birraa darbe keessa, namni miidiyaa waliin dubbate kamuu akka “ajjeefamu” itti himamee akka ture Gileeb BBC’tti himeeera. Loltoonni Wagner biro hedduun waan wal fakkaataa ta’e nutti himaniiru.
Waxabajjii 24 irratti, hogganaan Gileeb isa qunnamuun, ibsa tokko malee, inni fi tuuti isaa Luhaansikitti akka deebi’aniif ajajeeni.
Yeroo da’oo isaanitti deebi’anii imalaa turanitti, oduu jiru Telegram irratti hordofaa turani.
Himatni yakka Pirigoozhin irratti akka baname, sana booda akka haqamee fi boodarra gara Belaarusitti akka galuuf jedhu dubbisani.
Sana booda ammo loltoonni Wagner fincila kana keessatti hirmaachuu isaaniif akka itti gaafataman, dubbii himaan Pirezdaant Putin, Dimitrii Peskoov himuu isaa dubbisani.
Gileebii fi tuuta isaaf, egereen isaani amma ifa miti. Da’oo Luhaaniskii keessa turanii, ajaja akka eegan itti himameera.
Angaa’oti hidhattoota baha Yukireen keessa jiraanii, Rippaablika Ummata Luhaansk jedhamanii fi isaan keessumeessaa turan, karooraa egeeree isaanii baruu fi meedhaaleen waraanaa isaanii akkam akka ta’an baruu akk fedhan hima.
Gileeb maaliif Wagner keessaa akka hin baane yemmuu gaafatamu, salphaatti “kontiraatikoo hin dhumne” deebii jedhu kenne.












