Dursaan Waagnar humna waraanaa Raashiyaatti dabalamuu dide- Putiin

Madda suuraa, EPA
Dursaan garee Waagnar Yevgenii Prigoozhiin loltoonni isaa humna waraanaa Raashiyaatti akka makamaniif affeerraa dhihaateef fudhachuu dide jedhan Pireezidant Vilaadmiir Putiin.
Marii tibbana Moskootti taa'amerratti ajajoonni garee kanaa hedduun maqaa Waagnar jedhuuun beekamanii turuu akka fedhan ibsan jechuun gaazexaa Kommersant jedhamutti himan Putiin.
Mariin kun erga gareen Waagnar Waxabajjii 23-24 fincila aangoo Putiin qore taasisanii, boodarra of duuba deebi'anii guyyaa muraasa booda gaggeeffame.
Gareen kun humna waraanaa biyyattiitti dabalamuu yookiin gara biyya michuu jabduu Raashiyaa taate Beelaarus deemuuf waliigaleeti kan inni fincila guyyaa muraasaaf gaggeessee dhaabe.
Erga Yukireen Guraandhala 2022 weeraramtee loltoonni Waagnar Raashiyaa cinaa hiriiruun baayyee lolan.
Hata'u malee gareen kun yeroo ammaa waraana Yukireen keessatti ga'ee olaanaa gumaachuuf dandeettiisaa hin qabu jette US.
Dubbi himaan Pentaagan Kamisa darbe Waagnar ilaalchisuun wayita yaada kana kennan, ammallee garuu loltoonni Waagnar ''baayyeensaanii'' iddoowwan Raashiyaan Yukireen jalaa qabattee jirtu keessa buufatanii akka jiran amanu.
Ministeerri Ittisaa Beelaaruus ammoo gareen Waagnar daangaarratti loltoota biyyattii leenjisaa jiraachuu ibse.

Madda suuraa, AFP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Walga'ii Waxabajjii 29 gaggeeffamerratti dursaa Waagnar Pirigoozhin dabalatee ajajoonni garee kanaa 35 hirmaachuu himan Putiin.
Walga'ii kanarratti miseensota garee kanaaf carraa hojii akka dhiheessaniif himan, garuu Pirigoozhin ''gareen koo yaada kanarratti walii hin galan jechuun dide,'' jedhan.
Gareen kun akkuma jirutti itti fufamoo, egereensaa maal ta'a gaaffii jedhu gaafatamanii, ''Waagnar gareen jedhamu badeera, hin jiru. Jaarmiyaan waraanaa dhuunfaa bu'uura seeraa hin qabu,'' jedhan.
Michuu duraanii Putiin kan ta'e dursaan Waagnar Pirigoozhin yeroo ammaa eessa akka jiru ifatti hin beekamu.
Kamisa darbe Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan, Pirigoozhin erga fincila gaggeessee booda akka hin summeeffamne of eeggachuu qaba jedhan.
''Maal gochuu akka danda'u waaqa qofatu beeka. Eessa akka jiruu fi yeroo ammaa Putiin waliin walitti dhufeenyi isaanii maal akka ta'e hin beeknu. An osoon isa ta'ee waanan nyaadhu hundarrattin of eeggadha,'' jedhan Aab Baayidan.
Haala kanaan Raashiyaan waraana Yukireen irra aanti kan jedhu abjuu dhugaarraa fagaateedha jedhan Aab Baayidan.















