CNN olmaa daa’immanii haleellaan itti gaggeefame seenee gabaasuu isaaf dhiifama gaafate

Hojjetoota CNN buufata poolisii Taayilaanditti

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Torban darbe haleellaa olmaa daa’immanii Taayilaanditti gaggeefameen daa’imman 23 dabalatee namootni 37 ajjeefaman irratti gaabasaa dhiyeesseef miidiyaan US, CNN dhiifama gaafate.

Gaazexeessitoonni CNN lama gamoo haleellaan kun itti raawwate seenuun viidiyoo waraabaniiru.

Seeraan ala bakkicha seenuu fi eeyyama malee viidiyoo bakka yakki itti raawwate waraabuun himatamaniiru.

Boodarra lamaan isaanii irraa himati kaafamus, viisaa daawwataa/tuuristiitiin akka gazeexeessaatti hojjechuu isaaniif adabamaniiru.

Itti aanaa pizendaantiifi hogganaa waligalaa CNN Idil-Addunyaa kan ta’e Maayik Makaartii ibsa kenneen, gazexessitoonni isaanii gamoo sana seenuuf eeyyamaa gaafachaa akka turan ibsuun, ta’us garuu “qondaaltonni eeyyama kana kennuuf aangoo akka hin qabne” akka hubatu eereera.

Dabaluunis CNN erga sanaatii gabaasa kana tamsaasuu akka dhaabee fi viidiyicha marsariitii isaa irraa akka haqe ibseera.

Gazezeessitoonni lamaan Anaa Kooren fi ogeessi kaameeraa Daani’eel Hooj, biyyatti gadhiisanii ba’uuf walii galaniiru.

Dabalataanis viidiyoo buufata poolisii keessatti waraabame fakkatuun dhiifama gaafataniruu, viidiyoon kun miidiyaalee biyya keessaan bayyinaan qoqqoodamaa jira. 

“Dhiifama gaafachuun fedha… keessumaa maatii namoota haleellaa kanaan miidhamanii – gaddaa fi dhukkubbii dabalataa waan uumuu keenyaaf dhiifama guddaan isin gaafadha,” jettetti Aadde Kooren. Gaazexeessittoonni lamaan maallaqa Taayilaand baat 5,000 (doolara 133) adabamaniiru. 

“Biyyi keessan yeroo gaddaa keessa akka jirtu beekna, nuti gadda dabalataa isinitti fiduuf hin dhufne.”

llaa kana raawwate kan jedhu ammayyuu ifa miti.

 

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga gaazexeessitoonni yaaddoo qaban kaasanii booda poolisin Taayilaand dhimmicha qorateera. Waldaan gazexeessitoota Taayilaandii fi Waldaan Gazexeesitoota Biiyya alaa Tayiland keessa jiran ibsa baasaniin, “gabaasa yakka irratti namuusa gaazexeessummaa cabsaniiru” jechun hojjetoota CNN qeeqaniiru.

“Utuu US keessatti ta’ee bakka haleellaa hamaa akkanaatti gaazexeessitoonni waan akkanaa ni godhu turee?” jechuun ibsicha irratti gaafataniiru.

Dabalataanis miidiyaalee hawaasummaa irratti suuraan yeroo hojjetaan CNN tokko mooraa sana keessaa dallaa irra yaabe ba’u mul’isu qoodamaa tureera.

Boodarra Aadde Kooren fi Obbo Hooj gara wiirtuu poolisii bulchiinsa Nong Buwaa Lam Puu, bakka haleellaan kun itti gaggeeffame jirutti, qorannoof geeffamaniru.

Ministeeroti Taayilaand lama hojjetoonni CNN kun eeyyama seera qabeessa hin qaban jedhuus, poolisiin akka isaan eeyyama qaban amanuun himata irratti banuu dhiisuu isaanii amananiiru.

CNN ergaa Tiwiitara irratti barreesseen, hojjetoonni isaanii qondaaltoota fayyaa sadiin seenanii akka viidiyoo waraabuu danda’an itti himamee ture jedheera. Dabalataanis utuu isaan gamoo sana keessa jiranitti bakkichi waan cufameef ture kan isaan dallaarra yaabanii ba’an jedheera.

Poolisiin tola ooltonni fayya gandichaa, aangoo utuu hin qabaatiin gartuu kanaaf eeyyama ol seenuu kennuu isaanii adda baasuu miidiyaan biyyatti The Nation gabaaseera.

Erga namichi qondaala poolisii ture qiirtuu olmaa daa’immanii seenee daa’imman hanga umurii ganna lamaa bakka isaan rafanii jiranitti ajjeesee booda Taayilaand ammayyu naasuu keessa jirti.

Namichi ganna 34, Paanya Kamraab jedhamu kun, haadha warraa isaafi ilma buddeenaa isaa erga ajjeesee booda, utuu poolisiin barbaadamuu of ajjeesuu isaa poolisiin himeera. Maaliif halee