Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lixa Oromiyaa bakka Raayyaan Ittisaa bahee Humni Addaa galaa jirutti maaltu ta'aa jira?
Raayyaan Ittisa Biyyaa godinaalee Wallaggaa keessaa bahuun bakka isaa humni addaa naannoo Oromiyaa galaa akka jiru jiraattonni godinaalee kanneennii himan.
Qaawwa kana gidduutti uumamen, sosochiin Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dabaluu fi bakkeewwan tokko tokkoo qaama nagaa eegsisu malee akka jiran dubbatu jiraattoonni.
Jiraataan Godina Qeellam Wallaggaa magaalaa Gidaamii BBC'n dubbise, Raayyaan Ittisa biyyaa aanaa Gidaamii kaampii adda addaa buufatee ture inni dhumaa Kibxata ganama bahee jedha.
''Qaamni mootummaa guyyaa Kibxata ganama naannoo sa'aa sadiitti magaalittii gadhiisee bahe. Ergaasii magaalli qullaadhumasaa jira.''
Yaaddoo jiraattoonni kaasan kana ilaalchisuun Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa deebii argachuuf yaaliin BBC taasise hin milkoofne.
Jiraataan nageenya isaaf jecha maqaa isaa hin ibsine kun Raayyaan Ittisa biyyaa dhibbootaan lakkaa'amu kan ji'ootaaf naannoosaanii qubatee ture Sanbata duraa darbe irraa eegalee bahuu jalqabee jedhu.
''Gaafa Sanbata duraa irraa eegalee bahaa ture. Guyyaa kaleessaan (Kibxata) ammoo hundumtuu poolisiin milishaan, kaabineen hunduu guyyaa kaleessaa bahe.''
Dhuma torbee darbee irraa eegalees bakka Raayyaa Ittisa Biyyaa mootummaan humna addaa Oromiyaa galchaa akka jiru himu jiraattoonni kunneen.
Godina Horro Goduruu Wallaggaa aanaa Amuruu magaala Agamsaattis sababa humni addaa Oromiyaa duraan bakka sana ture kaafameen, finxaaleyyiin ‘Faannoo’ ofiin jedhan lammiilee nagaa irratti haleellaa banuun hedduu ajjeesanii kumaatamaan kan lakkaa'aman akka buqqa’an jiraattonni BBC'tti himan.
Miidiyaan DW Amharic taatee kana ilaalchisuun tibbana akka gabaaseetti, jiraattoota naannichaa waabeeffachun namoonni ajjeefaman 55 awaalamuufi kanneen 30 ol ta'a hanga yoonaatti reefasaanii barbaadamaa jiraachu himeera.
Yaaddoo nageenyaa bakka gara garaatti uumamuu hawaasni himataa jiru kana ilalachisuun qamoleen nageenyaa godinaa fi naannoo Oromiyaaf irra deebii argachuuf irra deddeebiin bilbillus milkaa'u hin dangeenye.
Hidhattoonni Waraana Bilisumma Oromoos naannoolee Lixa Oromiyaa keessa socho'anis qaawwa nageenyaan mudate kanatti fayyadamuun magaalota seenuuf yaalaniiru jedhu jiraattonni BBC'n dubbise.
Jiraataan Godina Wallagga Lixaa magaalaa Gullisoorraa dubbifne tokko gamasaanitiin, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa naannoo isaanii gadhiisanii bahuutti yaaddoo nageenya qabaachu BBC'tti himan.
Wixata darbe irraa eegalee haalli nageenyaa naannoo isaanii gaarii akka hin turre kan himan jiraataan magaalichaa kun, Kibxata sa'aa 11 irraa eegalee hanga halkan walakkaatti magaalichatti marsee dhukaasni meeshaa gurguddaafi xixiqqa dhagaahamaa akka ture dubbatan.
''Humni mootummaa xiqqaan (humna addaa Oromiyaa) magaalicha ture WBO magaalatti akka hin galle gochuu danda'aniiru fakkaata. Rooba guddaafi dhukaasa sa'aa 1:30'f gaggeefame waan tureef haala ture manumaa dhaggeeffanne.''
Walitti dhukaasa kana keessatti namni nagaan miidhamuu quba hin qabuu jedhanii, ganama garuu reeffa nama rifeensa dheeraa qabu tokko magaala keessatti arguu dubbatan.
''Reeffi sun kan qaama mootumaa natti hin fakkaatu. Kan hidhattootaa ta'uu hin oolu,'' jedhan.
Magaalaa Gidaamiittis Kibxata ganama qaamoleen nageenyaa mootumma ''hunduu bahuu'' hordofee, hidhattootni WBO magaala keessatti mul'achaa akka turaniifi boodas bahuu dubbatu jiraataan dubbifne.
Jiraattonni magaalota lamaanii dubbifne kunniin amma haalli nageenyaa tasgabbii qabaachaa jiraatus nageenya isaanii qaawwa qaamolee nageenyaa jiru irraa yaaddoo qabaachuu dubbatan.
Gidaamii fi naannoo ishee hanga Roobii guyyaatti qaamni nageenyaa mootummaa bobbaafame hin jiru.
Gullisootti ammoo humna addaa Oromiyaa muraasa turanitti humni dabalataa ergamaa jiraachuu dhageenye.
Akkuma Wallaga Lixaafi Qeellam Wallaggaa, Baha Wallaaggatti sababuma walfakkaatuun sochiin waraana Bilisumma Oromoo mulateera.
Aanaa Arjoo keessatti hidhattootni WBO warshaa shukkaaraafi buufata waraanaa mootummaa naannicha jiru seenuu isaanii fi walitti dhukaasa viidiyoon agarsiisu Kibxata miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodamaa ture.
Dhimma kana ilaalchisees hooggansi godinaa yaada akka nuuf kennu yaallee hin milkoofne.
Dubbii himaan idila addunyaa WBO Odaa Tarbii twiitara gubbaatti odeeffannoo maxxanseen humnoonni isaanii ''Warshaa Shukkaaraa Arjoo guddattuu to'ateera'' jedhanii ture. Humnoonni mootummaa naannicha gadhiisanii bahuus hime.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa ji'ootaaf tasgabbaa'ee ture torban darbe deebi'ee hammaachuu isaatiin moottummaan miseensota Raayyaa Ittisa biyyaa bakka jijjiiraa jira tilaaama jedhu qabu jiraattonni dubbifne.
Waraanni Kaabaa hammaatee humnoonni TPLF gara naannoo Amaaraa fi Affaaritti yeroo seenan qaawwa nageenyaa Oromiyaa keessatti mudateitti fayyadamuun WBO naannolee Oromiyaa hedduu keessatti sochii isaanii bal'isuu Pireezidantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis dubbatanii turan.
Mootummaan Itoophiyaa TPLF fi WBO, ABO-Shanee ittiin jedhu dhaabbilee shorokeeyyii jedhee labsee ture yoo ta'u, WBO fi TPLF ammoo waliigaltee loltummaa waliin ummachunsaanii ni yaadatama.