Dubartiin jaalalleenshee durii haaloon suuraa qullaashee mul'isu beenyaan dolaara bil. 1.2 murtaa'ef

Maxxanfame

Gumiin murteessitoota Teeksaas dubartii miidhamtuu suuraa qullaa haaloo bahuumsaaf jaalalleen ishee durii taateef beenyaan doolaara biilbiyoona 1.2 akka kanfalamuuf murteesse.

Dubartiin maqaanshee 'DL' qofa jedhamuun ibfamee kunis bara 2022 mana murtiitti dhiyaattee jaalalleenshee miidhaa irraan gahuu himattee turte.

Jaalalleen ishee kun suuraashee qullaa miidiyaa hawaassarratti gadhiisuun "hawaasa keessatti na qaanesseera" jechuun himatte.

"Murteen beenyaa waan kaffalamu fakkaatuu baatus, DL maqaanshee bade akka deebi'uuf ishee gargaara," jedhan abbaan alangaa dhimmicha qabatan Biraadford Giild.

Jalqabarra abukaatonni ishee dhaddachi beenyaa dolaara miliyeena 100 akka murteessu gaafatanii turan.

"Beenyaan guddaan murtaa'e kun miidhaan akkasii akka hin raawwanne kan of-eeggannoo kennuufi namoonni kaan gochaa fokkisaa akkasiitti akka hin hirmaanne kan ittisuudha," jedhan Biraadford.

Ragaan mana murtii akka agarsiisutti miidhamtuun kuniifi namni isheerratti miidhaa raawwate bara 2016 jaalala eegalan.

Yeroo jaalalaan turan, suuraawwan qullashee [qaama saalashee agarsiisu] jaalalleesheef qooddee turte. Isaanis bara 2021'tti kan gargar bahan yoo ta'u, namni jaalalleeshee ture kun osoo ishee hin hayyamsiisin suuraa qullaashee agarsiisu miidiyaa hawaasafi marsariitii dargaggootarratti dhoobe.

Akkasumas icciitii bilbilashee, miidiyaa hawasummaafi imeeliishee waan qabuuf dhiibbaa garaa garaa irraan gahaa ture. Erga gargar bahanii mana haadhasheetti deebiites sirna kaameraa bilbilashee fayyadamuun icciitiishee hordofaa ture.

Yeroo tokko ergaa akeekkachiisaa isheetti barreessen, "Bara jireenyaa kee guutuu icciitii kee miidiyaa hawaasarratti bahuun boo'aa jiraatta. Namni ati qunnamtu marti [waa'ee kee] ni beeka" jedhee waan hamileeshee tuqu hojjate.

Abukattonnishees jaalalleenshee duraanii kun itti yaadee suuraashee maxxansuun miidhaa xiinsammuufi saal-qunnamtii irraan akka gahe mana murtiitti falman.

Namni miidhaa geessise kun miidhaa kanaan dura dubartii kanarraan gaheefi kan gara fuulduraatti sababa kanaan irra gahuuf dolaara miliyeena 200 beenyaa akka kaffalu akkasumas adabbii fakkeenya ta'u dolaara biliyeena tokko akka kaffalu ajajni itti bahe.