'Al Shabaabiin ofirraa ittisnus, kana booda qophii gochuun barbaachisaadha' - Musxafee Omaar

Maxxanfame

Hidhattoonni Al Shabaab haleellaa naannoo Somaalee keessatti banan humnoonni nageenyaa Itoophiyaa ittisanii ofirraa deebisuu isaanii, pirezidaantiin naannichaa Obbo Musxafee Mohaammad BBC’tti himaniiru.

Haleellaan al-Shabaab Itoophiyaa irratti bane kun haala naannoo amma jiruun wal qabatee qophiin cimee itti fufuu akka qabu kan mul’isudha jedhan Obbo Musxafeen.

Bulchaan kun turtii BBC waliin taasisaniin Kibxata Adoolessa 19, 2014  naannicha keessatti bakka hidhatoonni al Shabaab guyyaa Wiixataa haleellaa itti raawwatan keessa tokko kan ta’e Aanaa Feer-feer keessa akka jiran ibsaniiru.

"Karoorri shororkeessummaa al-Shabaab kufeera. Ta’us haala siyaasaa nannichaa fi feedhii biyyootii tokko tokkoo yeroo ilaallu, callisnee rafuu osoo hin taanee qophii gochuun barbaachisaadha," jedhan Obbo Musxafeen.

Gartuun mootummaa Itoophiyaa dabalatee qaamolee idil-addunyaa hedduun shororkeessaa jedhame fi teessuma isaa Somaaliyaa godhate al-Shabaab, torban darbe Roobii irraa eegalee daangaa Itoophiyaa ce’ee seenuun naannoo Somaalee keessatti kallatti adda addaan haleellaa raawwatee ture.

Torban darbe lola hidhattoota al-Shabaab fi humna addaa naannoo Somaalee jidduutti godina Afdeer Aanaa Hargeellee iddoo Aatoo jedhamutti adeemsifameen hidhattoonni al-Shabaab 100 ol ajjeefamuu mootummaan naannoo Somaalee ibsee ture.

Wiixata guyyaa ammoo lola yeroo lammataaf Godina Shebelee Aanaa Feer-feer iddoo Laas-Qurun jedhamutti raawwate ofirraa qolachuun hidhattoota al-Shabaab 85 ol ajjeesuus himeera.

Gartuun hidhattootaa kun haleellaa raawwachuun isaa akkasumas gartuu kana ittisuuf tarkaanfiin fudhatame, gara fulduraatti naannoo Somaalee keessatti nageenyi akka mirkanaa’uuf, qophiin akka jiraatuuf carraa uumeera jedhan Obbo Musxafeen.

“… kana booda akka hin daganneef carraa waan kennuuf, haalli fooyya’aan jira jedheen amana,” jedhan.

Humni addaa naannoo Somaalee, hidhattoota al Shabaab gara daangaa Itoophiyaa seenan waliin, torban darbe Roobii irraa eegalee bakkeewwan daangaa adda addaa irratti wal loluu isaanii mootummaan naannicha ibseera.

Haleellaan kunneen kan gaggeeffaman magaalota daangaa Somaaliyaa fi Itoophiyaa irratti argaman keessati yoo ta’u, gama lamaaniniyyuu miidhaan adda addaa ga’uu isaa yeroos gabaafamee ture.

Haleellaa al Shabaabiin baname kana ittisuuf Raayyaan Ittisa biyyaa gara naannichaatti boobbaafamuu isaa mootummaan naannoo Somaalee ibseera.

Al Shabaab gartuu baay'inaan Somaaliyaa keessa socho’u yoo ta’u, al Qaayidaa waliin hidhata akka qabu ni himama.

Gartuuun kun Somaaliyaarra darbee, Keeniyaa keessatti irra daddeebiin haleellaa shororkeessumma kan raawwatee yoo ta’u, haleellaan gartuu kanaa hanga Yugaandaa kan ga’edha.

Al Shabaab irra daddeebiin Itoophiyaa irratti haleellaa akka raawwatu himuun dorsisaa kan ture ta’us, yaalirra kan darbe haleellaa raawwatee hin beeku. Amma hidhattoonni gartuu kanaa daangaa ce’anii haleellaan isaan banan waan hin eegamnedha.

Gartuun al-Shabaab haleellaa miilanaa kanaan Somaaliyaa irraa as cehuun hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan Shanee jedhee waamu waliin walitti makamuuf karoorfatee ture jedha mootummaan naannoo Somaalee.

Hidhattoonni al Shabaab daangaa Itoophiyaa seenuun haleellaa banan hordofee, humni addaa naannoo Somaalee tarkanfii fudhateen miseensotni gartichaa 200 ta’an ajjeefamuun isaani ibsameera.

Gartuun al Shabaab Kamisa darbe, haleellaa gaggeesseen miseensota humna/ poolisii addaa 80 ol ta’an ajjeeseera jechuun Reuters’tti himuun isa ani yaadatama.