Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weellisaa beekamaa, Daavidoo, 'April Fool' waliin walqabsiisee irratti qoosamuusaatiif himata banuuf
Weellisaan beekamaa Naajeeriyaa, Daavidoo, guyyaa 'April the Fool' waliin walqabsiisuun irrattti qoosamuu hordofee himata akka banuuf jiru dubbate.
Qoosaan isarratti qoosame kun qoricha sammuu namaa hadoochu 'cocaine' jedhamu Keeniyaatti xiyyaara dhuunfaa isaa keessatti waan argameef hidhameera kan jedhu ture.
Kun qoosaa 'April the Fool' haa ta'uyyu malee 'maqaa koo na balleesseera' jechuun ogeessonni seeraa isaa himata akka bananiif ajajeera.
Wallee Afrobeats jedhmauun kan beekamu Daavidoon, oduun sobaa maqaa qoosaatiin isarratti himame kun "gocha akka malee itti-gaafatamummaa malee" ta'edha jedhe.
Weellisaan umuriin isaa waggaa 31 ta'e kun yeroo oduu sobaa kun irratti odeefametti imala isaa biyyoota Afrikaa keessatti taasisu xumuraa jira ture.
"Ani yakka kamiifiyyu, biyya kamittiyyu, eenyuuniyyu addunyaarratti to'atamee hin beeku," jedhe fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti.
"Biyya koo Naajeeriyaa, biyya koo Ameerikaa ykn biyyoota dhibbaan lakkaa'aman sababa hojiikootiif mana koo godhadhe keessatti [kun anarratti ta'ee hin beeku]" jedhe fuula X isaarratti.
Oduun 'April Fool' - jalqaba TV Keeniyaa K24 jedhamuun wixata maxxanfamee- miidiyaa hawaasaarratti baayyee qoodamuun ijoo dubbii ta'e.
Weellisaan beekamaa naajeeriyaa kun hordoftoota isaatiif Kampaalaa fi Naayiroobiitti konsartii erga dhiyeesseen boodadha qoosaan kun kan isarratti qoodame. Qooricha hordofees, bilbilli walirraa hin cinne akka bilbilamaafiif ture gabaafameera.
Daarektoreetiin Qorannoo Yakkaa Keeniyaa (DCI) dhimma kana ilaalchisuun Wixata bariirra iskiriinshootii gaazexaa "oduu sobaa" jedhu itti maxxanfame fuula X isaarratti baaseera.
"Oduun kun guutummaatti dhara akka ta'e deeggartoota kiyyaaf mirkaneessuun barbaada. Qophii waltajjiin Yugaandaa fi Keeniyaa keessatti karoorfadhee ture haala milkaa'aa ta'een xumuree amma biyya koo Naajeeriyaatti deebiyeen jira," jedhe Daavidoon Kibxata.
'Aril Fool' ta'uyyu oduun sobaan uumamee oofamu akkasii kun yakka idil-addunyaafi kan itti-gaafatamummaa tokko malee ta'edha. Ogeessonni seeraa kiyya miidiyaalee madda oduu sobaa kana ta'an seeratti dhiyeessuuf hojjecha ajiru."
TV K24 tarkaanfii seeratti dhiyeessuu Daavidoo kana ilaalchisuun deebii hin kenniin jira.
Keeniyaanonni baayyeen qoosaan akkasii kun akka sirrii hin taanetti yaadu. Haata'u malee, gariin ammoo atakaaroon dhalate kun mariitiin furamuu danda'a jechuun miidiyaa hawaasaa isaaniirratti yaada kennaa jiru.