Cheelsii v Maan Yunaayitid fi taphoota eegaman kaan: Tilmaama taphoota Pirimeer Liigii

Maxxanfame

Guyyoota torbee gidduu, jechuunis Kibxata, Roobii fi Kamisarra taphoonni Pirimeer Liigii torban 31ffaa ni taphatamu.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Satan, tilmaama qabxii taphootaa akkanaan kaa'e. Kanaan waliigaltuu?

Taphoota Kibxataa

Niiwkaasil v Evartan

Dirree Seent Jeemis Paark irratti gaafa Niiwkaasil duubaa ka'uun West Haam 4-3 mo'ate achitti argamee ilaaleera.

Garee kanaaf sodaan ani qabu, miidhama hedduu qabaachuu isaaniiti. Ammoo taphni West Haam gaafasanaallee hangam isaan dadhabse kan jedhuus gaaffii kooti.

Gama Evartaniin ammoo, goolii galchuuf ammallee rakkachaa jiru, garuu carraawwan goolii galchuu ni uumu.

Tilmaama: 1-2

Notingihaam v Fulhaam

Sambata dabre Fulhaam, Shefildiin ni injifata jedhee dogoggoreen ture. Ammallee gareen kun dirreen alatti qabxii hedduu argachaa hin jiran.

Gama kanaan Notingihaam tapha kana irra aanna jechuun isaanii hin oolu. Haa tahu malee, taphoota lamaan dabran seenaa biraa himu.

Kanaaf taphni kun walqixa obba'a jedheen tilmaama.

Tilmaama: 1-1

Barnimaz v Kiristaal Paalaas - Tilmaama: 2-1

Barnilee v Wolvis - Tilmaama: 1-1

West Haam v Totanihaam

West Haam tapha dhuma torbeen, akkamiin Niiwkaasiliin akka injifataman haga har'aa waan itti yaadaa jiran natti fakkaata.

Taphni xumuramuuf daqiiqaan 20 hanga hafutti 3-1'n dursaa turanii, leenjisaan Moyes Mikaayil Antooniyoo jijjiiranii baasuun taphicha to'achuu dadhabanii mo'aman.

Akka yaada kootti Antooniyoo kan jijjiire tapha kanaaf akka boqotuuf yaadeetu.

Akkaataa taphaa Totanihaamiin walqabatee, tapha kanaan gooliiwwan hedduu ni agarra jedheen yaada. Yoo durfamanillee duubaa ka'uun akka mo'atan tilmaama kooti.

Tilmaama: 2-3

Roobii

Arsenaal v Lutan

Yeroo kilaboonni lamaan kun yeroo darbe wal morkatan, Arsenaaliif Deklaan Raayis gara dhumaa goolii galchuun 4-3 xumurame.

Taphi ammaa kun isa akka kanaan duraa garmalee falmiin irratti hin baaya'atu.

Lutan carraasaanii ni yaalu, garuu Ganaroonni [Arsenaal] ittisaan hangam cimaa akka tahan tapha Dilbataa Siitii wajjin taasisan irratti nutti agarsiisaniiru.

Tilmaama: 3-0

Bireentifard v Biraayitan

Taphni kun tapha nu hawwachuu maludha. Biraayitan tapha Dilbataa Liivarpuul wajjin taasisaniin bareeda taphatanis, garmalee dursanii galchan.

Kanas hanga dhumaatti ni eegsisu tilmaama jedhu hinqabun ture.

Bireentifard tapha Maan Yunaayitid wajjin taasisan irratti gahumsa gaarii agarsiisaniiru.

Gahumsa isaanii akkanaa kanaan, maaliif taphoota 10 dabran keessaa tokko callaa injifachuu danda'an kan jedhu anaaf gaaffii guddaadha.

Tilmaama: 2-1

Maan Siitii v Astan Viilaa

Tapha Dilbataa Maan Siitii fi Arsenaal jidduu taasifamee qixa xumuramee booda, qeeqni Halaand irratti dhiyaate kan baay'ate natti fakkaata.

Carraa argachuu dhabuusaaf kan itti gaafatamu isa qofa adoo hin taane waahillan isaati. Kevin da Biruuyina, Fiil Foodan fi Barnaardoo Silvaa carraa goolii galchuu isaaf hin mijeessine.

Gama kaaniin Vilaan tapha kana Siitiif salphaa hin godhu. Isaanillee guddoo jifachuun carraa uumuun beekamu.

Haatahu malee, taphi kun garee Pep Gaardiyoolaaf tapha mo'achuu qabanidha. Anis ni mo'atu jedheen yaada.

Tilmaama: 2-1

Kamisa

Livarpuul v Shefiild Yunaayitid

Taphi kun kan liigicha dursaa jiruufi kan dhumarra taa'e jidduu gaggeeffama.

Jifataa Liivarpuul Mohaammad Saalaah irraayis abdii guddaan qaba. Kun egaa waa'ee tapha kanaa waan sinitti himu qaba.

Tapha Dilbataa Biraayitan wajjiin taphataniin, Liivarpuul akkuma barana gochaa turan, akkuma taate ta'anii duubaa ka'uun mo'atu.

Tarree liigichaa wayita ilaallus, garaagarummaan goolii morkii waancaarratti murteessaa tahuu mala - gama kanaan ammoo ammatti Arsanaal caalmaa qaba.

Taphni kun ammoo kana geeddaruu danda'a.

Tilmaama: 5-0

Cheelsii v Maan Yunaayitid

Deeggartoonni Maanchistar Yunaayitid gariin amma dura wayita ni mo'amu jedhee tilmaame, natti aaru. Garuu taphni Sambataa Bireentifard wajjin taasisan, waan keessa jiran kan guutummaatti kan mul'isudha.

Boqonnaa taphoota idiladdunyaa bahuun dura, Yunaayitid tapha Waancaa FA'n Liivarpuul mo'atanii miira olaanaarra turan.

Tapha dhuma torbeen wayita Meesan Maawunt daqiiqaawwan xumuraa keessa ennaa galchu, mo'ichaan galan jechuun namuu tilmaame.

Isa ammaa kanaan Bireentiford qabxii qooddatanii bahuun ni malaaf ture. Haa tahu malee Yunaayitid bara taphaa kana guutuu, carra-qabeessa turan.

Waan Cheelsiin irra jirus dabaluun ni ilaalla taanaan, tapha kana tilmaamuun akkaan cimaa taasisa.

Waan qixa xumuramus natti fakkaata, garuu Paalmar ni galcha waan ta'eef, galchiima isaan akka obba'u nan tilmaama.

Tilmaama Sutan: 2-1