Nama hiyyeeyyiif maallaqa kaffaluun mana hidhaatii baasisu kanaan wal baraa

Addunyaarratti namoonni hojiin tola ooltummaa hojjachuun beekaman hinuma jiru, kan Arnii Semisrot garuu gita hin qabu.
Gaazexeessaafi rogeessi umuriisaa waggaa 35 lammii Jarmanii ta'e kun, hiyyummaan yakka adabbii namatti murteessisu ta'uu hin qabu jedhee falma.
Kanaaf namoota waan kaffalan dhabuun hidhaman hordofee, maallaqa isaan akka kanfalan gaafataman kaffaleefii mana hidhaatii baasisa.
Maallaqa kiisii (giphii) isaa keessaa qabuu fi kan hiriyootasaarraa argate walitti qabuun hojii kana hojjeta.
Guyyaa tokko bara 2021 Arnii Semisrot dhimmuma kanaaf jedhee maallaqa doolaara Ameerikaa kuma 21 fi 200 walitti qabate.
Seenaansaa kun kan dhagahames taateema kanarraa ka'eeti. ''Wanti kun naaf milkaa'uusaa shakkaan ture,'' jedhe Arnii Semisrot.
Garuu hammuma giphiinsaa eeyyameen manneen hidhaarra deemee namoota baasuun milkaa'uu eegale. Jalqaba Kaaba Lixa magaalaa Barliinitti kan argamu mana hidhaa Plötzensee irraa eegale.
Ga'eessi kun wayita hojii kana hojjetu seerri Jarmanii qaawwa qabaachuu hubate. Namni waan gatii geejjibaa kaffalachuu dadhabeef hidhama. Seera kana eeyyamutu jira.
''Guyyaa sana mana hidhaa Plötzensee keessaa dhiirota 12, guyyaa itti aanu ammoo mana hidhaa Lichtenberg keessaa dubartoota sagal baasisne,'' jedhe.

Yeroo sanarraa eegalee, Arnii Semisrot kubbaaniyyaasaa Freiheitsfonds (Fandii Walabummaa) waliin ta'uun maallaqa Yuuroo kuma 800 baasuun hidhamtoota 850 ta'an mana hidhaatii baasiseera.
Arnii Semirot seerri waan kun akka raawwatu eeyyama hanqina qaba jedhe.
''Namoota maallaqa hin qabneerratti loogii taasisa. Namoota maallaqa mana kiraa hin qabnee fi hiyyeeyyii ta'an, duraanuu rakkoo keessa jiran kan qoollifatuudha,'' jedhe.
Faallaa dimokiraasii fi haqaa waan ta'eef sirrachuu qaba jechuun dhaame Arnii Semisrot.
Namoonni 7,000 ta'an sababa gatii geejjiba konkolaataa, baaburaa fi baabura magaalaa keessaa hin kaffalleef jedhamuun manneen hidhaa garaagaraa keessatti argamu.
Hedduunsaanii maallaqa irra jiru akka kaffalaniif gaafatamanis, maallaqa waan harkaa hin qabneef mana hidhaa tursiifaman.
Dubartiin umriinshee waggaa 50 keessa ta'e Giisaa Maarzi, namoota haala kanaan hidhaman keessaati. Duraan gaazexaa gurgurtee of jiraachisaa turte.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Giisaa Maarzi tikeetii osoo hin kutin baabura seente jedhamuun qabamtee ji'a afuriif hidhamte. Bara darbe Sadaasa irraa hanga bara kana Bitootessaatti hidhaa turte.
''Maallaqa homaa hin qabun ture. Maallaqa mootummaan namoota hojii hin qabneef kennuunan jiraadha. Dhuma ji'aa waan ta'eef maallaqi homaa naaf hin hafne, eeggataan ture,'' jechuun gidduu kanatti qabamuu himte.
Yeroo torba tikeetii malee baabura keessatti argamtee hidhamteetti.
Arnii Semisrot namoonni akka Giisaa gonkumaa mana hidhaatti darbamuu hin qaban jedha.
Namoonni kunneen gariin kan rakkoo sammuu qaban, kaan hiyyeeyyiidha, hedduunsaanii harka qalleeyyii deeggarsa eeggataniidha. Kanaaf manni hidhaa hin maluuf jedha Arnii Semisrot.
Gama kaaniin namoota kunneen mana hidhaatii baasisuun mootummaafillee faayidaa guddaa ta'uu hima.
Namoota 850 mana hidhaatii baasisuusaatiin maallaqa mootummaan namoota kunneen mana hidhaatti ittiin jiraachisu baasii Yuuroo miiliyoona 12 ta'u hambisuu ibse.












