Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaan daangaa Itoophiyaa waliinii cuftee turte bante
Sudaan ji’a tokko dura daangaa ijoo Itoophiyaa waliin wal daangeessu cuftee turte, amma deebistee bante.
Daangaan kun kan baname angaa’ota Itoophiyaa waliin mariin bu’a qabeessa ta’e erga gaggeeffamee booda ta’uu isaa Sudaan himteetti.
Ji’a tokko dura, Sudaan naannoo Itoophiyaa waliin ishee daangessu irratti haleellaa raawwateen miseensoti waraanaakoo ajjeefamaniiru jechuun himata dhiyeessuun ishee ni yaadatama.
Sudaan haleellaa humna waraanaa Itoophiyaan raawwatame jettu kanaan, loltoonni jahaa fi namni siviilii tokko ajjeefamuu isaanii ibsitee turte.
Mootummaan Itoophiyaa gama isaan waldhabdee kan irratti humni waraanaa biyyattii akka hin hirmaanne fi miidhaan kun kan uumame humnootiin Sudaan daangaa Itoophiyaa darbanii erga seenanii booda waldhabdee milishaa naannichaa waliin uumameen ta’uu ibseera.
Daangaan bakka Galaabaat jedhamu akka banamuuf kan murtaa’e, daangicha irratti rakkoo uumame furuuf hoggantoonni biyyootii lamaanii erga waliigalanii booda jechuun Mana Maree Tikaa fi Ittisaa Sudaanitti Koree Teeknikaa eeruun, miidiyaan mootummaa Sudaan, Suna gabaaseera.
Naannoo daangaa irratti qaamolee hidhatan to’achuuf “gama Itoophiyaan fedhiin argame” balbala daangaa kanaa banuuf wantoota sababa ta’an keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad fi hogganaan Sudaan Janaraal Abdul Fattaa al-Burhaan, Keeniyaa keessatti wal arganii mari’achuun isaanii ni yaadatama.
Hoggantoonni lamaan A.L.I Waxabajjii 28, 2014 irratti Naayirobiitti kan wal argan, marii hoggantoonni biyyootii Afrikaa Bahaa IGAD irratti hirmaachuuf erga Keeniyaa seenanii boodadha.
Marii hoggantoota lamaanii hordofee, MM Abiy Ahimad miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti “Janaraal Abdul Fattaah al-Burhaan waliin mariin tasiiseen, biyyootiin lamaan karaa nagaan hojjechuuf dhimmootiin hedduu akka jiran waliigalteerra geenyeerra,” jechuun ibsanii turani.
Mana Maree Nageenyaa fi Ittisaa Sudaanitti Koreen Teeknikaa, daangichi Dilbataa eegalee banamuu isaa ibsuun, humnootni Sudaan naannichatti eegumsa cimaa ni taasisu jedheera.
Galabaat, naannoo al-Fashaagaa kan biyyotii lamaan dangeessuu keessatti balbala daangaa jirudha.
Sudaan erga humna waraanaa Itoophiyaa himattee booda, balballi daangaa kun cufamee ture.
Naannoon qonnaaf mijataa bal’aa al-Fashaagaa jedhamu kun, to’annoo Itoophiyaa jala kan ture yoo ta’u, waraanni Tigraay eegaluu isaan booda yemmuu Itoophiyaan humna waraanaa ishee sochoostu irraa eegalee, humnootni Sudaan bakkicha to’atanii turaniiru.
Sababa gaaffii daangaan kun anaaf mala jedhuun waldhabaa kan jiran Itoophiyaa fi Sudaan, dhimma hidhaa guddicha Laga Abbayyaa irrattis hariiroon isaanii hir’isaa tureera.