Namichi ijoolleesaanii duratti haadha manaa ajjeesee biyya baqate hidhaa waggaa 19n adabame

Zafaar Iqbaal

Madda suuraa, MET POLICE

Maxxanfame

 Namichi wagga 21 dura haadha warraa isaa gaa’eela hiikuuf yaalaa turte “qaana’e” jechuun huccuun ishee hudhee ajjeesse hidhaa seeneera.

Zafaar Iqbaal, umurii ganna 62, Naziyaat Kaaniin kan ajjeesee ijjoollee isaanii dubaraa sadii fulduratti mana isaanii Norbarii, kibba-lixa Landan jiritti, Hagayya 2001 keessa ture.

Sana booda Iqbaal ijoollee isaa waayilaa isaa tokko biratti gatee gara Paakistaanitti baqate.

Manni murtii Oold Beelii, erga Iqbaal hadha warraa isaa ajjeessuu amanee booda hidhaa wagga 19 irratti murteesseera.  

Yeroo inni amma ammaatti mana hidhaatti dabarseeru, wagga shanii fi guyyaa 15, yeroo hidhaa itti murtaa’ee irraa ni hir’isama.  

Haleellaa mana keessaa irra daddabi’ee

Aadde Naziyaat, kan Ingilaand keessatti dhalatte, bara 1985’tti ga’eela maatiin qindeeffameen Paakistaanitti Iqbaalitti akka heerumte manni murtii dhaga’eera.

Dhaddacha  irratti Antonii Orchaard KC reebichi irra daddeebiin Aadde Naziyaat irra akka ga’aa tureefi yeroo tokkotti iji ishee lamaan garmaalee dhaanamuu irraa kan ka’e gurracha’ee akka ture himeera.

Amajjii 2000 keessa, Iqbaal huccuu mataa fi afaan isheetti haguugee, miilla ishee hidhuun “Sin ajjeessaa” jedhee akka dorsiise manni murti dhaga’eera.

Dabalataanis faayota ishee tokko tokko fudhatee, haleellaa inni gaggeesse kun poolisiitti gabaafamus boodarra haqameera. 

Waxabbajjii waggaa sanaa keessa Aadde Naziyaat adeemsa gaa’eela hiikuu Islaamummaa gaggeeffachuu akka eegalte.

Naziyaat Kaan

Madda suuraa, KHAN FAMILY

Amajjii itti aanuu, lamaanuu wal araaramuuf walii galanis, Waxabajjii keessa garuu hariiroon isaanii deebi’ee hammaate.

Orchaard KC akka jedhetti, odeeffannoon Gumii Islaamummaa Hagayyaa 20, 2001 akka agarsiisutti, Iqbaal wajjirichaatti bilbilee, deebii kennuuf ji’ooti dabalataa afur akka kennamuuf gaafateera.

“Gara fulduraatti xalayaarra bilbilaan akka qunnamamuuf gaafateera, sababiin isaas namni biraan xalayaa isaa dubbisuun ‘waan isa qaannessuuf’ jechuuni,” jedha.

“Guyyaama sana waaree booda sa’atii torba booda Aadde Naziyaat ni ajjeefamte,” jedha Orchaard.

Iqbaal haadha warraa isaa kan ajjeese, gaaffii gaa’ela hiikuu isheen dhiyeessite booda qaanii aadaa irra ga’uu sodaaf malee “sababa biraa qabaatee” miti kan jedhu manni murti Oold Beeli dhaga’eera.

Dabalataaniis yeroo gaa’elaa hiikuuf gaafachaa turtetti dhiira biraa wajjiin jaalalummaa eegaltee ture jedhee amanee ture.

Zafaar Iqbaal

Madda suuraa, IQBAL

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyaa yakki kun raawwatetti, ijoolleen isaanii dubaraa lamaan, kan yeroos umurii ganna 10 turan, mana yemmuu ga’an haati isaanii huccuun morma ishee irratti hidhamee lafarra ciiftee jirtu arguu isaanii Poolisiin himeera. Abbaan isaanii fi obboleettiin isaanii umurii ganna sadii kutaa sana keessa turani.

Qorattoonni akka jedhanitti ijoolleen kun abbaan isaanii Iqbaal akka ishee dhiisuuf kadhataniinis, inni garuu huccuu sana morma ishee irratti jabbeessuu itti fufee Aadde Naziyaatiis socho’uu dhaabde jedhu qorattoonni poolisii.

Intalli isaa tokko maaliif akkas goota jettee yoo gaafattuun: “Ga’eela hiikuuf waan jettuufi,” deebii jedhu kennuufi manni murti dhaga’eera. 

“Yoo dubbatan ykn waa jettan, ittan jabeessa, kanaaf yeroo isin caalatti boossan ykn dubbatan caalaatti ishee miidha,” jedhee ijoollee isaatti dubbachuu manni murti dhaga’eera.

Sana booda Iqbaal huccuu haguuggaa rifeensaa intala isaa tokko irraa fuudhee morma Aadde Naziyaatitti jabeessee hidhuu itti fufee, yoo boo’uu hin dhiisan ta’e lamaan isaanitii waan wal fakkaataa akka godhu itti himuun dorsiseeni.

Poolisiin akka jedhutti, haati isaani akka fira bira turuuf deemte kan himte fakkeessuun intala isaa tokko xalayaa akka barreessise.

Naziyaat- dubartii ajjeeffamte

Madda suuraa, MET POLICE

Iqbaal xalayaa sana balbala mana isaanirra suuqee ijoollee isaa fudhee hiriyyaa isaa Kiroydon jiru biratti dhisuun biyyatti keessaa baqate bade.

Muddee 2017 keessa, Iqbaal to’annoo jala oolfame wagga afur booda mana murti akka dhaabbatuuf gara UK’tti deebifame.

Abbaan murtii Murnoo KC, murtee Iqbaal biyyaatti keessaa baqatee ba’uuf taasise “dabeessummaadha” jechuun “jireenya bilisaa isaaf hin mallee wagga dheeraaf jiraateera" jedheera.

Intalli isaanii tokko, kan sababa seeraaf maqaan ishee hin ibsamne, harmeen ishee galmee “ajjeechaa kabajaa” keessatti lakkoofsa taatee akka hin dabarre waadaa seentee turte.

“Fuula ishee akka ati hin irranfannee fi yeroo raftu egeree ishee qofa osoo hin tanee kan kenyas akka fudhate akka yaadduuf nan kadhadha,” jechuun abbashee Iqbaalitti himte.

“Yoomiyyuu hin dagatamtu, onnee keenya keessa ni turti.”

‘Abdii hin kuttanne’

Ijoolleen Iqbaal fi Naziyaat lamaan biroon guyyaa kana wagga 21f “rakkoo fi gadadoo” keessaa darbaa akka eeganii fi “abdii akka hin kuttane” dubbataniiru.

Abukaatoon Iqbaal, Eedwaard Biraawon KC, ilaalchi aadaa ga’eelaa fi maatii irratti jiru murtee isaa irratti dhiibbaa uumeera jechuun murtee hidhaa gabaabaaf falmuu yaalee ture.

Ta’us garuu abbaan murtii, addabbii “sirriitti siif malu” ni argatta jechuun Iqbaalitti himeera. 

Dhimma  dhiippaa xiinsammuu ijoollee isaani irratti uumameef, abbaan murti: “Harmee isaanii, abbaa isaanii fi ijoollummaa isaanii dhabanii” jechuun Iqabaalitti dubbateera.

“Mana isaanii, hiriyyaa isaanii, barsiisaa isaanii, abbaa isaanii fi harmee isaani jalaa fudhatte.”