Haala Yunaayitiid keessa jiruuf taphattootni gaafatama fudhachuu qabu- Maguwaayeer

Harii Maguwaayeer

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ittisni Maanchister Yunaayitiid Harii Maguwaayeer taphattootni tooftaa taphaa fi garee leenjistootaa himachuu caala gaarii hojjechuuf dursa kennuu qabuu jedhe.

Qabxii fi gahumsa gad-aanaa kilabichi bara kanas agarsiisaa jiruun leenjisaa Eriik Ten Haag dhiibbaa jabaa keessa wayita galee jirutti, Maguwaayeer taphattootni ''cimanii hojjechuu qabu'' jedhe.

Yunaayitiid tapha torban jahaaf gaggeefameen booda gabatee ramaddii irratti sadarkaa 14ffaarratti argama. Lama injifatee, sadii injifatamee tokko ammoo qixxee bahuun qabxii torba qofa qaba.

Dilbata har'aa ammoo dirreesaatiin ala Astan Viilaa morkata. Abbootii qabeenyaa kilabichaa keessaa tokko kan ta'e Sir Jiim Raatkiliif hegeree Teen Haag irratti murteessuun ''gaheekoo miti'' jedhe.

Maguwaayeer ''waggoota jahaaf asin jira, kun maal akka ta'e nan beeka. Yeroo rakkisaa keessa dabarta, hunduu si qeeqa'' jedhe.

''Baroota darban leenjisaa kana waliin taanee yeroo gaarii hojjennuu garee kamuu akka mo'achuu dandeenyu agarsiifneerra. Rakkoon keenya garuu gahumsichi waaraa ta'uu dhabuudha, Isa agarsiisuu jalqabuu qabna.''

Yunaayitiid har'a gara Viilaa Paark kan imalee, torban darbe dirree ofiitti Tootenhaamiin 3-0n injifatamuurraa bayyanateeti. Morkii Yirooppaa Liigii Kamisa dirree Poortootti godheen ammoo sadi qixxee baheeti.

Morkataansaa Astan Viilaa ammoo morkii Chaampiyonsi Liigiin imal injifatamauu dhabuu Baayer Muunikitti xumura gochuun injifateera.

Yunaayitiid Ten Haag jalatti taphoota gaggeesse keessa 24 irratti gooliin sadiifi isaa ol irratti galeera.

Ittisni ganna 31 Yunaayitiid ''kuni gaarii akka hin taane ifadha. Shakkii malee fooyyessuu qabna'' jedha.

''Akka taphataatti of duuba ilaaltee hiriyoota kee komachuun salphaadha, ykn garee leenjistootaa fi tooftaa taphaa komatta. Garuu ofis ilaaluu qabda.

''Gaafatama fudhachuu qabda, Yeroo kanatti hundi keenyayyuu waan fooyya'aa hojjechuu qabna.''

'Bara darbe caala fooyyofnee taphachaa akka jiru nutti dhagaahama'

Bara dorgommii darbe Maanchister Siitii 2-1n mo'atee waancaa FA kan injifate Ammoo liigicha idaa goolii tokkoon saddeettaffaa ta'uun xumure.

Bara kana hanga ammaa taphoota gaggeessan jahan ammoo idaan goolii irra jiru sadiidha. Gooliin hanga ammaa lakkoofsisuu danda'an ammoo shan.

Maguwaayeer haala kana keessattiyyuu ''bara dheengaddaarra fooyyee qabna'' jedhee yaada.

''Ofitti amanamummaa argachuu qabna. Injifannoo bara darbe Viilaa Paarkitti arganneerraa amantaa argachuu qabna'' jedhe.

Taphataan kun gahumsi dirree isaaniitti Tootenhaam waliin yoo morkatan agarsiisan badaa ta'uu himeera. Ammoo qabxii hedduun fuuldara jira jedhe.

Morkiin Dilbata har'aa jabaa akka ta'us dubbate.