Morkii Chaampiyoonsi Liigii Liivarpuul fi PSG, Arsenaal fi PSV, darbii Maadriid

Mohammad Saalaa (bitaa) fi Kiliyaam Imbaappee (mirga)
Ibsa waa'ee suuraa, Mohammad Saalaa (bitaa) fi Kiliyaam Imbaappee (mirga)
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Caamsaa 31 Muunikitti dhihaachuun waancaa Chaampiyoonsi Liigii of harka galfachuuf falmiin itti fufeera.

Kilaboonni 16 keessa galan har'aa fi bor ni taphatu. Taphi kun dhaqaa gala kan gaggeeffamu yoo ta'u ida'ama lamaanirrattiyyuu argataniin abbaa injifatu gara itti aanutti darba.

Kilaboonni 16 keessa galuuf falmii cimaa taasisaniiru. Kanneen 1-8 keessa galan kallattiin darban. Kilaboonni 16 ammoo tapha dhaqaa galaa taphachuun marsaa kanaaf darban.

Falmiin kun ammas itti fufeera. Kilaboonni Piriimer Liigii Ingilaand sadi dorgommii kana keessatti hafan falmii cimaa taasisuutu irraa eegama.

Piriimer Liigii Ingilaand dursaa kan jiru Liivarpuul Roobii boruu galgala gara dirree Parc des Princes imaluun kilaba Ligue 1 qabxii guddaan dursaa kan jiru PSG waliin ni falmata.

Lammaffaarra kan jiru Arsenaal ammoo kilaba Nezarlaands lammaffaarra jiru PSV Eindhoven waliin taphata.

Dhiheenya kana ga'umsa ajaa'ibsiisaarra kan jiru Aston Viilaan kilaba Beeljiyem Club Brugge waliin falmata.

Maanchistar Siitii dorgommii Chaampiyoonsi Liigii keessaa kan baase chaampiyoonaan dorgommii kanaa Riaal Maadriid ammoo dirreesaatti darbiisaa kan ta'e Atileetikoo Maadriid keessummeessa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkasuma Baayer Muunik fi Baayer Leverkusen kilaboota liigii tokko keessaa waliin tpahataniidha.

Akkuma Riyaal Maadriid fi Atileetikoo Maadriid kilaboonni Bundasliigaa kunneenis liigiisaanii keessaa tokkoffaa fi lammaffaarra jiru.

Liivarpuul erga bara dorgommii 2018-19 as yeroo jalqabaaf PSG waliin barana walitti dhufe. Bara sana Liivarpuul waancaa ja'affaa Chaampiyoonsi Liigii kan mo'ate bara sana.

Falmiin Liivarpuul fi PSG gidduu ture salphaa miti, kan alanaas akkaan eegama.

Ammoo dirree PSG irratti ta'uun Liivarpuulitti qormaata cimsa.

Sababni isaa Liivarpuul erga bara 2008 Marseille injifatee as dirreesaan alatti kilaba Faransaay injifatee hin beeku.

''Sadarkaa dorgommii kanatti ga'umsi fi cichoominni taphattootaan sadarkaa olaanaan mul'achuu qaba. Kilaba Awurooppaa keessatti rikordii guddaa qabutu nu ga'e,'' jedhan leenjisaan Liivarpuul Arne Siloot.

''Dhiheenya kana kilaba liigii tokko keessa waliin jiran Brest qabxii guddaadhaan injifate. Liigii isaanii keessaas qabxii olaanaa qabu. Kilaboota akka stuttgart, Manchistar Siitii, Jiroonaa fi Salzburg mo'ataniiru.''

Liivarpuul garee Luwiis Enriik mo'atee yoo darbe morkataa isaa kilaba Piriimer Liigii Aston Viilaa waliin walitti dhufa.

Lameen keessaa kan mo'ate Aston Viilaa fi Club Brugge keessaa abbaa mo'ate waliin tapha nuusa xumuraa taphatu.

Kunis yoo Aston Viilaan kilaba Beeljiyem Club Brugge injifatedha.

Haata'u malee Club Brugge dorgommiima baranaa keessatti Aston Viilaa mo'atee beeka.

''Nuti amma gammachuu qabna. Deeggartoota keenya waliin gammachuu keenya ibsachuuf jirra,'' jedhan leenjisaan Aston Viillaa Unaay Emirii.

Arsenaal ammoo yoo PSV mo'atee darbes qormaata guddaatu isa eeggata. Sababni isaa kilaba yeroo 15 waancaa kana injifachuun rikordii qabu Riyaal Maadriid yookiin kilaba mataa namatti jabaatu Atileetikoo Maadriid waliin taphata waan ta'eef.

Kilabni Arsenaal waliin morkatu PSVn ammoo kanaan dura Liivarpuuliin mo'atee beeka.

Bara darbe waancaa kilaba Daach kan nyaate kilabni kun Arsenaalitti qormaata ta'uun waan hin oolle.

Za Gaaners kanaan dura PSV yeroo sadi mo'ateera, bara darbe goolii 4-0 dhaan injifate.

''Waan ittiin morkachuu deemnu fi waan nu mudatuuf jiru beekna,'' jedhe Mikeel Arteettaan.

''Waliin taphannee beekna. Kilaba cimaadha. Gulantaa kanarra yoo geessu kilabi hunduu ni cima.''