Balaqqeen ifaa guddaan waliinsaa hin beekamne Kiyeev irratti mul'ate saatelaayita keenya miti - NASA

Madda suuraa, UGC
Balaqqeen ifa guddaa qabu waliin isaa hin beekamne magaalaa guddoo Yukireen, samii Kiyeev irratti mul'ate gaaffiifi yaaddoo jabduu kaase.
Aanga'oonni Kiyeev jalqaba saatelaayita Nasa hawaa irraa Dacheetti deebiyaa jiru jedhanii shakkanii ture.
Dhaabbanni ejensii hawaa US kan ta'e Nasa'n garuu saatelaayitiin isaa ammallee hawaadhuma keessa toora irra deemaa akka jirtu BBCtti himeera.
Humni qilleensaa Yukireen ammoo ifa cabaa kattaa, sibiila ykn wantota biroo hawaa iraa Dacheetti gadi dhiifamanii ta'uu mala jechuun hime.
Ifti magaalattii irratti balaqqeessa'e kun haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessitu ta'a jedhamees ture.
Waan barbaade ta'us, haleellaa humna qilleensaa Raashiyaatiin kan uumame akka hin taane amantii guutuun dubbata humni qilleensaa Yukireen.
Ifti guddaan samii magaalattii irratti mul'ate kun naannoo sa'aatii 22:00 (19:00 GMT) irratti ture.
Sagaleen haleellaa xiyyaaraa akeekkachiisu waan hin dhaga'amneef "humni ittisa qilleensaas oppereeshiniirra hin turre," jechuun Telegramitti dubbate gaggeessan waraanaa Kiyeev Serhiy Popkoo.
"Akka odeeffannoon jalqaba bahe akeekutti, wanti akkasii yeroo saatelaayitiin Nasa hawaa irraa Dacheetti deebitu ture," jecha Mr. Popkoon.
Ejensiin hawaa US jalqaba torban kanaa akka beeksisee turetti, saatelaayitiin kiiloogiraama 300 ufaatu yeroo hojii isaa xumre Roobuu Dacheetti deebiya.
Xiyyaar-samiin RHESSI jedhamtu kun akka ifa sirna soolaarii xiinxaltuuf bara 2002 ergamte jedhe Nasan.
Qondaalli Komunkeeshinii Nasa Rob Margettaa akka jedhanitti, saatelaayitiin kun ammallee yeroo balaqqeen ifaa guddaa kun magaalaa Kiyeev irratti mul'atutti toora ykn orbiitiirra jirti.
Nasa fi dippaartimantiin ittisaa US RHESSI eessa akka jirtu waliin ta'uun yeroo hunda ni hordofus.
Miidiyaaleen hawaasaa Yukireen ifti guddaan magaalaa biyyattii irratti balaqqaa'e kun maal ta'uu danda'a jechuun wal harkaa fuudhanii ho'isaa jiru.












