Duulli 'dirqiin' dargaggoota raayyaa ittisaaf guuruu kutaalee Oromiyaa adda addaarraa dhagahame

Miseensota Raayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti duulli dargaggoota raayyaa Ittisaatiif walitti qabuu daran hammaachaa jiraachuu jiraattonni BBCtti himan.

Yeroo dirqamaan namootni gara leenjii waraanaatti ergamuuf qabanittis miidhaan qaamaa hanga lubbuun darbuutti qaqqabuu akka jirus himama.

Gochi kun akkamiin raawwatamaa jira?

Magaalotaa fi aanaalee Oromiyaa adda addaa keessatti dargaggoonni fedhii isaanii malee dirqamaan qabamuun raayyaa ittisaaf calalamaa akka turan ji'oota muraasaan dura dhimma heddumminaan dhagahamu ture.

Gochi kuni torbeewwan lamaa asitti amma bifa haaraan eegalamuun dargaggootaa fi maatii ijoollee qabanitti yaaddoo uumeera.

BBC'n iddoowwan gochi dirqamaan dargaggoota raayyaa ittisaaf walitti qabamu jedhamanii himaman keessaa magaala Adaamaa bakka dargaggootni kunneen itti tursiifaman keessaa tokko ilaaleera.

Bakki tursiisaa kuni galma waajjiraaleen mootummaa keessatti argamudha. Dargaggoonni hedduun galmicha keesatti walitti qabamaniiru.

Fuuldurri galma kanaa funyoodhaan namni akka darbee hin deemne daangeffamee kan jiru yoo ta'u, qaamoleen nageenyaa uffata milishaa Oromiyaa Uffatan bakkicha eeguurratti argamu.

Maatiin Ijoolleen ykn abbaan warraa isaanii jalaa qabaman kaan mooraa keessa kaan ammoo dallaa waajjirichaatiin ala dhaabbatanii miira gaddaatiin liqimfamanii mul'atu.

Maatii bakkicha jiran keessaa gariin daa'imman xixiqqaa qabaatanii jiru. namoota isaan jalaa qabaman kanaafis bishaanii fi nyaata kanneen fidanii itti kennanis jiru.

Bakki dargaggootni karaarraa dirqamaan qabamanii raayyaa ittisaatiif calalaman kuni bakka BBC'n ilaale kanaan alatti aanaalee magaalattii hunda keessatti bifa walfakkaataan akka jiru odeeffanneerra.

Birrii kiisiitti qabadheen deema…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jirataan Magaala Adaamaa ta'ee fi eenyummaan isaa akka hin ibsamne nugaafate gochi dirqiin nama qabuu kuni hiriyootasaarra gahuu fi innis yaaddoo jabaa qabaachuu dubbata.

"Galgala sa'aatii tokko geenyaan magaala bakka bakka qabu, si dhaabsisaniituma siqabanii deemuudha. Namni sababa sitti himu, gaaffiin gaafattu hin jiru. Paatrooliirra yaabbachiisanii fuudhanii deemuu qofa," jedha.

Gocha kana kan raawwatu ammoo milishootaa fi poolisoota magaalaa ta'uu eeruun ''yoo birrii qabaatte garuu erga qabamtees carraa gadhiifamuu qabda,'' jedha.

"Gaafa dheengaddaa galgala yeroon mana galaa ture akkattin jalaa bahe anaa fi waaqatu beeka. Qabamuu qofa miti maallaqas ni gaafatamta. Maallaqa kan gaafatamtu gadhiifamuufi," jedha.

Waan hiriyaa isaa tibbana mudates akkas jechuun hima.

"Adaamaa bakka Saartaraa jedhamutti hiriyootakoo nama sadii qaban. Warri isaan qabe dhaqanii poolisiitti kennan. Achitti kuma kudhan kudhan gaafataman. Isaan gadhiisuuf ammoo dirqama nama sadii biraa bakka buusuu qabu."

"Bakka isaanii magaala keessaa nama sadii biraa qabanii dhufaniiti kan bakkaa buusanii sanbooda ijoolleen birrii kanfalan suni gadhiifaman," jedha dargaggoon kun.

Jiraataan Magaala Adaamaa BBCf yaada kenne kuni sababa maatii qabuu fi yaaddoon dirqiin qabamuu isa mudachuu maluuf maallaqa kaffalee ittiin bahu danda'u kiisatti qabadheen deema jedha.

"Ani dargaggeessa. Ammoo maatiin qaba. Daa'iman manaa qaba. Yoon qabame jedhee nan yaadda'a. Kanaaf jalqaba bakka isaan itti nama qaban kana irraa goree galuun yaala. Yoo cimee dhufee qabame kan jedhuun ammoo maallaqan kaffalee gadhiifamu of harkaa hin dhabu," jedha.

Magaala Adaamaatti hojiin dargaggoota dirqiin qabuu kuni qaamolee nageenyaa fi gaggeesitoota aanaaleetiif kootaan kennamee akka hojjetamaa jirus BBCn odeeffateera.

"Gaggeessaadhaaf kootaan kennameeti hojjetamaa kan jiru. kanaaf kootaa sana guuttachuuf warra listiroo hojjetus ta'u, kaan maallaqaan bitaniis ta'u dirqamaanis ta'u fidanii waan itti kenname raawwatu," jedha.

Waraanaaf hin calalamu jennaan manasaatti ajjeesan…

Sababa dargaggoota waraanaaf calaluu Kanaan bakka adda addaatti gochoonni mirga namoomaa sarbanii fi reebichaa hanga ajjeefamuutti raawwatamaa jiraachuu jiraattoni nihimu.

Godina Harargee Bahaa aanaa Miidhagaa Tolaa araddaa Biyyoo Waraabaa jedhamutti dhuma Torbaniirra abbaa ilmaan shanii kan ta'e namni Ibsaa Naazir jedhamu balbala manasaatti ajjeefamuu Maatiin BBCtti himan.

Miseensi maatii miidhamaa kanaa eenyummaa isaanii akka hin ibsine nugaafatan miidhamaan kuni sababa Dirqiin raayyaa ittisa biyyaatti makamta jedhuunii fi inni dideen qaamoleen nageenyaa ajjeesanii deemuu himan.

"Sababni tokkichi kanaaf ajjeesan jedhu hin qabu. Dirqiidhaan Raayyaa ittisaatti leenji'I jennaan dide. Duruma ajjeesuuf waan yaadan fakkaata. Waan jennu hin qabnu" jedhan miira gaddaatiin.

Dhimma ajjeechaa kanarratti kan gaafanne Ittigaafatamaan waajjira Milishaa aanaa Miidhagaa Tolaa Obbo Ahmed Abdulkariim, yaada kennuuf heyyamamoo ta'uu eeruun turree akka bilbilluuf nugaafatanii boodarra bilbila kaasuu didan.

Dhimma Kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti dargaggoonni Dirqiin Raayyaa Ittisaatiif guuramaa jiru jechuun hawaasni Komatu kana Mootummaa naannoo Oromiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin goone hin milkoofne.

Yeroo yaada kennuuf heeyyamamoo ta'anitti yaada isaanii keessumeessuuf qophii ta'uu keenya ibsuu barbaanna.

Mootummaan sadarkaa naannoos tahe federaalaa dhimma dargaaggoota waraanaaf dirqamaan walitti qabuu kana irratti waan jedhan hin qaban.