Waancaa Addunyaa moo'achuu: Taateewwan dinqisiisoo galmee seenaarraa

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Biyya Waancaa Addunyaa ni moo'atti jedhan dursanii tilmaamuun waan seenaa yeroo dheeraa qabu.
Ogeessi dinagdee lammii biyya Jarman, Jookiim Kileement taphoota waancaa addunyaa sadan darban biyya waancaa nyaatu dursee Tilmaamuun milkaa'e gurra horate.
Garuu tilmaama dursamee kennamu kanarratti wantootni dhiibbaa uumuu malan hedduudha.
Malli taphaa gaafas gareen suni hordofu, murtiin daanyaa fa'a wantoota tilmaama sana ulfaataa godhani jechuun BBCtti hime.
Waancaan Addunyaa erga taphatamuu eegalee biyyoota irratti hirmaatan keessaa hanga har'aatti biyyoota saddeet qofatu waancaan galate.
Arjentiinaa, Biraaziil, Engilaadi, Faransaayi, Jarmanii, Xaaliyaanii, Ispeenii fi Uraagaayi.
Biyyootni 13 qofti tapha xumuraa waancaa Addunyaa taphatan. Biyyootni muraasni irra deddeebiin gulantaa kanaaf gahan.
Jarman si'a saddeet tapha xumuraa waancaa addunyaaf geesse. Biraaziil si'a torba Arjantiinaa fi Xaaliyaaniin ammoo si'a ja'a ja'a tapha xumuraaf gahaniiru.
Biyyootni haaraan waancaa addunyaa injifatanii tarree biyyoota waancaa addunyaa nyaatanii kana seenuun waan laayyootti gahamu miti. Dhihootti biyyoota injifannoo kana dhandhamanitti kan makamte Ispeeni- bara 2010.
Nezerlaandi si'a sadii tapha xumuraa waancaa Adunyaaf geessullee waancaa kana kaastee hin beektu. Namni tapha waancaa addunyaa Tilmaamuun gurra Horate, Kileement waancaa addunyaa bara 2026 kana biyyattiin akka moo'attu tilmaame.
Garee Afrikaa fi Eeshiyaa irraa biyyoota lama qofatu gulantaa tapha nuusa xumuraa qaqqabe. Kooriyaan Kaabaa bara 2002 fi Morookoon bara 2022.
Dhiibbaan Ji'oogiraafii murteessaadha

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waancaa Addunyaa jalqabaa Uraagaay bara 1930 qopheessitee fi kan bara 2022 Kaataar qopheessite gidduu carraan biyyi ardii biraa, bakka taphichi itti qophaa'e ala ta'e waancaa moo'achuu gadi aanaa ture.
Waancaa addunyaa 22 taphatame keessaa carraan akkanaa si'a ja'a qofa ta'e. Biraaziil si'a sadii, Ispeen , Jarmanii fi Arjantiinaan si'a tokko tokko.
Taphoota dachee kibba Ameerikaa fi Awurooppaa irratti taphatamanitti gadi buusnee yoo ilaalle ammoo, seerri kuni taphoota 19 keessaa si'a lama qofa milkaa'e.
Gareen kubbaa miilaa irra hedduun qilleensa baratan keessatti carraa milkaa'uu qabu. Kana malees dhiibbaan imala dheeraa fi baayyinii deeggarstootaas murteessaadha. Hanga ammaatti biyyootni waancaa Addunyaa qopheessanii waancicha moo'atan ja'a qofa.
Waancaan Addunyaa bara 2026 kuni yeroo jalqabaatiif biyyoota sadii waliin ta'uun qopheessan: Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon.
Baayyinni biyyoota waancicharratti hirmaataniis kan kana dura ture 32 irraa gara 48tti guddateera.
Biyyootni afur seenaa isaanii keessatti yeroo jalqabaatiif waancaa addunyaa baranaa irratti hirmaatu. Kuraakaa'oo, Keepiveerdee, Joordaanii fi Uzbekistaan.
Sadarkaan biyyootaa FIFA bu'aa biyyootaa irratti dhiibbaa mul'isaa?
Biyyi dhiheenya sochii kubbaa miilaa gaariirra jira jedhame waancaa addunyaa kanarrattis jabina mul'isuu danda'a jedhanii tilmaamuun waan sirriiti. Kuni garuu tilmaama qofa ta'ee carraa hafuus qaba.
Sadarkaan biyyootaa bara 1992 FIFA'n kenne ramaddii biyyootaa tapha waancaa Adunyaatiif akka ulaagaatti ilaalamee ture.
Injifattoonni waancaa Addunyaa yeroo hedduu biyyoota ramaddii FIFA'tiin sadarkaa 10 hanga 15 gidduu Jirani.
Hanga ammaatti biyyi yeroo waancaa addunyaa moo'atutti ramaddii FIFA'tiin sadarkaa tokkoffaarra ture hin jiru.
Sadarkaan kubbaa miilaa Biyyoota Addunyaa FIFA kan bara kanaa inni dhumaa Waxabajjii 11 ifooma. Kunis erga biyyootni waancaa addunyaaf taphatan tapha michoomaa waliin taphataniin booda jechuudha.
Biyyootni waancaa darbe injifatan injifannoo hin tikfatan

Madda suuraa, Bettmann Archive/Getty Images
Biyyootni akka Biraaziil, Jarmanii, Xaaliyaanii, fi Arjantiinaan waliin waancaa addunyaa hanga ammaa qophaa'e keessaa 16 injifatan. Garuu injifannoo walitti fufiinsaan tikfachuun laayyoo miti.
Seenaa waancaa Addunyaa keessatti biyyoota lama qofatu walitti aansuun si'a lama lama waancaa addunyaa moo'ate. Xaaliyaaniin bara 1934 fi 1938, Biraaziil ammoo bara 1958 fi bara 1962.
Injifannoon yeroo hedduu kufaatii dura dhufa

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Yeroo dhihoon asitti yoo ilaallu injifannoon waancaa addunyaa biyyoota waancaa amma duraa injifatanii dhufaniif dansaa hin turre.
Erga bara 2002 biyyoota waancaa moo'atanii bara itti aanus waancicharratti hirmaatan ja'a keessaa afur tapha marsaa duraatuu osoo hin darbine kufan.
Adeemsa kana kan cabsan Biraazilii fi Faransaayi qofa. Bara 2002 shaampiyoonaa ta'anii bara 2006 ammoo Nuusa xumuraaf gahan.
Faransaay ammoo bara 2018 waancaa moo'attee bara 2022 ammoo sadarkaa 2ffaan xumurte.
Leenjistoota biyyoota alaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Waancaa addunyaa irratti biyyootni leenjistoota biyyoota alaa fayyadamuun waan haaraa miti. Waggoota 30 darban garuu biyyootni ogeessota biyyoota alaa fayyadamuun hammeentaansaa dabaleera.
Leenjistoota biyyoota alaa fayyadamuun kuni lakkofsa olaanaarra kan gahe bara 2026. Biyyoota hirmaatan 48 keessaa 26 leenjistoota biyyoota alaatiin durfamu.
Warri kana dura shaampiyoonaa turan Biraaziil leenjisaa Xaaliyaanii Kaarloo Ancholootiidhaan, Ingilaand ammoo leenjisaa lammii Jarman Toomaas Tucheelin durfamu.
Rakkoon isaa garuu seenaa waancaa addunyaa keessatti hanga ammaa biyyi leenjisaa lammii biyya biraatiin durfamaa shaampiyoonaa ta'e hin jiru.
Dhiibbaa Kilaboota Baayermuunikii fi Miilaan

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Kuni ragaa waancaa addunyaa xiqqoo nama raaju.
Taphoota waancaa addunyaa 11 darban taphataman keessaa yoo xiqqaate biyyi tokko kan tapha xumuraaf gahe taphataa kilaba Jarman Baayermuuniik yookan ammoo Kan xaaliyaanii Intermiilaan ofkeessaa qaba.
Yookan ammoo kilaboota lamaan irraayyuu.
Erga bara 1982 tapha waancaa addunyaa lama qofarratti kilabni taphataa kilaboota lamaan keessa taphatu hin qabne waancaa addunyaa moo'ate. Bara 1986 fi bara 2010.
Galmee taphattootaa FIFA akka mul'isutti, biyyoota 48 waancaa addunyaa baranaa irratti hirmaatan keessaa 15 taphataa kilaba Baayermuuniik yookan Intermiilaan yookaan lamaanirraa ta'an qabu.
Kuni Biyyoota ciccimoo akka Jarman, Faransaayii fi Arjantiinaafaa dabalata.












