Dippiloomatii cimaafi ministiira dhimma alaa duraanii US Henrii Kisinjar waggaa 100tti du'an

Maxxanfame

Dippilomaatii cimaa jedhamuun kan jajaman ministiirri dhimma alaa US duraanii Henrii Kinsinjar waggaa 100tti du'uun himame. Henrii Kisinjar keessumaa yeroo Waraana Hololaa (Cold War) hariiroo alaa US addunyaa waliin qabdu jabeessee qabuudhanis jajamu.

Bara bulchiinsa Pirezidaant Niiksaniifi Pirezidaant Foord dippilomaatii US olaanafi gorsaa nageenya biyyoolessaa ta'uunis tajaajilaniiru.

Bara 1970oota keessa siyaasa keessaa bahanis sanaan booda gaggeessitoonni biyyattii gorsaaf isa bira deemuu hin dhiifne.

Pirezidaantin duraanii US Joorj W Buush, "nama dhimma tarsiimoo alaarratti sagaleensaa dhagahamuufi gorsaa adda ta'e dhabne" jechuun gaddasaanii ibsatan.

Ministeerri Muummee duraanii UK ammoo nama saayinsii dippilomaasii harkaa qabu dhabne jedhan.

Henrii Kisinjar bara 1923tti Jarmanitti kan dhalatan yoo ta'u, Naazii baqachuun bara 1938tti gara UStti baqatan. Bara 1943tti lammummaa US argachuun waggaa sadiif loltuu ta'uunis tajaajileera.

Boodarra barnootaan digrii jalqabaa hanga PhDtti erga argatee booda Yunivarsiitii Harvaarditti saayinsii siyaasafi walitti dhufeenya alaa barsiisuu eegale.

Bara 169tti Pirezidaant Niiksan gorsaa nageenya biyyoolessaa gochuun isa muudan. Kuni ammoo imaammata dhimma alaa US keessatti akka garaasaa akka hirmaatuf balbala baneef.

Waraana USfi Veetinaam booda Chaayinaa waliin US walitti dhufeenya akka horattu akkasumas Baha Giddu-galeessaa keessatti Waraanni Israa'elif Arabootaa Yom-Kippur akka dhaabatuufis dippilomaatii gahee guddaa bahateedha jedhama.

Pirezidaantin Israa'el Ayizaak Herzoog du'a Henrii Kisinjaritti gaddi itti dhagahamuu ibsuun Israa'el Masirii wajjin walii galtee mallatteessun nagaa akka buusaniif gahee guddaa taphachuusaa ibsan.

Keessumaa Chaayinaatti Henrii Kisinjar baay'ee jajama. Sababni isaa bara waraana Veetnaam booda USfi Chaayinaa gidduutti walitti dhufeenyi akka jabaatuf dippilomaatii kutannoon hojjateedha jedhama.

Henrii Kisinjar du'uunsaa gaafa dhagahamu lammiilen Chaayinaa hedduun fuula miidiyaa hawaasaa "Weibo" gubbaatti gaddi itti dhagahamuu ibsatan.

Miidiyaalen Chaayinaa tokko tokko ammoo "hiriyaa durii uummata Chaayinaa" jechuun ibsan.

Miidiyaan China Central Television jedhamu "dippilomaatii jabaafi nama seenansaa hin bososne" jechuun nama walitti dhufeenya Chaayinaafi US keessatti gahee guddaa bahate ta'uu ibse.

Gama biroon ammoo Henrii Kisinjar namoota Gamtaa Sooviyeetii wajjin diinummaa uumufi gaggeessitoota biyyoota mirga namaa dhiitanii deeggaraa ture jedhamuun komatama.

Henrii Kisiinjar bara 1973tti gaggeessaa Veetinaam Kaabaa kan ture Le Duc Tawo waliin Badhaasa Nobeelii Nagaa argatanii ture. Gaggeessan Vetinaam Kaabaa garuu badhaasa kana fudhachuu dide.

Bara 1977tti Kisiinjar aangoofi siyaasa keessaa erga bahee booda dhima hawaasaafi dippilomaasii irratti yaada kennuu hin dhiisne.

Gaggeessitoota Chaayinaa Maa'oo Zeedong hanga Shii Jiin Piingitti fuulafi fuulan taa'ee wajjin mariyachuun dippilomaatii Ameerikaa jalqabaa isa taasisa.

Erga waggaa 100 guuteellee ji'a Adoolessaa keessa pirezidaantii Chaayinaa wajjin wal-arguuf daawwannaa tasaa Beejingitti taasisee ture.

Yeroo daawwannaa inni taasisu kana dubbi himaan Koree Nageenya Biyyaalessaa US Joon Kirbiin mootummaan US kan hin godhin namni dhuunfaa carraa gaggeessitoota Chaayinaa wajjin wal-qunnamuu danda'uun waan hin yaadamneedha jechuun mufatanii turan.