Namni siyaasaa gameessi Itoophiyaa Pirofeesar Bayyanee Pheexiroos boqotan

Madda suuraa, PM Abiy
Siyaasa Itoophiyaa keessa waggoota hedduuf kan turan Piroofesar Bayyanaa Pheexiroos boqochuu jalqaba miidiyaa hawaasaa isaaniirratti kan ibsan Ministira Muummee Abiy Ahmad.
Pirofeesar Bayyanee Pheexiroos siyaasa Itoophiyaa keessatti nama gumaacha guddaa qabanii fi siyaasa karaa nagaan gaggeeffamu keessatti nama bu'uuraati jechuun ibsan MM Abiy.
Gameessi siyaasaa kun dhibamanii yeroo dheeraaf wal'aanamaa turuu kan ibsan Ministirri Muummee Abiy, ''du'aan nurraa adda ba'uusaanii wayitan dhagahu onnee koorraa gaddeera,'' jedhan.
Duudhaan isaan kaa'anii darban akka itti fufu nan hawwa jedhan MM Abiy.
Bara 1950 kan dhalatan Pirofeesar Bayyanee Pheexiroos, barnootasaanii yuniversitiiwwan bebbeekamoo akka Yuniversitii Tulane, Yuniversitii Wisconsin fi Yuuniversitii Finfinneetti barataniiru.
Namni siyaasaa gameessi Itoophiyaa kun yuniversitii Finfinneetti barsiisaa Baayooloojii turan.
Duraan Godina Hadiyyaa naannoo filannoo Badawacho jedhamu bakka bu'uun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa keessa kan turan Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos, hanga yeroo dhihootti dura taa'aa Fooramii Dimokiraatawaa Itoophiyaa jedhamuun kan beekam Mederek turan.
Ministirri Muummee Abiy bara 2022 ji'a Amajjii keessa Pirofeesar Bayyanee Pheexiroos daarektara Inistitiyuutii qorannoo imaammataa gochuun muudanii turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirofeesara barnoota saayinsii Baayoo meedikaalaa (Biomediacal Sciences) kan turan namni siyaasaa gameessi kun, bara 1950 Kibba Itoophiyaa Godina Hadiyyaatti dhalatan.
Digiriisaanii jalqabaa Yuniversitii Finfinnee duraan (Yuniversitii Haayilesillaasee tokkoffaa) jedhamurraa bara 1973 argatan.
Isa booda gara Ameerikaa imaluun barnootasaanii sadarkaa olaanaa itti fufan.
Bara 1977 digiriisaanii lammaffaa (MSC Degree) Yuniversitii biyya Ameerikaa Wisconsin, medison jedhamurraa argatan.
Bara 1986 ammoo achuma Ameerikaatti Yuniversitii Tulane jedhamurraa digirii sadaffaa (PhD) barnoota Fayyaa Hawaasaa fi dhibeewwan Tiroophikaalaa (Tropical Diseases and Publuc Health) jedhamuun argatan.
Pirofeesar Bayyane Pheexiroos nama siyaasaa gameessa akkasumas barsiisaa beekamaa fi qorataa ta’uun Yuniversitii Finfinneetti barattoota hedduu sadarkaa digirii jalqabaa hanga PhD’tti barsiisaniidha.
Daarektara Inistitiyuutii Qorannoo Imaammataa ta’uusaanii dura jaarmiyaalee hawaasaa hedduu keessaa tajaajilaniiru, addunyaa barnootaa keessas yeroo dheeraaf turan.
Sadarkaa biyyaalessaa fi idil-addunyaattis pirofeesarummaan tajaajilaniiru.
Pirofeesar Bayyaneen hojii barnootaa fi qorannoo tokko jedhanii kan eegalan Yuniversitii Finfinnee damee barnootaa Baayoloojii keessatti.
Bara 1986 hanga 1991 dursaa damee barnootaa Baayooloojii ta’uun tajaajilaniiru.
Bara 1989 hanga 1991tti Waldaa Qorannoo Baayooloojii Itoophiyaa (Biological Society of Ethiopia) hundeessuun hoogganaa turan.
Bara 1997 hanga 2000 dura taa’aa Koree gorsituu dhimma fayyaa fi misoomaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa- Advisory Committee on Health and Development, WHO /AFRO jedhamuu ta’uun tajaajilaniiru.
Pirofeesar Bayyaneen bara 2002 hanga 2014 dura taa’aa Sagantaa- Ethiopian Bioethics Initiative (ETBIN) jedhamuu ta’uun tajaajilaniiru.
Miseensa koree sagantaa Pan African Bioethics Initiative (PABIN) jedhamuus turan.
Bara 2013/14 Ameerikaatti deddeebi’uun Yuniversitii Chikaagoo keessaa barsiisaa turan.
Inistitiyuutii Fayyaa Biyyaalessaa Ameerikaa jalatti dhibee busaa irratti qorannoo gaggeessaniinis beekamtii guddaa argataniiru.
Yuniversitii Finfinneetti ammoo qorannoowwan dhimma dhibee busaa fi dhibeewwan maxxantuuwwan adda addaan daddarban irratti qorataman dursaa turan.
Addunyaa barnootaan alatti ammoo Pirofeesar Bayyanaan siyaasa Itoophiyaa keessatti nama akka mallattootti ilaalaman turan.
Bara 1992 irraa eegalanii siyaasa paartii biyya bulchuun morkatu hundeessuu fi gaggeessuun bulchiinsa gaarii fi dimokiraasii Itoophiyaa keessatti ga’ee guddaa gumaachan.
Bara mootummaa ce’umsaa, 1991 hanga 1993, deetaa Ministira Barnootaa ta’uun tajaajilaniiru.
Akkasumas yeroo dheeraaf Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa seenuun siyaasa biyyattii karaa qabsiisuu keessatti ga’ee olaanaa gumaachaniiru.
Seenaasaaniirraa hubachuun akka danda’amutti bara 1991 hanga 1993 fi bara 2000 hanga 2010 miseensa paarlaamaa Itoophiyaa turan.
Pirofeesar Bayyane Pheexiroos gumaacha gama barnootaa fi tajaajila hawaasaan taasisaniin badahaasa biyyaleessaa fi idiladdunyaa hedduu argataniiru.
Barreeffamootaa fi qorannoowwan 120 ta’an kan maxxansiisan Pirofeesar Bayyane Pheexiroos, kitaaba mata-dureensaa Qajeeltoo Bu’uuraa Baayooloojii (Basic Principles of Biology) jedhu barreessaniiru.












