Sirnawwan Oromoon Ormaa ittiin gaa'ila raawwatu kanneen beektuu?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Sirnawwan Oromoon Ormaa ittiin gaa'ila raawwatu kanneen beektuu?
Maxxanfame

Aadaa Oromoo keessatti namni umuriinsaa mana ykn gaa'ila dhaabbachuuf gahe tokko haala adda addaatiin shamarree haadha warraa akka taatuuf filate waliin mana dhaabbata.

Fakkeenyaaf, jaarsoolii ergachuun akka intalti gurbichaaf kennamtu kadhachuudhaan, ykn jarri lamaan wal jaalatanii walii galuudhaan ykn haala aseennaa fi kaaniin gaa'illi ni dhaabbata.

Haaluma walfakkaatuunis Oromoon Ormaas sirnawwan ykn adeemsawwan ittiin gaa'illi dhaabatamu akkasiin gaazexessitoota BBC dhiheenya kana gara Kaawontii Xaanaa Riivar imalaniitti himan.

Kunoo dhiyaadhaa.