Ameerikaan Hamaas wiirtuu ajaja waraanaa hospitaala jala qaba jette

Dhukkubsattootaafi namoota waraanaan buqqa'an hospitaala Al-shifaa keessatti - Sadaasa 10

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhukkubsattootaafi namoota waraanaan buqqa'an hospitaala Al-shifaa keessatti - Sadaasa 10
Maxxanfame

Ameerikaan gareen Hamaas magaalaa Gaazaa hospitaala Al Shifaa jalatti wiirtuu ajajaa akka qabu odeeffannoo akka qabdu himte.

Dubbii Himaan Nageenya Biyyaalessaa US, Joon Kirbii, hidhattooti Hamaas achitti meeshaa kuufachuufi Israa’el haleeluufis qophaa’uu himan.

Ameerikaan yeroo jalqabaafi dubbii michuun ishee dhihoo, Israa’el, jedhaa turte kan mirkaneessite. Hamaas garuu ni waakkata.

Dubbiin US kuni yeroo Israa’el lammiilee nagaa hospitaala keessa jiran akka eegdu dhiibbaan itti cimetti dhagahame.

Pirezidantiin US Joo Baayidan hospitaalli Al-Shifaa lola hamaa itti dhiheenya jirurraa ‘’sirriitti eegamuu qaba’’ jechuun dubbataniiru.

Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak gama isaaniin Israa’el akkaataa seera idil-addunyaan sosso’uu qabdi jedhan.

Guyyoota muraasa darban bakki naannawa hospitaala guddicha Gaazaa keessa kuni iddoo lolli cimaan itti adeemsifamu ta’eera.

Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman achitti akka dahatan amanama.

Obbo Kirbiin US odeeffannoo tikaa ofii akka qabduufi kuni maddeen garagaraarraa kan walitti qabame akka ta’e ibsani.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubbii isaaniin Hamaasiifi Islaamik Jihaad sochii waraanaafi kanneen ugguran dhoksuuf hospitaalota Gaazaa Istiriip jiraniifi ulaawwan jala jiran akka fayyadaman akeekan.

Kana dura garuu bulchiinsi US dhimma kanaaf madda ofii akka hinqabne hinmirkaneessine ture.

‘’Hamaasiifi miseensonni Islaamik Jihaad magaalaa Gaazaa Al Shifaa keessatti wiirtuu ajajaafi hordoffi qabu,’’ jedhan.

‘’Meeshaa achi keessa kuusataniiru. Akkasumas oppireeshinii waraanaa Israa’elif deebii kennuuf qophii taasisaniiru,’’ jedhan.

Akka qondaala US kanaatti ‘’Hamaas ummata nagaa keessa gad-fagaatee waan sosso’uuf’’ oppireeshiniin waraanaa Israa’el taasistu ishii rakkisuu mala.

''Ifa gochuuf, qilleensarraa hospitaala haleeluu hin deeggarru. Akkasumas hospitaala namoonni nagaa, gargaarsa fedhan, dhukkubsatan yaala argachuuf deeman keessa lola arguu hinfeenu.

‘’Hospitaalliifi dhukkubsattoonni eegamuu qabu,’’ jedhan.

Dabaluunis, ‘’wanti Hamaas raawwate ittigaafatama Israa’el lammiilee nagaa tiksuu qabdu hinxiqqeessu,’’ jedhan.

Ibsa Waayit Haawusirraa dhagahamee booda Hamaas ibsa baasen Israa’el dubbii US kana dhimma bahuun ‘’ajjeechaa jumlaa’’ raawwachuuf deemti jechuu AFP gabaaseera.

Dabaluunis, ‘’caasaa fayyaa Gaazaa mancaasuufi lammiilee Filisxeem buqqaasti,’’ jedhe.

Dubbii Himaan waraana Israa'el ulaa dhihoo hospitaala Raantisii jira jedhan yeroo agarsiisan

Madda suuraa, ISRAEL DEFENSE FORCES

Ibsa waa'ee suuraa, Dubbii Himaan waraana Israa'el ulaa dhihoo hospitaala Raantisii jira jedhan yeroo agarsiisan

Doktaroonni hospitaala Al-Shifaa keessa jiran namoonni hedduu, daa’imman reefu dhalatan sadii dabalatee, hanqina boba’aa, qorichaafi elektirikiin du’aniiru jedhaniiru.

Akka BBC’tti himanitti, reeffi namoota 100 ol hin owwaalmne dallaa hospitaala keessatti argama.

Namni gamoowwan keessaa bahuu yaale hokkara dhihoo jiruun du’aaf saaxilamuu mala jedhan.

Israa’el Hamaas dhihoo jiraatus hospitaalotatti kallattiin akka hin dhukaasne himti.

Gaafa Wiixataa viidiyoo Hamaas keessa dhokatu jetteefi hospitaala daa’immanii Raantisii jalatti argame jette gadhiisteetti.

Viidiyoon kana keessatti dubbii himaan waraana Israa’el ulaa hospitaalicharra 200m fagaatu bira akka jiraniifi ulaan kuni hospitaala waliin ‘’akka wal qunname’’ ibsan.

Achis kutaa meeshaan itti kuufamu, dhootuufi kaan hospitaala keessa jiru jedhan mul'isan.

BBC’n addatti waan mirkaneesse jiraachuu baatus Hamaas waan waraanni Israa’el agarsiise ‘soba’ jedheera.

Hamaas Onk 07 daangaa Israa’el qaxxaamuree lammiilee 1,200 ol ajjeesee 240 kan ta’an butee fudhateera.

Eegasii haleellaa Israa’el raawwatteen namoonni 11,000 ol ajjeefamuu Ministirri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganamu ibseera.