Aanga'oonni mana murtii federaalaa miseensummaa boordii filannootiif kaadhimummaan dhiyaatan

Pirezidantii ittaanaan mana murtii federala sadakaa jalqabaa Obbo Tasfaaye Niwaay fi pirezidantii ittaanaa mana murtii federaalaa olaanaa Takiliit Yimasil

Madda suuraa, The Federal Supreme Court of Ethiopia

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii ittaanaan mana murtii federala sadakaa jalqabaa Obbo Tasfaaye Niwaay fi pirezidantii ittaanaa mana murtii federaalaa olaanaa Takiliit Yimasil
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidantii ittaanaan mana murtii federala sadakaa jalqabaa Obbo Tasfaaye Niwaay fi pirezidantii ittaanaa mana murtii federaalaa olaanaa Takiliit Yimasil dabalatee, namoonni jaha kaadhimamtoota miseensa hoggansa hojii fi walitti qabaa ittaanaa Bootdii Filannoo Biyyaaleessa Itoophiyaaf dhiyaatan.

Kaadhimamtoonni kan sab-daneessummaa ''saba, amantaa fi saalaa'' hubannoo keessa galchuudhaan akka ta'e koreen miseensa boordichi filatu beeksiise.

Filataan kaadhimootaa, walitti qabaa ittaanaan fi miseensoonni biraa lama boordichaa akka bakka buufamaniif namoota jaha kaadhimummaaf filate ifa kan taasise ibsa har'a Caamsaa 21, 2025 baaseeniidha.

Miseensoonni boordiichaa Caamsaa dhufutti barri itti gaafatamumamasaanii dhumun haaraan bakka buufamanis, walitti qabaa ittaanaa miseensa boorichaa Obbo Wubishati Ayalaa akkasumas Dr Abarraa Dagafuu fi Bizuworqi Katataati.

Ministirri Mummee Abiy Ahimad aanga'oota boordichaa kanneen bakka buusuudhaaf koree filattoota kaadhimamtootaa Bitooteessa keessa hundeessan, ALI Ebla 1-21tt eeruu kaadhimamtootaa fudhataa ture.

Guyyoota kanneen keessattis ummata, paartiilee siyaasaa fi dhaabbilee hawaasa siviil irraa eeruu kaadhimamtootaa waliitti qabuu walitti qabaan korichaa Qees Taagaay Taaddassaa BBCtti himan.

Qees Taagaay akka jedhaniitti, eeruuwwan karaa imeelii, WhatsApp, bilbilaa fi poostaadhaan korichaaf dhiyaatan keessaa ''irra deddebiin adda baafamuun'' namoonni 50 adda baafamaniiru. Isaan keessaa ammoo calallii taasifameen lakkoofsi kaadhimamtootaa wallakkaan hir'atee 25 gahu kaasan.

Isaan booda calalliin biraa erga taasifameen booda af-gaaffiin namoota 12'f dhiyaachuu himan Qees Taagaay.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Eddoowwan ittigaafatamumama booridii filannoo sadi bakka buusuuf Ministirri mummee akka filataniif 12n keessaa kaadhimamtoota xumuraaf darban(finalist) jaha dhiyeessineera'' jedhan.

Qees Taagaay BBC Amaarriffaatti akka himaniitti, akka tarreen kaadhimamtootaa agarsiisuutti kaadhimamtoota jahan keessaa yoo xinnaate sadan isaanii kan argaman manneen murtii irraayi.

Kaadhimamaan jalqabarratti eeraman Obbo Tasfaaye Niwaay mana murtii sadarkaa jalqabaa federaalaatti ittaanaa pirezidantii fi dubbii himaa manneen murtii federaalaati.

Kaadhimamoo lammaffaa Obbo Takiliit Yiimasal ammoo pirezidantii ittaanaa maana murtii olaanaa federaalaati.

Kaadhimamoo sadaffaan Aaddee Nasiim daanyaa mana murtii olaanaa Naannoo Hararii akka ta'an odeeffannoon BBCn argate ni mul'isa.

Aaddee Daaroo Jamaalii fi Aaddee Firoohiyoot Girmaas dubartoota akka miseensa booridii filannoo biyyaaleessaa ta'aniif kaadhimummaan dhiyaatan keessatti argamu. Kaadhimamoo jahaffaan ammoo Dr Yaareed haayilamaariyaamiidha.

Koreen filataa kaadhimamtoota miseensa boorichaa har'a kaadhimamtoota ifa gochuusaa hordofee tarreen isaanii ministira muummeetiif akka ergamu Qees Taagaay ibsaniiru.

Ministirri Muummee, filannoo koree kana booda Boordiin Filannoo namoota miseensa hojii Raawwachiiftuu Boordii gochuun muudan filatanii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf ni dhiheessu. Muudama qondaaltota filataman kanas manni maree kan rggaasisudha