Keeniyaatti kitaabni barnootaa waa'ee Nabiyyuu Mohaammad falmii kaase funaanamuufi

Maxxanfame

Keeniyaatti kitaabni barnootaa waa'ee suuraa Nabiyyuu Mohaammad kaasuurratti falmii erga kaasee booda manni maxxansaa kitaabichaa kitaabni akka funaanamu godhe.

Gaggeessitoonni Islaamaa biyyattiifi maatin barattootaa komii erga dhiyeessanii booda kitaabichi akka sassaabamu kan taasifame.

Kitaaba falmii kaase kanarratti barattoonni suura Nabiyyuu Mohamaad akka kaasaniifi halluu garaa garaan akka faayan ajaja.

Gaggeessitoonni amantii Islaamafi maatiin garuu barattoonni suuraa Nabiyyuu akka kaasaniifi halluu diban kitaabni ajaju kun safuufi duudhaa amantichaa kan cabse akkasumas Nabiyyuu Mohaammad arrabsuu akka ta'e kaasuun komii dhiyeessan.

Kitaabni kun barattoota sadarkaa tokkoffaa kutaa gadaanaadhaaf kan qophaa'e yoo ta'u, dhaabbanni kitaabicha maxxanse Mentor Publishing Company jedhamu kitaaba waa'ee baruumsa amantii Islaamaa barsiisu irratti fakkii Nabiyyuu Mohaammad akka kaasan gochuusaatti gaabbuu beeksise.

Lammiileen Keeniyaa %11 ta'an hordoftoota amantii Islaamaati. Kuni ammoo horfoftoota amantii Kiristaanatti aanee Keeniyaatti lakkoofsa guddaadha.

Gaggeessitoonni amantii Islaamaa akka jedhanitti durii kaasee suura Nabiyyuu Mohaammadiifi kan Allaah kaasuun safuudha.

Magaala Mombaasaa kan jiraataniifi hayyuu amantii Islaamaa kan ta'an Sheek Rishaard Rajaab Ramadaan BBCtti akka himanitti, kitaabni kun "hamaa"fi ijoollee gara hin taanetti kan geessudha.

"Suura Nabiyyuu Mohaammad kaasuu dhiisii namuu kana yaalee hin beeku. Kuni inumaayyuu waraanatti nama geessa," jedhan Sheek Rishaard.

Dhaabbanni maxxansaa kun xalayaa hawaasa Musliimaaf barreesseen, qabiyyeen kitaabicha keessa jiru amantichaaf ulfina akka hin kennine ibsuun itti gaabbuu beeksiseera.

Suurri kitaabicha keessatti dabalame dogoggoraan akka suura Nabiyyuu Mohaammaditti akka taa'e ibse.

"Dogoggora uumneef garaarraa dhiifama gaafanna, dogoggorri akkasii lammata akka irra hin deebine mirkaneessuu barbaanna," jedhan Daayireektara To'ataa dhaabbatichaa kan ta'an Joseefin Waanjuki.

Dhaabbatichi suuraawwan kana kitaabota hundumaa keessaa akka soroorsuufi kitaabota waa'ee amantichaa gulaaluu ilaalchiseee Kaawunsilii Barnoota Islaamaa wajjinis akka hojjatu beeksise.

Manneen barnootaa, barsiisonnifi barattoonni kitaabicha of-harkaa qaban dhaabbatichatti akka deebisanis jedhame.

Manneen barnootaa Keeniyaa keessatti barnoonni amantii ni kennama.

Suura Nabiyyuu Mohaammad kaasuun Keeniyaa qofa osoo hin taane Awurooppaa keessatti yeroo garaa garaatti falmii kaasaa ture.

Bara 2020tti Faransaayi, magaala Paaris keessatti namni Saamu'el Paatwas jedhamu daree keessatti suura Nabiyyuu Mohaammad waan kaaseef fannifamee ture.

Akkasumas bara 2021tti UK keessatti barsiisan suura Nabiyyuu Mohaammad agarsiise jechuun maatii Musliimarraa mormiin irratti kaanaan arii'amee ture.

Booda qorannoon gaggeeffamee barattoota miidhuuf akka hin taane erga baramee hojiitti deebifame.

Quraana keessatti suuraa Nabiyyuu Maohaammad kaasuu kan dhorku addatti jiraachuu baatus amantoota Islaamaa biratti akka safuutti ilaalama.