Buufatni waraanaa guddichi US Sooriyaatii qabdu dirooniin haleelame, komaandoowwan ajjeefaman

Loltoota SDF US deeggaraman

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Haleellaa diroonii buufata waraanaa guddicha US Sooriyaa keessaa qabdurratti raawwatameen loltootni jaha ajjeefaman.

Humni Dimookraatawaa Sooriyaa kan humnoota US waliin hojjetu akkaadamiin komaandoo kan gara Baha Sooriyaa jirutti argamu keessa haleellaa diroonii Wiixata barii raawwatameen loltootniisaa jaha ajjeefamuu beeksise.

Haleellaa kana kan raawwate milishoota Iraaniin deeggaramaniifi ollaadhuma sani bakka humnootni mootummaa Siiriyaa qabatanii jiran keessa socho'an akka ta'an himateera.

Gareen Iraan deeggartu kun haleellaa buufata waraanaa Dilbataa rawwachuu amaneera.

Waraanni US miidhaa qaqqabe ilaalchisee hanga ammaa waan jedhe hin qabu. Ammoo buufata waraanaa hidhattootni dirooniin haleelan keessaa loltoota 800 qabdi. Loltootni kun sochii garee hidhattootaa Islaamiik Isteet qolachuuf achitti argamu.

Buufatni waraanaa US kun torban darbe Iraaqiifi Siiriyaa keessatti haleellaa haaloo bahuu erga eegaltee yeroo lammataaf dirooniin haleelame.

US buufatashee Jordaan keessatti haleellaan diroonii raawwate lubbuu loltootashee galaafachuu booda haleellaa haaloo bahuu kan eegalte.

Haleellaa diroonii isa jalqabaa buufatasaa isaa Siiriyaa keessatti Sambata xiqqaa raawwate ilaalchisee Pentaagoon ibsa deebii BBCf kenneen haleellichi raawwatamuufi miidhaan loltootarra gahe akka hin jirre ibseera. Haleellichi buufata Ergamadeeggarsaa Efraaxesitti raawwate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humni Dimookraatawaa Siiriyaa(SDF) Kaaba Bahaa Siiriyaa to'atee kan jiru yoo ta'u sochii fi fedha US deeggaruun wajjin hojjeta.

Ibsa baaseeniis haleellaa diroonii kanaan lubbuun komaandoowwan jahaa darbuu ibseera. Haleellaan kun diroonii haleellaa raawwattee achumatti haftuun halkan walakkaa raawwate jedheera.

Milishoonni Iraaniin deeggaraman nannoolee mootummaan Siiriyaa qabatee jiru ollaa Daayir al-Zoor keessa buufatanii haleellaa shororkeessummaa raawwatu'' jedha jechuun gareen kun himateera.

Humni michummaa US qabu SDF haleellaa kana balaaleffachuun haaloo bahuuf dhaadateera.

Dhaabbatani Siiriyaan Observaatoorii fon Huumaan Raayit jedhamuufi teessoosaa UK taasise haleellaa kanaan Onkololessa eegalee loltootni torba ajjeefamanii18 madaahuu ibseera.

Gareen haleellaa kanaaf himatamu Islaamiik Resistaans kan Iraaq, IRI hidhattoota Iraaq yoo ta'an Iraaniin leenji'aanii maallaqaa fi meeshaa achii argataniinis socho'u.

Gareen kun haleellaa halkan Wiixatatti bari'u buufata waraanaa iddoo boba'aaal Omaar qaqqabe raawwachuu ibseera.

IRI waraanni Gaazaa erga eegalee Siiriyaa, Iraaqiifi Jordaan keessa loltoota US jiran irratti haleellaa diroonii, rookkeettiifi Misaayelaa raawwachaa akka ture ibseera. Kaayyoon isaa ammoo uummata Filisszeem waliin dhaabachuu agarsiisuudha.

Haleellaa Amajjii 28 Jordaanitti raawwatee lubbuu loltoota US sadii galaafates raawwachuu ibseera.

US haleellaa kana kan dubba deeggarsi Iraan akka jiru yoo himattu. Iraan gama isheen dirooniiwwan hojiirra oolan dabalatee dhimma kana keessaa harka akka hin qabne dubbatti.