Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miseensi humna qilleensaa US imbaasii Israa’el DC'tti duratti ibiddaan ofgube du'e
Miseensi Humna Qilleensaa Ameerikaa Imbaasii Israa'el Waashingiten D.C duratti ibiddaan of gube du'e.
Miseensi Humna Qilleensaa kun Aaroon Bushineel nama umuriin waggaa 25 yoo ta'u, kan irraa dhufe ammoo San Antoniyo, Teksaas akka ta'e Poolisiin ibseera.
Aaroon Bushineel garmalee madaa’ee Dilbata waaree boodaa hospitaalaatti otoo hin geeffamiin dura qondaaloonni nageenyaa Ameerikaa ibidda irraa dhaamsanii turan.
Aaroon Bushineel osoo ibidda ofitti hin qabsiisiin dura ''duguggaa sanyiitti kana booda hirmaachuu hin danda’u’’ jedhee ture.
Miseensi Humna Qilleensaa Ameerikaa kun ibiddaan of gubuu Tajaajilli Balaa Tasaa Ameerikaatu beeksise ture.
Viidiyoon namtichi kunis wayita ofiisaa gubaa tureetti ‘‘Filisxeem bilisa ni baati’’ jechaa iyyaa akka ture kan garsiisuudha jedhame tokkos miidiyaa hawaasaa irratti qoodamuu miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan.
Qondaaltonni Tajaajila Nageenya Ameerikaa, ammoo namticha irraa ibidda dhaamsuun barameera.
Haata’u malee natichi miidhaan cimaafi kan lubbuuf yaaddeessuuf saaxilamuun gara hospitaalaa geeffamuun gareen Ittisa Balaa Ibiddaa magaalattii beeksiise.
Miidiyaalen biyyattii Humna Qilleensaa Ameerikaa waabeffachuun akka gabaasanitti, namtichi miseensa humna qilleensaa biyyattii ture.
Dippaartimantiin Poolisii Waashingitan tajaajila nageenyaa fi aanga’oota dhimmisaa ilaallatu waliin ta’udhaan qorannoo gaggeessaa jiru jedhameera.
Ibsa poolisiin baaseen, gochaan kun kan raawwatame naannoo imbaasiiwwan hedduun argamaniitti naannoo akka sa’aatii biyyaatti 1:00 pm ta’urratti bakka "the 3500 block of International Drive, NW’’ jedhamee beekamuutti ta’uu hime.
Itti dabaluunis humni qilleensaa biyyattiis, tajaajila nageenyaa Ameerikaa akka gargaaraniif hojjattoota isaa erguu beeksiiseera.
Ibsichi itti dabaluunis ‘’dhiirri gaheessi’’ gara hospitaalaatti kan geeffame yoo ta’u, ‘‘haala yaaddeessaa keessatti akka argamu’’ himeera.
Akkasumas konkolaataa nama kana walin hidhata qabaachuu mala jedhamee shakkame tokko qorachuuf hojjattoonni garee qulqulleessitoota boombii gara sanatti ergamaniiru.
Boodarra garuu meeshaan balaa qabu homtuu waan hin argamneef nagaa ta’un ibsameera.
Gochaa raawwatameen hojjattoota imbaasichaa irraa miidhaan qaqqabe homtuu akka hin jirree dubbii himaan imbaasichaa Niiw Yoork Taayimsiitti dubbataniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el ibsa baaseen, namni kun hojjattoota imbaasiin akka hin beekamne dubbatan.
Namni yeroo imbaasii Israa’el kan Ameerikaa fuulduratti of gubu kun kan jalqabaa miti.
Baatii Muddee keessas Yunaayitid Isteet Bulchiinsa Joorjiyaa keessatti kan argamu Qontsiilaa Israa’el fuulduratti namni hiriirarra ture tokko ofiisaa gubee ture.
Yeroo sanatti poolisiin akka beeksiiseetti, namni kunis gaaziin ofi guubuufi alaabaan Filisxeem bakkichatti argamuutu himame.