Yuukireen erga waraanni eegalee as loltoonni 31,000 jalaa du'uu himte

Maxxanfame

Raashiyaan erga Yuukireen irratti waraana bantee waggaa lama guuteera. Guyyaa Raashiyaan weerara eegaltee kaasee hanga ammaa loltoonni 31,000 jalaa ajjeefamuu Yuukireen beeksifte.

Loltoonni hanga kana du'uu kan himan pirezidaantin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin, kanneen madaa'an lakkoofsa isaanii himuurraa of qusataniiru. Lakkoofsa loltoota madaa'anii himuun karoora Raashiyaan waraana gaggeessuf qabdu gargaaruudha jechuun himuu didan.

Yukireen kanaan dura lakkoofsa loltootashee waraana kanarratti du'anii ifa gootee hin turre.

Pirezidaantin biyyattii lakkoofsa loltoota walii galatti du'anii himuunsaanii deeggsrsi meeshaalee waraanaa biyyoonni lixaa taasisan boodatti harkifachuurraa kan ka'e Yukireen adda waraanatti daangashees loltootas dhabaa akka jirtu ministeerri ittisaa biyyattii dubbachuu hordofeeti.

Pirezidaant Zeleniskiin gaafa Dilbataa lakkoofsa loltoota du'anii himuunsaanii Raashiyaan odeeffannoo sobaa kenniteef deebii kennuuf akka ta'e himan.

"Waraana kana keessatti loltoonni Yukireen 31,00 du'aniiru. [Loltoota] 300,000 ykn 150,000 miti, ykn kan Putiinifi warri akka isaa soban odeessan miti. Garuu duuti duuti tokkoon tokkoo loltoota kanaa nu dhukkuba," jedhan.

Loltoota du'aniin alatti namoonni nagaan heddu waraana kana keessatti du'uufi miidhamuu himan.

Yukireen lakkoofsa loltootashee du'anii 31,000 haa jettu malee US ammoo 70,000 hanga 120,000 mi ta'u jettee turte.

Gama Raashiyaan ammoo loltoonni 180,000 du'uu pirezidaantin Yukireen dubbatan.

BBCn gamasaan marsariitii Mediazona jedhamu waliin ta'uun maqaa loltoota Raashiyaa waraana kanarratti du'anii 45,000 galmeessuu danda'eera. Haata'u garuu lakkoofsi loltoota Raashiyaa du'anii kana akka caalutu himama.

Gama badii Raashiyaa irra qaqabeen ammoo, Aab Zelensiikiin loltoonni Raashiyaa 180,000 ta'an jalaa ajjeeffamuufi kanneen kuma kudhaniin lakkaa'aman dabalataan miidhamaniiru jedhan.

Ministeerri ittisaa UK akka jedhetti loltoonni Raashiyaa 350,000 waraana kanarratti du'aniiru ykn madaa'aniiru.

Yeroo ammaa deggarsi meeshaalee waraanaa Yukireenif taasifamu waan haphateef Raashiyaan adda waraanatti Yukireen irratti olaantummaa argataa jirti. Kana Yukireenis hin haalle.

Ministiirri Ittisaa Yukireen Rustaam Umeerov biyyoonni lixaa deeggarsa meeshaa waraanaa duubatti jalaa harkisuu himan.

Bara darbe haleellan deebisanii qolacuu Yukireen gaggeessitee turte dafee kan hin eegalleef deeggarsi meeshaa waaraanaa dafee qaqqabuu diduurraa akka ta'e Zeleniskiin himan.

Dabalataanis waa'een haleellaa Yukireen gaggeessuf karoorsitee odeeffannoon dursee iccitin Raashiyaa harka galuus himan.

Torbee Yukireen loltootashee magaala Avdiivkaa keessaa baasun ammoo Raashiyaaf hamilee guddaa uume. Sababni magaalattii dhiisanii bahaniif tokko deeggarsi biyyoota lixaa hanqachuurraa akka ta'es himan pirezidaantin Yukireen.

Bulchiinsi Baayidan deeggarsa doolaara biliyeena 60 Yukireenif taasisuuf jedhe Kongiresiin mirkaneessuu diduun ammoo addumatti Yukireen heddu miidhe.

Waggaa lammaffaa Raashiyaan itti Yukireen weerarte sababeeffachuun gaggeessitoonni biyyoota Lixaa heddu Sambata darbe Kiiv imalaa turan.

Xaaliyaanifi Kanaadan walii gatee nageenyaa Yukireen walii mallatteessaniiru. Kanaadan deeggarsa faayinaansifi meeshaa waraanaf ta'u dolaara biliyeena 1.7 Yukirenif kennuuf walii galte.

Biyyoonni lixaa akka jedhanitti yeroo ammaa rakkoon dhiyeessii meeshaalee waraanaa Yukireen qofa osoo hin taane Raashiyaas mudatee jira.

Omishni dhukaatuwwan meeshaalee waraanaa Raashiyaan biyya keessatti omishtu waraana Yukireen waliin gaggeessitu kanaaf kan ishee gahu miti jedhu.