Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lalisaa Daani'el, barataa obboleessa isaa waliin xiyyaaraa fi rokkeettii hojjetan maaltu mudate?
Barataa Lalisaa Daani’el giddugala barattoota dandeettii addaa qaban 'Talent Center' Buraayyuu jirutti MM Abiyyiin akka baratu carraan kennameef, tibbana reebicha hamaan irra gaheen hospitaala seenuu maatiin BBC'tti himan.
Taateen kun Sanbata xiqqaa darbe Kutaa Magaala Buraayyuu, Aanaa Gafarsa Eegduu naannoo giddugala barattoota dandeettii addaa qaban filamuun itti baratanii fi kalaqa isaanii itti hojjetanitti raawwate.
Dhimma kana irratti BBC'n ogeessa fayyaa akkasumas poolisiirraa odeeffachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Obboleessi isaa Biqilaa Daani’eel kan waliin kana dura xiyyaara hojjechuun balaliif geessisanii beekamtii itti argatan BBCtti akka himetti, Lalisaan hiriyaa isaa biyya alaa kalaqa irratti hojjetu fi dhaabbilee adda addaa waliin osoo walii barreessuu interneetiin mooraa keessaa dadhabaa taanaan ala bahe.
Garuu osoo hin deebi’iin waan tureef halkan bahee osoo barbaaduu daandii irratti gatamee arguu hime.
‘’Obboleessakoo akka malee reeban. Meeshaa isaan fayyadaman hin beeku. Meeshaa qara qabus miti. Rasaasas miti. Mataa isaa keessatti hamma dhiigutti reebani.‘‘
Akka maatiin ibsanitti, Lalisaan yeroo ammaa Hospitaala Ameenitti yaalamaa kan jiru yoo tahu tajaajilli baqaqsanii yaaluu mataa isaa irratti taasifameeraaf.
Biqilaan gaddaan guutamee hospitaalichaati yeroo BBC'tti himu, "Ammallee osoo of hin bariin jira. Oksijinii maashinaan fudhachaa jira. Maaltu akka tahu hin beeku‘‘ jedhe.
Lalisaan gaafas interneetii alaa fayyadamee hanga sa’a tokkootti bilbilaan waliin dubbachuu hima.
‘’Kana dura adda baanee deemnee hin beeknu. Osoo taa’ee biyya alaatti barreessaa jiruu interneetiin dadhabaa taanaan mana interneetii barbaacha ala bahe.
''Kana dura galgala sa’a tokko booda ala turree hin beeknu. Guyyaa sana garuu sa’a tokkotti dhufuu dide jennaan yeroon bilbileefi nan dhufa na jedhe.’’
Guyyaa sana rooba cimaan roobaa turuu kan himu Biqilaan obboleessi isaa manatti deebi'uu didee jennaan tarii rooba caamsatee dhufuuf jedhee eegaa akka ture hime.
Haa tahu malee, sana booda irra deddeebiin yoon bilbilu bilbila hin kaasu jedhe.
‘’Si’a 60 ol bilbileen naaf kaasuu dide. Sana boda harmeekotti bilbileen Lalisaan ala bahee hin galle. Yoon bilbilus naaf hin kaasu jedheen itti hime.
''Mooraatii bahee barbaaduuf yoon jedhu aduun dhiyeera hin baatu jedhanii humni nageenyaa moorichaa eegan na dhorkan. Garuu didee baheen barbaadaa ture. Osuman barbaaduu halkan keessaa gara sa'a afuriitti daandii irratti kufee osoo aaduun arge.‘‘
Biqilaan qofaa isaa akkuma obboleessa isaa Lalisaa argateen dugdatti baatee mana yaalaa akka geesse hime. Booda gara hospitaala Ameen galfamuun yaalii guddaan godhamaafii akka jirus dubbata.
Qaamni miidhaa kana irraan gahe eenyu akka tahe ammatti akka hin barre hima obboleessi isaa kun.
Lalisaa fi Biqilaan gidduugala kana kan galan dhiyoo yoo tahu, lameen isaanii xiyyaara erga hojjetanii rokkeettiis hojjechuun MM Abiyyii fi qondaalota kaanittis agarsiisanii ture.
'MM Abiy carraa nuuf kennan'
Lalisaa fi Biqilaan Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Sireetti kalaqa adda addaa hojjechaa turan.
Isaan keessaa xiyyaarri hojjetanii balaliisan ministeera saayinsii fi Teeknoloojii Itoophiyaan beekamtii argatee ture. Sana boodas rokkeettii gara samiitti dhukaafamu hojjechuun akka xumuran himaniiru.
Mul’anni isaanii Naannoon Oromiyaa fuulduratti aviyeeshinii mataa ishee akka qabaattudha kan jedhan obbolaan kunneen xiyyaara hojjetanis ‘‘xiyyaara Oromiyaa‘‘ jedhanii moggaasanii ture.
Guyyaa giddugalli barattoota dandeettii addaa qaban itti baratan Talent Center jedhamu Buraayyuutti eebbifamu kalaqa isaanii bakka MM Abiy Ahimedii fi ministerootni jiranitti agarsiisuu Biqilaan BBCtti himeera.
‘‘Guyyaa sana rokkeettii guddaa yeroo dheeraa fudhannee hojjenne geessine nuuf eeyyamaa ni dhukaasna jennee gaafannee ture. Rokkeettiin hojjenne dhimma qorannoof gara samiitti kan dhukaafamudha. MM Abiy fi pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa arganiiru.‘‘
MM Abiyii fi qondaalonni olaanoon erga kalaqa isaanii arganii yeroo dheeraa fudhachuun akka isaan waliin haasa’an hima.
Sana booda achuma giddugalicha turanii carraa barnootaa akka isaaniif kennamuufi deeggarsi kalaqa isaaniif akka godhamu waadaa galuufii hime.
Biqilaan carraan barnootaa akkaadaamii Aviyeeshinii Daandii Qilleensa Itoophiyaatti akka isaaniif kenname hime.
Kaayyoon isaanii Aviyeeshinii Oromiyaa hundeessuu akka tahe himanii, Bishooftuutti qondaalonni olaanoo raayyaa ittisa biyyaa Bishooftuu Mekaanikaal Injiineriingii keessaa carraa akka isaaniif kennuu barbaadaan itti himuu dubbata.
‘‘Nuyi kaayyoon keenya humna waraanaa jala galuu waan hin taaneef isa didnee paayiletummaa barachuuf gara daandii qilleensa Itoophiyaa deemne‘‘ jedhe.
Haa tahu malee, Jimaata darbe akkuma Buufata Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa deemanii dubbisaniin, yeroo manatti deebi’an obboleessa isaarra miidhaan gahuu hime.
Dabalataan pirojeektoota rakkoo uummata Booranaa hongeen miidhaman gargaaruuf oolu qopheessanii deeggarsa barbaadaa akka jiran himuun xiyyaara isaaniis ammallee itti fufanii hojjechaa jiraachuu BBCtti hime.
Barattootni kunneen lameen dorgomanii Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknoloojii argatanii akka ture himaniiru.
Haa tahu malee, Yuunivarsiitiin Wallaggaa ‘‘isin ijoollee keenya as koottaa waan feetan isinii guutna jedhanii achi nu deebisan‘‘ jedhan.
Erga yuunivarsiitichatti barumsaa fi kalaqa isaanii itti fufanii jiranii meeshaalee kalaqaaf barbaachisan guutuufii akka dhaban himatu.
Deeggarsi isaan yuunvarsiitii Wallaggaa irraa argataa turan ji’aan Birrii 1,000 akka tahe himeera.