Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaan baqattootaaf dahoo ta'uurraa gara yaaddoo tahuutti ceetee?
Keeniyaan baqattoota hidhaafi darara mootummaasaanii baqachuudhaan biyyoota ollaa irraa dhufaniin dahoo amansiisaa taatee tajaajilaa turte.
Itoophiyaa irraas baqattoota kumaatamaan waggoota heduuf simachuun dahoo tahaafii turte. Gama biraan namoonni siyaasaan biyyaa baqatanii Naayiroobiitti qabamuun mootummaatti kennamanis turan.
Waggoota kudhan dura kan akka Dabbasaa Guyyoo fa'aa achi buuteen isaanii dhabame eeruun ni danda'ama.
Tibbana ammo namoota hidhaa siyaasaa fi waraana biyyasaanii baqachuun dhufaniif harka diriirsuu osoo hin taanee hidhaa fi qabdee gara biyya irraa dhufaniitti deebisuu eegaluunshee yaaddoo uumuu dhaabbileen mirga namoomaaf falman dubbatan.
Yaaddoo kanaaf ka’umsa kan tahe ammoo namoonni fuulasaanii aguuggataniifi meeshaa waraanaa hidhatan baqattoota Turkii magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii keessatti ukkamsanii qabuudhaan erga gara biyyaatti akka deebi’an taasisaniin boodadha.
Lammiileen Turkii afur kanneen dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti baqattoota ta’unsaanii galmaa’e sababii mootummaan Turkii yakka biyya ganuutiin akka isaan barbaadu ibsee dabarfamanii kennamu dubbateera.
Qaamni dhimmicha itti dhiheenyaan hordofuufi gochaa mootumaa keeniyaa kana balaaleeffatees, namoota dararaa fi hidhaa motummaa saaanii baqatan humnaan gara biyya irraa dhufaniitti deebiifamuu dhabuu qajeeltoo UN kan cabseedha jechuun qeeqeera.
Tarkaanfiin Keeniyaan fudhate maqaa gaarii baqattootaan wal qabate qabdu kan balleessuudha jedhame.
Kana hordofuunis biyyoonni guddatan yaaddoo akka horatan gaazeexaan Keeniyaa ‘Daily Nation’ eeruudhaan, piresidantiin itti gaafatamtoota dhaabbata basaasa Ameerikaafi UK Wiiliiyaam Ruutoo waliin mari’achu gabaase.
Komishiniin baqattoota Keeniyaa kan dursan Joon Buruun dhimmicharratti yaada kennuurraa of qusatan.
Qondaalli olaanaan Ministeera Dhimma Alaa, Koriir Siingo’eyi garuu, haalaa daandii qaxxxamuraa biyyattiin irratti argamtu yoo ibsan, ‘‘dhimmi guddaan fedhii jiru hubannoo keessa galchuudha’’ jedhan.
Itti dabalunis, ‘‘qaamooleen gochaa biyyoota michuu miidhu raawwataniiru jedhamuun himataman gama ilaaluun, Keeniyaan rakkoo dippilomaasii fi namoomaa keessa galcheera’’ jedhan.
Dhummarratti, walitti dhufeenya Keeniyaan Tarkii waliin qabdu balaarra buusuu manna jechuudhaan, biyyoonni lamaan baatii Adooleessaa keessaa waliigaltee waraanaa waliin mallatteessuu isaanii kaasuudhaan, injifannoon siyaasaa kan sirrateef itti fakkaachuun hubatameera.
Namni Keeniyaa biyyoota ollaatiin wal bira qabee ilaalu kamuu waggootaaf nageenyaa fi tasgabbiin kan qabdu ta’u salphaatti hubata.
Kunis baqattootaa fi kolugaltummaa kanneen gaafataniifi Itoophiyaa, DR Koongoo, Ertiraa, Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa irraa gara sana dhaqaniif bakka dahoo ijoo taasisee ture.
Gaanfa Afriikaatti biyyi diinagdee cimtuu kan taate Keeniyaan baqattootaa kuma 800 oliif dahoo ta’ushee Komishinarri baqattootaa Joo Buruuguun dubbataniiru.
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman garuu dhiyeenya baqattoota hidhaa jalaa miliquun Keeniyaa galanitti biyyattiin fuula gataa jiraachuu himan.
Poolisiin Keeniyaa tika biyyoota alaa waliin tahuun namoota biyya isaaniif yaaddoodha jechuun mootummaan himate dabarsanii kennu jechuun himatamu.
Dhiyeenyuma kana gaazexaan Yugaandaa Observer jedhamu akka gabaasetti, deeggartoonni paartii mormituu Yugaandaa 36 ''daangaa Keeniyaa keessatti yeroo ukkaamsamanii fudhataman harka keessaa qabu.''
Gareen kun leenjiif Keeniyaa magaalaa Kisuumuu akka turan abukaatoon isaanii himeera.
Tikni Yugaandaa daangaa Keeniyaa galuun namoota dhuunfaa ukkaamsee yeroo fudhatu ilaalchi siyaasaa isaanii maalis tahu nageenya isaanii tiksuuf Keeniyaan dirqama ishee hin bahanne'' jedhe Observer.
Ji'a Caamsaa darbe keessa mirga namoomaaf kan falmu lammii Ruwaandaa qaama hin beekamneen manajireenyaa isaa Naayiroobii keessaa ukkaamsamee fudhatame.
Maatiin isaa ammayyuu eessa akak jiru hin beekan. Garuu Ruwaandaatti fudhatamuun mana hidhaa dhoksaa tokko keessa jira jedhan.
Waggaa darbe lammiin Sudaan Kibbaa mootummaa biyyattii qeequun beekamu Mabiyoor Awikjook Baak, Naayiroobii keessatti poolisota uffata danbii isaanii uffataniin qabamee amma Sudaan Kibbaatti hidhamee jira.
Bara 2022 keessa gaazexessaa beekamaan Paakistaan nageenya isaaf yaaddahuun gara Keeniyaa deeme ji'a lama keessatti rasaasa poolisiin ajjeefamee argame.
Poolisiin nama biraa waan nutti fakkaateef dogogoraan ajjeesne jedhe.
Waggoota kudhanii oliif Keeniyaa kan jiraate lammiin Ruwaandaa mootummaa biyya isaa qeequun beekamu ''doorsisa qaamolee adda addaa irraa narra gahu irraa kan ka'e itti fayyadama miidiyaa hawwaasaa xiqqeesseera'' jechuun BBCtti hime.
''Gara biyyakootti deebi'uun anaafis tahe maatiikoof gaarii miti. Asis ammoo sodaa keessa jiraanna jedhe.
''Namoota sodaannee baqannee dhufneen carraan qabamuu keenyaa guddaadha, sodaanneerra,'' jedhe.
Yeroo ammaa baqattoonni 3,000 ol dhaabbata miti mootummaa Tokkummaa Baqattoota keeniyaa jalatti galmaa'anii argamu.
Qorataan Dhaabbatichaa Shaadiraak Kuuyyii namoonni kunneen hidhamuu, dabarfamanii kennamuu fa'aa sodaachuun gara dhaabatichaa akak dhaqan BBCtti hime.
Lammiileen Turkii ukkaamfamanii fudhatamuun mootummaa Turkiif kennaman amma maalirra akka jiran hin beekamu.
Jarreen kunneen manneen barnootaa gaggeessaa amantaa Islaamaa Fatulaa Guuleeniin moggamanaii fi sochii Guulen taasisaa tureen hidhata qabu jedhamuun amanamu.
Xiinxalaan Imaammata Alaa Keeniyaa Edgaar Gituum, mootummoonni qeeqa jalaa of baasuuf baqattoota harka UNHCRtti dabarsanii kennuu qabu jedhe.
Keeniyaan maqaa adunyaa irratti qabdu balleesiteetti. Kun yeroo hundumaa yaadatamaa jiraata. Waan hojjetame kana duubatti deebisuun hin danda'amu,'' jedhe.