Istuudiyoon fiilmii seena qabeessi Masirii balaa abiddaan manca'e

Ahram Masirii keessatti istuudiyoo fiilmii seenaa waggaa dheeraa qabudha

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

Maxxanfame

Masirii keessatti istuudiyoon fiilmii seenaa waggaa dheeraa qabu, Al-Ahram balaa abiddaan manca'e. Istuudiyoon abiddaan barbadaa'e kun addunyaarrattis umrii dheeraa qabaachuun beekama.

Balaa abiddaa kana to'achuuf hojjettoota balaa abiddaatti sa'aatii hedduu itti fudhate. Gamoowwan ollaa gamoo manca'ee jiran keessaas namoonni akka ba'an taasifameera.

Hojjettoonni tajaajila yeroo balaa tasaa bakkichatti bobba'uun namoota sababa aara abiddarraa madduun harganuu dadhaban wal'aanaa turan.

Maddi balaa abiddaa kanaa hanga yoonaa hin baramne.

Istuudiyoon kun bara 1944 hundaa'e. Filmiiwwan fi sagantaaleen TV hedduun addanatti qophaa'uun addunyaa mara irratti agarsiifamaa turaniiru.

Istuudiyoon fiilmii fi sagantaalee hedduu oomishuun beekamu kun gulantaalee sadi qaba.

Kutaalee qabiyyee itti calalanii (filatanii) dabarsanii fi kutaalee keessatti gulaalan hedduu qaba.

Ministirri Muummee Musxafaa Maadboolii bakkichatti argamuun mancaatii mudate daawwataniiru.

Akka gabaasaalee miidiyaalee biyya keessaatti balaan abiddaa kun erga istuudiyoon kun sagantaa TV dhimma Ramadaanaa irratti xiyyeeffatu hojjetee xumuree sa'aati 24 keessatti mudate.

Akka gabaasa AFPtti erga balaan kun mudatee booda, jiraattonni gamoowwan ollaa gamoo abiddaan manca'ee keessa jiraatan hanga Sambataatti lafarratti kukkufanii turan.

Namoonni hedduun aara abiddarraa ka'uun ukkaamfamanii daandiirratti kukkufanii yeroo dheeraaf turan.

Balaan abiddaa kun gamoowwan torba ta'an miidheera. Ministirri Muummee Musxafaa Maadboolii maatii miidhamaniif beenyaan akka kaffalamu ibsuu ammoo miidiyaa Arab News jedhamutu gabaase