UStti abiddi magaala barbadeessee, hanga yoonaa namoota 89 galaafate

Magaala Lahaayina
Maxxanfame

Ameerikaatti balaa abiddaa magaala Lahaayinaa mancaasen hanga yoonaa namoonni 89 du'uu qondaalonni biyyattii mirkaneessan.

Balaan abiddaa US mudate kun waggaa 100 keessatti isa hamaadha jedhame.

Bulchaan Bulchiinsa Hawaayi Joosh Giriin akka jedhanitti lakkoofsi namoota du'anii kana caaluu akka danda'u akeekan.

Ammayyuu namoonni achi buutensaanii dhabame heddu waan ta'eef lakkoofsi kun dabaluu danda'a jedhan.

"Balaa uumamaa Hawaayi mudate keessaa kan abiddaa kun isa hamaadha," jedhan.

"Kan gochuu dandeenyu warra lubbuun jiran deeggaruudha. Amma xiyyeeffannoon keenya yeroo dandeenyetti maatii [gargar faca'an] walitti fiduu, manafi waldhaansa fayyaa akka argatan gochuudha, sana booda [magalattii] deebisnee ijaarutti deebina."

Hojjattoonni lubbuu baraaran saroota foolii suufan fayyadamuun magaalattii abiddarraa hafte keessa barbaacharra jiru.

Hanga ammaa hojjattoonni lubbuu baraaran magaalattii keessaa 3% qofa akka sakatta'an himan itti gaafatamaa qajeelcha poolisii Maawee kan ta'an Joon Pileetir.

"Eenyummaasaanii adda baasuf [kanneen balaa abiddaan du'an] qorannoo qaccee sanyii (DNA) gochuu qabna... hanga balaa mudatee eenyu keenyayyuu ammatti hin beeknu," jedhan.

Qondaalli Ejansii Bulchiinsa Balaa Tasaa Federaalaa (FEMA) Jeremii Giriinbarg BBCtti akka himanitti hojjattoonni barbaacha magaalaafi ittisa balaa dabalataa ergamaniiru.

Qondaalli kun akka jedhanitti namoonni 1,000 ta'an hanga yoonaa hin argamne, kaan isaanii nagaadhuma ta'uu hin oolan, garuu sababa garaa garaan qunnamuuf rakkisaa ta'eeti malee.

Namoonni hedduun balaa abiddaa kana baqatanii Giddu Gala Yaadannoo Waraanaa Maawee keessa qubsiifamanii jiru.

Balaa abiddaa kanaan manneen 2,000 ol ta'an gubataniiru ykn miidhamaniiru.

Magaala Maawwee abiddaan mancaate deebisanii ijaaruf dolaara biliyeena 5.5 akka gaafatu tilmaame.

Magaalan Maawwee qarqara bishaanitti kan argamtuudha. Balaliisaa helikoptaraa kan ta'e Richard Olestan BBCtti akka himetti markaboota qarqara bishaanii dhaabatan osoo hin hafin gubataniiru.

"Gamoowwan seena qabeeyyin, waldaalen, hundisaa daaraa ta'eera."

"Bakkeewwan turistoonni daawwatan, manneen daldalaafi reestorantiiwwan...hunduu gubatee lafatti dabalameera," jedhe.

Magaala Lahaayina abiddaan mancaate

Madda suuraa, bbc

Felisiyaa Joonsan qaama Maawwee kan taate magaala Kuhuluyi keessaa mana maxxansaa qabdi turte, qabeenya balaa abiddaan manca'e kana iddootti deebisuuf duula galii sassaabuu eegaltee jirti.

Maatinshee magaala Lahaayinaa balaa abiddaa kanaan miidhamterraa waan ta'aniif deggarsa heddu walitti qabuu dandeessetti.

Garuu deeggarsaafi meeshaalee garaa garaa walitti sassaabde qabattee seenuu hin dandeenye. sababni ammoo qondaalonni akka hin hayyamneef himti.

Markaboonni qarqara bishaanii jiran hedduunsaanii abiddaan waan manca'aniif karaan ittiin deeggarsa geessan rakkisaa ta'uu hima mootummaan.