Malawwan daballii mindaa ittiin gaafachuun milkaa'uu dandeessan shan

Maxxanfame

Yoo mindaan argataa jirtu gadaanaa ta'e sitti dhagahama ta'e, qofaa kee hin jirtu.

Addunyaarratti eddoowwan garaa garaarratti qaala'insi jireenyaa gar malee dabalu illeen kanfaltiin garuu hin daballe.

Haaluma kana keessatti illeen mindaan isaanii akka dabaluuf kan eeguu baayyeedha.

Hogganaa keessanitti waa'ee dabala mindaa dubbachuun keessan hangam akka milkooftan beeku baattanis, daandiiwwan itti carraa gaaffiin keessan itti mikaa'u malu jira.

Qindeessaan odeessa kanaas hojjataan wayita waa'ee daballii mindaa mari'atuutti attamiin milkaa'aa ta'u haala itti danda'urratti mindeessitoota, hoggantootaafi gorsitoota xin-sammuutti dubbachun gorsawwan shan akkasiin kaa'eera:

1. Yeroo sirrii filadhu

Jiil Kootoon, ogeettiin faashinii akka jettutti, haasawa sana dursitee qopheessuun siifi hogganaan kee akka qophooftan yeroo kan kennu yoo ta’u, kanaanis carraan bu’a qabeessa ta’ee akka mari’attan taasisa.

"Akka tasaa gara hogganaa kee hin deemin. Waa'ee mindaa addatti isa haasofsiisuu akka barbaaddu itti himi." jetti Kootoon

Obboleessa ishee waliin ta'uun mana nyaataa Hindii biyya Ingilizii keessatti kan geggeessan Roowsonara Begum, haala daldalii yeroo sana irra jiru ilaaluun gaarii ta'uu isaas ibsiti.

Hojjetaan tokko yeroo daldalli gaarii ta’etti fedhii isaa yoo dhiheesse, daballii mindaa gaafachuu irratti carraan milkaa’ina isaa guddaadha.

2. Ragaa qabaadhu

Yoo daballii kaffaltii gaafachaa jirta ta’e sababa sirrii ta’e qabaachuu qabda.

"Hojii irratti waan hojjettan, akkasumas of guddisuu fi garee keessan akkasumas hoggantoota keessan deeggaruuf maal akka hojjettan hubadhaa. Faayidaa wanta hojjette hunda tarreessi.”jedhu daayreektarri dhaabbata qacarrii Biriteen Brightwork Shaan Saabaa.

Ragaan hojii gaarii agarsiisu kun hogganaan kee maaliif kaffaltiin dabalataa akka siif kaffalamu akka hubatuufis gargaara jedha ogeettiin xiin-sammuu bakka hojii irratti adda ta'e Isteefaanii Deevis

"Sammuu 'maaliif' barbaada: maaliif hanga sana kaffala?" jechuun fakkeenya kenna.

Haa ta'u malee, tarree bu'aa ba'ii kee hunda qabachuu qofa miti:Itti aansee maal gochuu akka barbaaddus ifa ta'uun barbaachisaadha jetti Shaan Saabaa.

"Dhaabbata keessan keessatti guddachuuf hawwii yoo qabaattan, bara dhufutti maal gochuuf akka yaaddan karoora qabaadhaa."

3. Ofitti amanuu

Jiil Kootoon, yeroo baayyee namoonni dhimma kaffaltii irratti "maqaa balleessiin" waan jiruuf dhimma kanaa kaasuu irratti ofitti amanamummaa akka itti hin dhaga'amne dubbatti. Kunis garuu "kutaa hojii barbaachisaa" ta'a jedhee amana ogeessi kun.

Dubartoonniifi namoonni garee xiqqaa irraa dhufan kaffaltii dabalataa gaafachuun rakkisaa ta'uu danda'a jechuun ogeettiin xiin-sammuu Isteefanii Deevis.

Haasawa kanaaf qophaa’uuf namoonni kunneen gorsitoota yookaan namoota muuxannoo qaban deeggarsa gaafachuu akka qaban gorsa.

4. Hamma daballii barbaaddu beekuun gaariidha

Ogeeyyiin baay'een isaanii wa’ee mindaa mari'achuu jalqabuu kee dura hamma sirrii ta'e yaada keessa galchuun gaarii ta'uu irratti walii galu.

Qorannoo keessan godhaa jechuun pirezidaantiin dhaabbata qacarrii Reed kan ta'an Jeems Riid gorsa.

"Beeksisa hojii toora interneetii irratti barbaaduun mindaan hojii walfakkaataa hangam akka ta'e ilaaluu dandeessu," jedha.

Kootoon hammi kun dhugaa ta'uu akka qabu akeekkachiisa.

"Hundi keenya waggaa waggaan miliyoonaan akka nuuf kaffalamu barbaanna.Garuu ogummaa qabnuun hojjechuuf kaffaltiin nuuf kaffalama,'' jedha.

5. Abdii hin kutin

Tarkaanfiiwwan armaan olitti ibsaman daballii kaffaltii bu’aa gaarii kan hin fidne yoo ta’e, abdii akka hin kutatin.

"Yeroo tokko tokko haasofni kun yeroo fi ji'ootallee fudhachuu danda'a, garuu qunnamtiin banaa ta'ee turuun barbaachisaadha," jetti Begum.

Mindaanis waan hunda miti jedha Reed. "Maallaqa qofa ta'uun dirqama miti.Sa'aatii hojii keessatti jijjiirama argachuu dandeessa," jedha

Meeshaalee leenjii fi misoomaa dabalataa irrattis mari’achuun ni danda’ama.

Akkasumas hojjechiisaa kee irraa waan barbaadde argachu dadhabnaan, carraawwan biroo akka jiran yaadadhu.

"Yeroo hunda bakka biraa ilaaluu dandeessa, sun kennaa guddaadha," jetti Isteefanii Deevis.