Sanada mootummaa mana fincaaniitti gatuu fi iccitii Tiraamp kaan kitaabni haaraan saaxile

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin duraanii Ameerikaa intalasaa hojii irraa arii’uuf ture akkasumas sanada garaagaraa irra deddeebiin mana fincaaniitti gataa ture jedha kitaabni haaraan bahe kun.
Dhimmi Tiraamp ilaallatu kanaafi kaan kitaaba gaazexeessituu Maagii Haabarmaa’n ‘Confidence Man’ jedhamu haaraa baherraa Niiw Yoork Taayims irratti Kibxata gadhiisame.
Kitaabichi imala jireenyaa Tiraamp daldalaa tahuurraa hanga pireezidantii Ameerikaa tahutti jiru irratti xiyyeefata.
Af-gaaffiiwaan maddeen 200 irraa guuraman qaba. Kunis af-gaaffiiwwan pireezidantii duraanii US Tiraamp ofiisaa dabalata.
Tiraamp kitaab barreessituu Maagii, ‘’jette jettee fi waan barreessite qabatamaa tahuusaaf mirkanni hin jiru,’’ jechuun miidiyaa hawaasaa mataasaarratti barreesseera.
Kitaabicha keessaa qabxiileen muraasa akka armaan gadiitti qinseessineerra.
1. Tiraamp intalasaa fi abbaa warraashee hojii irraa arii’uu barbaadee ture
Walgahii ittigaafatmaa duraanii waajira pireezidantii Joon Keelii wajjin taasisteen barreessituun kuni Tiraamp intalasaa Ivaankaa Tiraampii fi abbaawarraashee Waayit Haawusaa keessa hojii deeggarsaa hojjetan irraa ni gadhiisu jedhee Tiwiitar irratti barreessuuf jedhee xiqqumaaf dhiisee jetti.
Achii itti gaafatamaan waajiraa yeroosii Keeliim, Tiwiit gochuun dura intalasaafi abbaa warraashee akka haasa’u itti himus Tiraamp jara otoo hin dubbisiin Tiwiitii sanas otoo hin maxxansiin hafee, intallisaafi abbaan warraashee hamma dhumaatti hojjeechaa turan.
Kitaabichi akka jedhutti Tiraamp abbaa warraa intalasaatti yeroo baayyee tuffiin itti dubbata. 2017tti erga haasaa uummataaf taasiseen booda,’’akka ijoollee dubbata’’ isa jedheera.
Tiraamp garuu Ivaankaa fi abbaa warraashee arii’uuf yaadee akka ture haalera. '‘Kuni waan sobaati takkaa kana yaadee hin beeku,’’ jedhe.
2. Tiraamp warshaa qorichaa Meeksikoo boombiin barbadeessuuf ture
Akka Maagiin jettutti laaboraatorii qorichaa Meeksikoo boombiidhaan barbadeessuu Tiraamp irra deddeebiin kaasaniiru. Yaadni kuni gaafa ka’uu hogganaan ministeera ittisaa Maark Espeer baayyee dinqamanii turan.
Yaadni kuni immoo kan dhufe Tiraamp ogeessa fayyaa hawaasaa gameessa Bireet Girooyir waliin erga haasa’aniin booda dha.
Bireet Girooyir yeroo waajira hojii raawwachiiftuu dhufan uffata danbii waarreen tajaajila fayyaa hawaasaa kennan keewwatan uffatee dhufee, warshaaleen qoricha seeraan alaa oomishan gara daangaatti akka hin fidneef hordofamuu qabu jechuun dubbate.
Tiraamp immoo dogoggoraan nama kanaan waraana ittisaa keessatti hojjetu se’eeti warshaalee qoricha oomishan boombiidhaan akka barbadaa’an gaafate, sana booda Waayit Haawus Bireet Girooyir uffata danbii akka hin uffanne dhorke.
3. Tiraampii kooviidiin du’uu sodaatee ture
Tiraamp Onkololeessa 2020 Koovid19’n qabamee yeroo haalli fayyaasaa hammaachaa deemu du’uu sodaatee ture.
Yeroo tokko itti gaafatamaan itti-aanaa waajira pireezidantii Toonii Oranaatoo, haalli fayyaasaa yoo hammaachaa deeme mootummaan akka itti fufuuf sanada adeemsaa akka qopheessu gaafatee ture.
Kanuma keessa garuu gargaartota isaa maaskii akka hin keewwanne dhorkaa ture. Bulchaaa Nuuw Yook Andiruu Koomoo TV irratti waa’ee vaayirasii kanaa akka hin dubbanne itti himeetu ture.
‘’Dhimma kana waan guddaa hin godhiinaa, isinitu rakkoo gochaa jira,’’ jechuunsaa kitaabicha keessatti eerameera.
4. Tiraamp abukaatoosaa filannoo 2020 akka haquuf gaafatee ture
Filannooo 2020 Joo Baayidan mo’achuun gaafa dhugoomaa dhufu Tiraamp kantiibaa Niiw Yoorkii fi abukaatoo dhuunfaasaa Ruudii Giyuuliyaan waame.
'‘Tole Ruudii kana situ raawwachiisa. Akka barbaadde godhii geeddari, ani dhimma hin qabu,’’ jechuun dubbate Tiraamp.
Abukaatonni isaa kaan garuu filannoo hamma haquutti akka adeeman gaafatamuu irratti walii hin galle.
'‘Abukaatonni koo gatii hin qaban,’’ jedhee dubbachuufi gorsituu Waayit Haawus Paat Sippooloon immoo yeroo baayyee akka qeequs gabaafameera.
Yeroos Ab Tiraamp yaad-rimeee raga qabatamaan hin deeggaramneen amanuu waan jalqabeef abukaatoonnisaallee akka dogoggoraa jiran amana ture.

Madda suuraa, Getty Images
5. Tiraamp sanada garaagaraa mana fincaaniitti gataa ture
Yeroo Tiraamp hojiirra ture, qaawwii mana fincaanii waraqaa baayyeedhaan cufamee akka ture hojjettoonni Waayit Haawus yeroo booda baran. Tiraamp sanada garaagaraa mana fincaanii keessatti gataa akka tures amanu.
Waraqaa sanadaa tarsaasaa ture, kunimmoo seera sanadni pireezidaantummaa kamiyyuu kan keennames tahe kan fudhatame qabeenya Ameerikaati jedhu cabsa.
Yeroon pireezidantii tokkoo yeroo dhumu Galmee Biyyaalessaa Ameerikaatti kuufama.
Tiraamp sanada mootummaa mana isaatti dhokseera jedhamuun Waajira Haqaa biyyattiin qorannnoon yakkaa irratti taasifamaa jira.
6. Tiraamp hojjettoota sab-xiqqaarraa dhufan keessummeessitoota se’a ture
Walgahii simannaa pireezidantuummaasaa bara 2017n boda Tiraamp hojjettoota warra Demookiraatii sanyii garagaraa tahan keessummeessitoota se’ee waan nyaatamu naa fidaa jechaa ture jetti barreessituun kun.
Pireezidantiin duraanii kuni afa-yaa’ii Naansii Peeloosii fa’I maal akka jedhe kitaabicha irratti tokko tokkoon barreefameera.
Dubbii inni warreen jaalattoota saal-walfakkaataa tahanirratti dubbates kitaaba kanarratti dabalamee jira.












