Hojii argachuuf 'CV' ergachuumoo nama beekuutu filatama?

Madda suuraa, Getty Images
CV erguun yeroo dheeraaf iyyannoo hojii keessatti dhagaa bu’uuraa ture. Garuu akkuma gabaan hojii guddachaa dhufeen ammallee kaadhimamtoota namoota hedduu keessaa adda bahuu barbaadaniif filannoo hundarra murteessaadhaa?
Daldaltuu Aliison Giriiv eenyu akka dhaabbata isheef mijatu adda baasuuf maloonni fooyya'oon akka jiran amanti.
''Namoota qacaruuf CV akka karaa ijootti fayyadamee hin beeku,'' jechuun Mornings with Connie McLaughlan irratti dubbatti.
''Namoota garee keenyaaf ta’u hubachuuf dursee isaanin wal arguu filadha. Karaaleen biroo namoonni nu qunnamanii waa'ee isaanii nu beeksisaniif banaadha, fakkeenyaaf karaa leenjii hojii ykn namoonni bilbilanii nu waliin haasa'uu.
“Namoota hedduu akkasitti qacarree jirra, hojii waltajjiiwwan biroo irratti argan iyyachuu osoo hin taanee nutti dhufanii nuun haasa'uun.”
Hojiwwan omishaa kan akka meeshaa walitti qabuu CVn qacaruun mijataa akka hin taane dubbatti Aliison.
“Namni tokko garee sana waliin hammam akka walsimuu fi walitti qabaa gaarii akka ta’u CVn gonkumaa hin himtu.
“Gahee akkasii kanaaf karaan ati ga’umsa qabaachuu dandeessu hin jiru, seentee hojii sana qaamaan hojjechuu qabda.”
Haa ta'u malee leenjisaan hojii Fiyoonaa Reet CVn namoota hojii barbaadaniif meeshaa faayidaa qabu ta'ee akka hafu amanti.
"Hanga ammaatti si barbaachisa jedheen yaada. "Ofii keetiif si barbaachisa, muuxannoo kee galmeessuuf si barbaachisa jedheen yaada."
Gorsi ishee CV fuula tokkoo hin caalle qopheessuudha.
“CV’n kee dubbisuuf salphaa ta’uu qabu, odeeffannoon quunnamtii keetii mul’achuu qaba, achiis dandeettii fi cimina kee isa olaanaa fi muuxannoo barbaachisaa ta’e qabaachuu qabu.”
Garuu muuxannoo hojii guutuu dabaluun akka hin barbaachifne yaada dhiheessiti, “gara waggaa 15 caalaa duubatti hin deebi’inaa” jetteetti.
Walitti dhufeenya dhuunfaa uumuu

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gabaa har'aa keessatti maloonni durii hojiin barbaadan kana booda mijachuu dhiisuu danda'u.
Isaan keessaa tokko CV karoora ykn qajeelfama addaa tokko malee dhaabbileetti erguun mala Fiyoonaan gorsitu miti.
"I think it’s really important to have a strategy around a job search, to know what you’re looking for, and what value you [can] add.
"Hojii barbaachaa irratti tooftaa qabaachuun, maal akka barbaaddu beekuun, akkasumas gatii akkamii dabaluu akka dandeessu beekuun dhuguma barbaachisaa."
“Dhaabbaticha irraa nama tokko beekuun gaariidha.Ammallee hunduu waa’ee walitti dhufeenya dhuunfaati.”
Akka Aliison jettutti miidiyaaleen hawaasaa karaa gaarii pirofaayili nama hojii adamsu tokkoo ol kaasuuf gargaaru ta'uu danda'a.
“Yeroo hunda dargaggoonni ykn eebbifamtoonni LinkedIn irratti yeroo na qunnaman baay'een dinqisiifadha. Sababiin isaas walitti dhufeenya uumaniiru.
“Kanaaf CV ykn qunnamtii kamiyyuu yoo isaan irraa argadhe, waan nuti hojjennu akkasumas dhaabbaticha qorachuuf carraaqqii godhaniiru jedheen yaada."
Itti dabaluudhaanis, iyyannoo kamiinuu hojjechiistonni ilaalcha bal’aa nama dhuunfaaf qabaachuun ni gargaara jetti. Kunis bu'aa barnootaa qofa irraatti murtaa'uu akka hin dandeenye dubbatti.
“Gahumsa qofa osoo hin taane, wantoota duraan hojjete himuudha. Ogummaa adda addaa qabaachuun haala nama ajaa'ibuun nama dinqisiisa. Hojiiwwan itti bohaartu qabdaa?
“Ulaagaa ati qabdu qofa osoo hin taane amala kee mul’isuun gariidha.”















