Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattoota Yunivarsiitii Haromaayaa waggoota 30 booda wal argan
Yeroon garmalee fiigeera. Yoo amanu baattan eebbiifamtoota ‘Bilaattee’ gaafadhaa.
Bara ta’e dargaggoota turan. ALI Adooleessa 30, 1984tti eebbiifaman. Waggoota 30 booda Adooleessa 30 2014tti deebiisanii yoo wal argan garaan isaan hammaate.
Yaaddannoon Haromaayaa fi haalli yeroon itti fiige isaan dinqisiise. Kaan isaanii walu irraanfataniiru. Maqaa hiriyaa doormii saanituu irraanfataniiru.
Kaansaanii haarrii baasaanii, kaan ammoo molaa’uun, kaan garaan rurra’eera.
Waan gaarummaasaa irra caalaansaanii hakiimoota. Kaan isaanii pirezidaantii yunivarsitii ta’aniiru. Kaan ammoo biyya alaatti pirofeessaroota ta’aniiru.
Muraasni isaanii biyya keessaa daraaraa ergurratti bobba’aniiru. Kaan ammoo qorattoota. Kan amabaasaadaroota ta’anis jiru.
Fakkeenyaaf ministirri qonnaa duraaniifi ambaasaadarri Jaappaan ammaa Tafarraa Darboo, baachii eebbifamtoota ‘Bilaattee’ kanadha.
DHiheenya kaan yoo wal argan inni garuu hin argamne ture. Garuu ergaa ergee jira.
Beelama gaa’ila ilmaa jidduun qabame
Dhaloonni itti fufeera. Haalli yeroon itti saffisuus fageenya olmaa daa’immaniifi koolleejjii jidduu jiru xiqqeessa.
Beelamni wagga 30 kun kan qabame akkuma qoosaatti ture.
Nama Dr Addunyaa jedhamutu ilamsaanii fuusisu turan. Isaaniin eebbifamaa ‘Bilaattee’ keesaayi.
Kanneen cidha irratti affeeraman keessaa kaansaanii hiriyyootasaanii koolleejjii durii turan.
‘Maaliif walii hin arginuu garuu?‘
‘Yoom?’
‘Adooleessa 30’
‘Eessaatti?’
‘Achuma Haromaayaatti kaa.’
‘Tole haa ta’u bareeda!’ jedhamee beellamni qabame.
‘500 taanee seennee, 250 taanee eebbiifamne’
Haayilasillaaseen Koolleejjii Haromaayaa wayita banan koolleejjii qonnaa Afriikaafilleen ni hafa jedhamee yaadamee turedha.
ALI Bara 1950tti baay’inni barataa waliigalatti 11 qofaa ture. Yeroo Zanatti barsiisaanis ta’e bulchiinsi Ameerikaa Yunivarsitii Oklaahomaa irraa dhufu ture.
Biyya keessa yeroo sana Yeeneetaa malee pirofesarri hin turre. Haayilasillaaseen koolleejjii biyya dhalootasaaniitti saaqan ni jaalatu turan jedhama.
Yeroo sana barattootaaf aannan ujuumoon dhiyaataaf jedhamee hamatama ture.
Haasaan du-durii kunis (myth) hanga har’aatuu ni dubbatama. Bara sanatti barataa ta’un mataansaa waan ajaa’ibaa ture. Kooleejjii seenunis akkasuma.
Namoonni barreeffama kana keessatti eebbiifamtoota ‘Bilaattee’ jechuu fayyadamane kunneen mataansaanii wayita yunivarsiticha galaniitti baay’innisaanii 500 ture.
Ammaan tanatti Yunivarsitiin Haroomaayyaatti barattoota kuma sadiitu barata.
Bara Obbo Tafarraa Darboo fa’itti garuu kutaan barnootaa shan qofaa ture. Amma 230 osoo hin genye hafa jettaniitti?
Hiriyyoonni kunneenis 500 ta’anii yunivarsitii seenanii malee kan eebbiifaman 250 qofaadha.
Yeroo sana yunivasritiidhaa eebbiifamuun waan salphaa hin turre. Kan nama gaddisiisu wayituma eebbiifamuu jedhaniitti Jaallee Mangistuu Haayilamaariyaa isaan gufachiisan.
‘‘…Nu tuffataniiru, ni salphisaniiru, amantaniis dhiistaniis dhaabbiitti duuneerra. …Ni duultu ammoo…’’ jechuun Bilaatteetti isaan ergan.
Jaallee Mangistu Haayilamaariyaam jecha kana Yunivarsitii Finfinneetti erga dubbataniin booda, ofiin karaa Keeniyaatiin godhanii Zimabaabee galan.
Eebbichis gufachuun booda Hagayya bara 1984 akka hin taaneetti eebbiifaman.
Egaan kanaaf barattoonni kunneen kan dhaloota ‘baachii Bilaattee’ jechuun kan waamaman.
'Bara sana Maancheenis fi Arseenis hin turre'
Dr Asinaaqa Fiqiree amma qorataa olaanaa biqiltuwwaaniiti. Baachoo fi tabni osoo akka kubaa miilaatti sarara qaba ta’e, ‘baachiin Bilaattee’ silaa injifataa sarara duraa ta’u danda’u ture.
Ammalleen miirri tabaa saanii hiin geedaramne. ‘Duri liigii permiyeerii malee ofii attamiin koolleejjiin isiniif darbe? Barnootichi hoo attamiin isiniif deeme?’ jenneen.
‘Yeroon bashannanaa keenya Qidaamee galgala sa’aatii 4:00 ture. Yeroos sirba (hibrati tiriitiitu) ture.
Kan biraa hoo?
‘‘Kan biraa torbaniitti guyyaa Jimaataa fiilmii Hindi ni dowwanna. Irribaataan booda sa’aatii 11:30 irratti jalqaba. ‘Fiilmii Mother India jedhu irra dedebiin dowwanna turre.’’
‘Aannan ujumoon isiniif dhiyaataa ture jedhamun dhugaadhaa?’
‘‘Dhimmi sun bara keenyattis ni haasa’ama ture. Tarii warra nu dursaniif dhiyaatee jira ta’a.’’
‘Isniifii hoo?’
‘‘Nuuf ujummoon osoo hin taanee kubbaayaan aannani torbaniitti al sadi nuuf kennama ture.
‘Amma nu dhiisaatii Haroon Haromaayaatuu molaa’eera.’
Hiriyyoonni kunneenis kunoo wagga 30n booda wal argan.
Dur qaqalloo turan amma furdataniiru. Dur afro turan amma molaa‘aniiru.
Shamarran mimmiidhagoo “bag taraa”dhaa fuudhanii bakki itti bashannanan Harri Haramayaa har’a hin jiru. Hin jiru jedhamuu baatus xiqqoon jira.
Akka barattoota tokko tokkoo guutummaatti molaa’uu baatus, badee deebi’a.
“Amma inumaayyuu haala gaarii irra jira. Bishaan meetirik kiiyubikii miliyeena 40 keessaa harki 40 deebi’ee jira” jedhu Gargaaraa Pirofeesaraa Tasfaayen.
Nuyi qofa osoo hintaanee Haromaayaanuun molateera
Baachii Bilaatee yoo ta’an eebbifamanii achumatti hafan. Waggoota 30 darban keessatti sadarkaa gargaaraa pirofeesaraa irra gahaniiru. Yuunivarsiitii Haramayaa itti baratanitti har’a Itti Aanaa Pirezidaantii Dhimmoota qorannoo yuunivarsiitichaa ta’uun tajaajilaa jiru.
Mana dhaabbachuun horanii baay’ataniiru. Intalli isaanii barsiistuu yuunivarsiitii taatetti. Amma baruumsa dabalataaf gara Nezarlaandis deemtee jirti.
Waggoota soddomman darbanitti Hara Haromaayaa qofa osoo hin taane namniyyuu badee jira. Harichi ni dhufa ni bada. Nama kan badee nin deebine.
Harri Haromaayaa gogee badhee ta’ee ture, kan nama dhibu garuu duriyyuu akkana ta’uuf akka jiru himamamaa ture.
“Waggoota 15 keessatti harri kun baduu danda’a kan jedhu raagni akka ture nan yaadadha,” jedhu miseensa baachii kan ta’na Dr. Asnaaqan. Raaga yoo jedhan, qorannoo saayinsii jechuu isaaniti.
Bara sana baratoonni, keessummaa damee qonnaa fi saayinsiitin baay’ee ciccimoo turan. Kanaaf harri kun akka gogu dursanii raagun isaanii nama hin dinqu.
Kan nama dhibu harri kun barattoota baay’eef yaadannoo addaa qaba. Barattoota qofaaf osoo hin taane kolleejjicha kan hundeesse Hayilasillaasedhaafuu yaadannoo addaa qaba.
Guyyaa tokko Hayilasillaasen osoo daakanii bishaanin nyaatamanii akka tasaa lubbuun oolan. Taatee hamaa sana booda abaraanii gogee laata?
Yuunivarsiitin Haramayaa hara kana deebisuuf hojii ajaa’ibu hojjateera. Harichi suuta suuta deebi’aa waan jiru fakkaata.
Dhugaadha, harichi ni deebi’a, mataan molates dhaabsisuun ni danda’ama. Kan hin deebine nama. Fakkeenyaf, Bilaattewwan nama 500 ta;anii Yuunivarsiitii Haramayaa seenan, 250 tu eebbifame, namoota dhibbaaf wayi ta’anii waggaa 30 booda wal argan. Yeroo ammaa namoonni 17 du’aniiru.
“Yeroo wal agarru lubbuun waan jiraannee wal agarreef Waaqayyo galateeffanna. Warra du’aan nu biraa deemanif yaadannoo daqiiqaa 1 goonaf,” jedhu Dr. Asnaaqan.
‘Bara sana dubarri yunivarsitii seenan qaalii ture’
Barattoonni durii kun gaafa wal argan kan biraa maal godhu?
Duratti lafa gabaa jaalalaa barattootatu ture. ‘Bag taraa’ jechuudha. Barattoota Haramaya yeroo sanaaf ‘Batee fi Ganda boyii’ daangaa jedhamutu ture. Amma suni jijjiirameera.
Akka ammaa gamoon akka margaa itti biqilee osoo hin taane, yeroo sana fardaan daqiiqaa 30 deemisa.
Bakki bulmaata barattootaa sadi ture. Gamarraan ammoo bakka bulmaata dubartootaa tokkotu ture.
“Akka ammaa sitti hin fakkaatin, dubartiin yuunivarsiitii galuun qaalii ture,” jedhu Gargaaraa Piroofesaraa Tesfayeen. Kanaaf, cal jedhameetuma ‘bag taraa’ hin deemamu. Seera mataa isaa qaba.
“Bag taraa kan dhaabannu dabareedhani. Darabeen shamarran waamsisuu kan nu gahuu yeroo yaalii dheeraa booda.”
Kanaafidhaa barattoonni baay’en nama gaa’ilaaf ta’u kolleejjicha keessaa kan hin arganne?
Hundi isaanii harka duwwaa hin baane.
Yeroo wal-argan doktaroonni lamaan akkas jedhan: ‘Haramayaadhaa beekumsa qofa osoo hin taane haati manaas ni argamti.‘
Nama dubartoonni doormii isaanitti qabatan
Namni yoo jaalate yeroo sana sirba sirba. Dhiirri jaalalli itti cime ammoo doormii dubartootatti xalayaa barreessa.
Hiriyaa qaxalee fi qophee Baqqalaa jedhamu qabu turan. Hiriyaa isaa jaalalli itti cime irraa xalayaa fuudhee ija jabaatee doormii dubartootaa seene.
Dhiirri tokko doormii dubaraatti argame jechuun adabbiin isaa hamaadha. Waari to’atan waan irra gahaniif Baqqalaan haala hamaa keessa gale.
Barattoonni shamarranii yeroo sana turan babbareedodha. Baqqalaan barataa osoo hin taane ‘jabbilloo’ dha jedhanii falmaniif dubartoonni.
Yeroo sana ‘jabbilloo’ jechuun nama dubartootaf meeshaalee tokko tokko geessuf jechuudha. Dubartoonni akkasitti sobanii Baqqalaa oolchan.
Baqqalaan bara sana mala shamarran malaniin hari’amuu irraa hafee nama guddaa ta’ee wagga 30 booda qaaman bakkichatti argamuun kolfuu danda’eera.
Waggaa 30 dura harmee ittoo nuu buuftu
Barattoonni baachii bilaattee yaadannoo baay’en guutamanii mooraa sana keessa guyyaa lamaaf naanna’aniiru. Daandii jaalalaa (Love street) deemanii bashannan. Waggaa 30 dura kutaa keessa ciisaa turan seenanii daawwatan.
Yaadannoo bakkichaatin garaan isaanii moogga’ee gara fuulduraatti akka addaan hin fagaannef waadaa walii galan.
Osoo gargar hin deemin dura irbaanni qophaa’e. Gidduu kanaan waa yaadatan. Dur nama guddoo ittoo ‘zeerfoorii’ kaafetti nama buusafii turan barbaacha bahan.
Isaan garuu soorama bahanis naanodhuma sanatti argatan. Adde Qalamuwaa jedhamu. Keessumaa kabajaa ta’anii akka dhiyaatan godhame.
Dur nama kaafetti waxii zeerfoorii isaanif buusaa ture Adde Qalamuwadhaf amma Gargraagaa Pirofesaraa Tesfaaye fi Dr. Asnaaqaa fa’atu ka’ee ittoo buusufii eegale.
Adde Qalamuwaa garaan isaanii moogga’ee, ‘Kuni anaaf akka lammaffaa dhalachuuti,’ jedhan.
Tiraafika nyaataa ykn tiikarii
Duratti tiikarii ykn tiraafika nyaatatu ture. Tiikarii jechuun galmee barattootaa qabatee kaafee nyaataa keessatti kan nama to’atu jechuudha.
Kaardii nyaata barattootaa irratti mallattoon ni godhama. Barataan tokko galee gaafa nyaatu kaardii isaarratti ‘tiikii’ godhama. Gabaabadhumatti tiraafika qoonqoo jechuu ni dandeessu.
Barataan sobee irra deebin nyaachuu gaafa dhufu tiikarin kun qabee baasa. Dr. Asnaaqan fa’aa akkuma godhan godhanii dhokatanii seenun dabalata nyaachaa akka turan waggaa 30 booda ni yaadatu.
“Qarabaadhan mallattoo tiikii itti godhamte irraa soqeen ‘diggee’ nyaataa ture,” jedhanii kolfu Dr. Asnaaqan.
Namni tiikarii jedhamu kun akka salphaatti gowwoomsun hin danda’amu. Maqaan isaa Amaaraa Getaachoo jedhama.
Baachin Bilaatee kun barbaadanii isa argatan. Adde Qalamuwaa wajjin keessummaa kabajaa ta’anii dhiyaatan. Seenaa wagaa 30 sana yaadachiisuf Obbo Amaaran tiikii gochaa ol seensisan.
Obbo Amaaradhaaf kennaan qophaa’ee kennaniif. Obbo Amaaran garaan isaanii moogga’ee, “Ijoollee koo waggaa 30 booda waan na jaalattaniif galatoomaa,” jedhan.
Dhuma irratti waan waliin jedhan
Yuunivarsiitin Haramaayaa yuunivarsiitii jalqabaa keessaayi. Kolleejjii Hayilasillaasee qofaatu isa dursa. Kanaan yoo wal bira qabamu baachin barattoota Bilaattee baay’ee kan ture kan jedhamuu miti.
Obbo Fireezar itti gaafatamaa Biiroo Almunayi. Yuunivarsiitichi walumaa galatti barattoota kuma 117 eebbisiisera jedhu.
Kanaan dura baachii Chaayinaa fi baachii Wayiraa kan jedhaman akkanuma wal gahanii wal arganii akka turan ni yaadatu.
Dr. Asnaaqaa fa’aan yeroo gargar baatan maal waliin jettan jennee gaafannee, bara gamaagamanii akka gargar bahan dubbatan.
Yeroo eebbifaman sana waraanatu ture. Gargaaraa Piroofesaraa Tesfaayen laayibrarii osoo jiranii dhukaasni banamee foddaan laabrarii akka caccabe ni yaadatu.
Bara sanas waraanatu ture, ammas waraanatu jira.
Kan biraa hoo?
Barataa yeroo turre beelatu ture, ammas beelatu jira. Maalif? Jennee gaafanne.
Dr. Asnaaqan akkana jedhan: “Kooriyaan waggaa 20 keessatti qonnaa fi deeggarsa argachuu jalaa baatee amma deeggarsa namaaf laatti. Nuti kana gochuu maaf dadhabne jennee gaddine.
Walumaa galatti gaaffilee hin deenine fudhannee gargar baane.”