Gosoota icciitii namatti himuuf dirqamuu hin qabne ja'a

Dubartii ''ushi'' jechaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

''Icciitii dha namatti hin himiin'' jedhee waan namni sitti hime kaanitti himuuf gunnamta moo qabattee turta?

Yoo qabattee turte akka nama waa dhoksaa jirutti 'siqiq' jettaa?

Icciitiin waan mucucaatee afaanii bahu tahuu mala. Akka malee dhoksuuf yaaluun soba akka dubbattu fa'i si gochuu danda'a taha.

Kanaaf icciitii dhoksuu moo ifatti waa dubbachuutu filatama?

Ogeessonni xiinsammuu waa'ee icciitii dhoksaa jirru yaaduun gammachuu nu dhorkuu mala jedhu. Keesumaa icciitiin dhoksaa jirru waan hamaa kan hordofsiisu taaanaan.

Fayyaa qaama keenyaallee miidhuu danda'a. Icciitii akka malee dhoksuuf yaaluurra dhugaasaa dubbachuun waan filatamu dha. Garuu kuni dhimma yeroo hunda tahuu qabu tahuu dhiisuu mala.

Kanaaf haalota muraasaaf icciitii kee qabachuun gaarii dha ykn rakkoo hin qabu.

Gaazexeessaan BBC4 Maark Taalii waan ogeessonni xiinsammuu dhimmoota ja'a icciitiidhaan qabatanii turuun faayidaansaa caala jedhe akka armaan gadiitti qindeessineerra.

1. Dhimma mataa kee yeroo tahu

Waan qaanessaa raawwatte ykn amala nama fuulduratti baasuu hin barbaanne yoo ati namoonni akka baran barbaadde malee eenyuyyuu dhimmasaa miti.

Mana keessa qullaa dhaabbattee amala sirbuu qabda taha, dhoksaatti haadha warraa namaa ija jaalalaan ilaalta taha ykn eenyu wajjin saal-quunnamtee akka raawwatte fa'i.

Waan dalagdu hundi nama isa kaan hamma hin miinetti dhimma kee malee dhimma nama bairaatii miti. Icciitiidhaan qabattee jiraachuu dandeessa.

2. Waan hiriyyaan icciitiidhaan sitti hime

Hiriyyaan kee icciitii sitti hime dhoksaatti qabachuuf waliigalteetta taanaan amanamuun waanuma gaarii dha.

Amantii hiryyaa cabsuun icciiti isaanii kaaniitti dabarsanii kennuun hiriyyaa keenyarraa barabaraan nu kutuu mala. Waanti hamaan immoo takkaa nama tokkotti himte jennaan tamsa'uurraa dhaabsisuu hin dandeessu.

Bara 2023 barreessituun kitaaba ijoollee beekamaa Haarii Pootar maqaa guddaa qabdu JK Rowling yeroo kitaabota yakka irratti xiyyeeffatan barreessaa turte maqaa sobaa fayyadamti ture.

Kunis icciitii akkaan eegamuufi namooti muraasni qofa beekani ture. Haa tahu malee abukaatoonishee tokko hiriyyaa haadha warraasaatti dhimma kana hime.

Addunyaan guutuun icciitii waan ture kana baruuf yeroo dheeraa hin fudhanne ture. Biyya waliin gahe.

3. Dhoksaa daldalaa

Daldaloonni baayyeen morkattoota isaanii wajjiin dorgomuuf foormulaa oomisha ykn tajaajila isaanii icciitiidhaan qabatanitti hirkatu.

Fakkeenyaaf Kookaa Koollaan dhugaatii lallaafaa isaa akkamiin akka qopheessu hojjettoota amanamoo muraasaan ala kaan akka hin beekne dha kan himamu.

Qajeelfamni dhugaatii lallaafaa kana qopheessuuf gargaarus waraqaa irratti barreefamee saanduqa kaazinaa keessatti itti cufame taa'a.

Akkasuma Google illee koodii guyyuu waan barbaanne gaafanne akka deebii argannu nu taasisu icciitiidhaan qabateetu jira.

Daldala qofaa otoo hin taane namoonni do'ii falfalaa agarsiisanis akkamiin akka hojjetan hin dubbatan.

Afaaniitti yeroo ibidda qabatan, harki cabee yeroo iddootti deebi'uu nutti agarsiisan akkamiin akka hojjetan nutti hin himan.

4. Of eeguuf jecha

Eelaa fi muuxannoo suukaneessaa keessa dabarte nama amantu ykn ogeessa xiinsammuuf qooduun si gargaaruu danda'a.

Haa tahu malee himuuf hamma qophii taatutti icciitii keen qooduuf waan dirqama qabdu sitti fakkachuu hin malu.

Ogeessonni waan nu gadadu irratti gorsaafi mijuu namarraa argachuun barbaachisaa dha jedhu.

Haa tahu malee namatti himuun dura ''miiraafi amala koo namatti saaxiluuf qophii dha?'' ''Dhimmoota icciitii koo tahaniifi dubbachuuf ulfaataa tahe dubbachuu nan danda'a?'' ''Kana gochuun dura dhimmi irratti gargaarsi argachuu qabu jira?'' Waan jedhu fa'i of gaafachuu qabda.

5. Qaamota wal-lolan yeroo araatsitu

Yeroo marii idila addunyaa qaamota lama walitti fiduuf taasifamu dhimma nagaafi nageenyaa waan taheefi qaamoti gama lamaa iftoominaan waa akka dubbataniif jecha icciitiin eegamu qaba.

Dr Paatrishaan dhaabbata qorannoo Chaatam Haawus irraa waa'ee marii adeemaa jiruu haasa'uun, ''balaa siyaasaa guddaa qabaachuu mala.''

Icciitiin qabamuun dhimmichaa gareen lameen ''saaxilamuu otoo hin sodaatiin dhimmoota kennanii fudhatan irratti haasa'uu danda'u.''

6. Namoota kaan eeguuf

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa namoonni namoota kaan eeguuf jecha icciitii gurguddaa qabatanii turaniiru. Biyya Deenmaark Naaziidhaan qabamtee turte maatiin Keeleer lammiilee Israa'el 1,000 dhoksaan gara Siwiidinitti dabarsaniiru.

Guyyaa tokkotti qofa intalli warra Keeleer Elseebeet dhoksaan Deenmaark keessa adeemuun maallaqa biyya sanaa miiliyoona tokko deeggartoota diddaa waraana kanarraa walitti qabdeetti.

Maallaqichis loltootaaf matta'aa kennuufi kanneen qurxummii kiyyeessan Yuhudoota dhoksaan gara Siwiidiinitti akka dabarsan kaffaluuf oola ture.

Yeroo balaan biyyaalessaa jiraatu icciitii qabachuun barbaachisaa dha. Haleellaan baayyee shororkessitootaan aggaamamu otoo qorannoon biyyaalessaa icciitii hin jiru tahee badii baayyeetu gaha ture.

Haa tahu malee warreen icciitii boodarra baraman tajaajila nageenyaa/tikaa keessatti sababa waa soquun yeroo dheeraa fudhatuf icciitii qabachuun lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa'amanii oolchu ni danda'a.