Turkiin amma hariiroo Somaaliyaa waliin cimsuu maaf barbaadde?

Madda suuraa, Getty Images
Amajjii darbe Itoophiyaan akkaataa ulaa galaanaa argachuu dandeessurratti Somaalilaand waliin wal-hubannoorra ga'uun Somaaliyaa waliin walitti ishee buuseera.
Muddama Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti dhalate kana furuuf jaarsummaan gidduu kan jirtu ammoo Turkiidha.
Turkii fi Somaaliyaan hariiroo jabaa waggoota lakkoofsise qabu.
Turki waggoota kudhanii oliif nageenyi fi tasgabbiin Somaaliyaa akka mirkanaa'u akkasumas biyyi Gaanfa Afrikaa kun shororkeessummaa akka qolattuuf deeggaraa turteetti.
Mootummaan Turkii akka jedhutti bara 2009 irraa eegalee humni waraanaa Turkii Somaaliyaa keessatti saamicha fi shorokeessummaa galaanarraan raawwatamu qolachuuf tattaaffiiwwan idiladdunyaa taasifaman adda durumaan tumsaa jira.
Guraandhala darbe ammoo Turkiin yeroon turtii loltoota ishee Somaaliyaa jiranii waggaa lamaan akka dheeratu murteessite.
Itoophiyaa fi Somaaliyaa waliin michummaa kan qabdu Tarkiin biyyoota lameen gidduutti dhibdeen uumamuu hordofuun waliigaltee waraanaa dabalatee dhimmoota hedduurratti waliin hojjechuuf waliigalteetti.
Tarkiin biyyoota kunneen waliin hariiroo waraanaa fi diinagdee yeroo dheeraa ture qabdi.
Bara kana jalqaba ji'a Amajjiirratti waliigalteen walhubannoo itti fayyadama ulaa galaanaa mallattaa'e madda rakkoo Gaanfa Afrikaa ta'ee jira.
Waliigalteen kun Itoophiyaaf carraa ulaa galaanaa argamsiisa, Somaaliyaarraa adda baatee kan of bulchaa jirtu- Somaalilaandiif ammoo beekamtii biyyummaa argamsiisa jedhamee baayyee dubbatame.
Itoophiyaan sanada waliigaltee kana mallatteessuun birmadummaa biyyashee akka sarbu kan ibsitie Somaaliyaan, biyya Itoophiyaa waliin walqoollifannaa keessa jirtu Masirii dabalatee biyyoota adda addaa waliin waliiglateewwan waraanaa fi kaan mallatteessiteetti.
Somaaliyaan haala kanaan Itoophiyaarratti dhiibbaa uumuuf yaalaa jirti.
Waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti mudate mariidhaan furuuf jaarsummaadhaan gidduu seentee mariisisaa kan jirtu Tarkiin kanaan dura yeroo lama mariisisteetti.
Amma ammoo biyyoota lameen kopha kophaatti mariisisuun marii marsaa sadaffaa itti fufuuf jetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hariiroon Turkii fi Somaaliyaa daran kan cime bara 2011 beelli hamaan lubbuu namoota hedduu galaafate Somaaliyaatti mudachuu hordofeeti.
Yeroo sana biyyoonni kaan Somaaliyaa keessaa baqachuu filatan, Turkiin garuu harkashee Somaaliyaaf diriirsite.
Tibba sana Pirezidantiin Turkii Xayyib Erdowaan tasuma lammiilee Somaaliyaa gidduutti argaman, hoogganaa Afrikaan alaa yeroo jalqabaaf Somaaliyaa daawwates ta'an.
Daawwannaa pirezidantichaa booda gama deeggarsa namoomaa fi hariiroowwan biroon michummaansaanii dagaaguu eegale.
Waggaa booda bara 2012 Daandiin Qilleensaa Turkii balalii gara Moqadishoo eegale, kun ammoo Somaaliyaa biyyoota addunyaa kaan waliin wal-quunnamsiisuu keessatti ga'ee olaanaa gumaache.
Turki damee daldalaa fi tuurizimii Somaaliyaa deeggaruun dinagdeen biyyattii akka dandamatu ga'ee guddaa baate.
Kubbaaniyaawwan Turkii magaalaa Moqadishoo keessatti bu'uuraalee misoomaa, buufata xiyyaaraa fi buufata galaanaa eegalsiisuun biyyoota lamaan gidduutti michummaan diinagdee akka cimu taasise.
Turkiin bara 2017 buufata waraanaa isa guddaadha jedhame biyyashee alatti Somaaliyaa keessatti ijaarratteetti.
Somaaliyaa keessatti buufata waraanaa qofa ijaarte osoo hin taane yeroo ammaa poolisii fi loltoota Somaaliyaas ni leenjisti.
Manneen barnootaa, hospitaalotaa fi misoomaawwan bu'uuraa hedduus ijaarteetti Turkiin.
Barattoonni Somaaliyaa hedduun Turkii keessatti carraa barnootaa argatanii barataa jiru.
Yuniversitii Ankaaraa keessatti Pirofeesar Gargaaraa kan ta'an Elam Ayiriis (PhD) michummaa Somaaliyaa fi Turkii kana ''daandii daandii irratti mirkanaa'u kan mudoo hin qabne,'' jechuun ibsan.
Miseensa Nato kan taate Turkiin yeroo ammaa Somaaliyaa keessatti guddina diinagdee, siyaasaa fi deeggarsa namoomaan hirmaannaa taasistuun dorgomaa hin qabdu.
Guraandhala darbe Turkiin humna galaanaa Somaaliyaa leenjisuu fi hidhachiisuuf akkasumas daangaa galaanaa biyyattii eegsisuuf humna galaanaashee akka bobbaastu waliigaltee ishee dandeessisu mallatteessiteetti.

Madda suuraa, Getty Images
Somaaliyaan biyya Afrikaa keessaa handaara galaanaa dheeraa qabaachuun beekamtuudha, daldala addunyaa hedduufis ulaadha.
Daandii daldaldaa akkaan murteessaa ta'e kana akkasumas birmadummaa Somaaliyaa mirkaneessuun Turkiif hojii isa ijoodha.
Turkiin yeroo Somaaliyaan homaa harkaa hin qabnetti bira dhaabbachuunshee faayidaa guddaadha jedhu barsiistuun yuniversitii kun.
''Kun Somaaliyaan deeggarsi keenya feete ergaa jedhu qaba. Ergaan kun ifa,'' jedhan.
Turkiin haala kanaan biyyoota Gaanfa Afrikaa keessatti ulaa galaanaa guddaa ta'e qaban- Somaaliyaa fi Jibuutii waliin hariiroo jabaa uumuu dandeesse jedhu pirofeesarri kun.
Akka fakkeenya waliigaltee Turkii fi Somaaliyaan barbaacha zayitaa fi boba'aa irratti mallatteessan kaasan.
Biyyoonni hedduun waliigaltee akkanaa Somaaliyaa waliin mallatteessuu ni barbaadu kan jedhan pirofeesar Elam, Turkiin carraa kana dursa qabatteetti jedhan.
Biyyi Somaaliyaa waliin michummaa cimsuu barbaadu kan biraan Yunaayitid Arab Emireetis (UAE).
Biyyi Afrikaatti dhihaattee argamtu kun ulaawwan galaanaa Gaanfa Afrikaa keessa jiran olaantummaan hoogganuun beekamti.
Biyyi suuta Somaaliyaati seenaa jirtu kan dhibiin ammoo Raashiyaadha.
Raashiyaan liqaa Somaaliyaarraa qabdu doolaara miiliyoona 684 haquun qamadii toonii 25 gargaarsaan kennuun michummaashee Somaaliyaa waliin cimsuuf yaalteetti.
Moskoon michummaa Somaaliyaa qofa osoo hin taane yeroo booda naannawa kanarraa dantaa qabdu bakkaan ga'achuu barbaaddi.












