Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maan. Yuunaayitid 5-4 Liyoon: Raajii Maanchister Yuunaayitid du'aa ka'ee Liyooniin mo'ate
Haarii Maaguweer Ooldi Tiraafoordi keessaa dhiibamaa turus osoo abdii hin kutatiin gahumsa isaatti deebi'uun madda gammachuu kilebichaa tahe.
Yeroo taphataan sarara duraa galchii lakkoofsisu dhibetti Haarii Maguweertu ittisaa bahee furmaata taha.
Qabxii addunyaa raajeffachiise Yuunaayitid Liyon irratti galmeesse irrattis maqaa isaa kabaja gaariin galmeeffatee darbe. Injifannoo yeroo hundaa yaadatamu!
Yuunaayitidiin balaa kanaaf kan saaxile ammoo Andiree Onaanaa ture. Tapha marsaa duraan dogogora Onaanaatu Liyon akka galchii lakkoofsisu taasise.
Maaguweer ''waan amma Onaanaan keessa jiru keessa waanan darbeef nan isa hubadha. Deeggarsa barbaachisu isaaf ni kennina jedheera.
Diraamaan Ooldi Tiraafoordi Maan Yuunaayitidii fi Liyoon gidduu akkamiin jalqabee akkamiin xumurame?
Ooldi Tiraafoordi irratti yeroo Aleeksaander Laakaazeet galchii 4ffaa Liyoniif lakkoofsisuun abjuu Maanchister Yuunaayitid awwaale jedhame sa'aan dabalataa kenname daqiiqaa 109 irra jira ture.
Deeggartoonni Maanchister Yuunaayitid kumaatamni kana taa'anii ilaaluurra galuu wayya jedhanii aarii fi mufannaadhaan istaadiyeemii keessaa bahaa turan.
Yeroo sana Liyoon galchii 4-2'n Maanchister Yuunaayitiidiin dursaa ture. Waliigalaan ammoo Liyoon 6-4'n walakkaa xumuraaf darbeera jedhamee ture. Daqiiqaa 11 qofatu hafeera.
Daa'imni deeggaraa Yuunaayitid tahe tokko istaadiyeemii keessaa osoo boo'uu argamaa ture.
Kana gidduutti eenyutu raajiin akka kanaa mudata jedhee yaadeera?
Taphataan sarara ittisaa duraanii Maan Yuunaayitid Riyoo Feerdinaandi ''Maanchister darbuuf raajii hojjechuuniyyuu isaan hin gahu'' jechuun TNT Sport irraa dubbataa ture.
Garuu raajii raajii caalutu Ooldi Tiraafoorditti hojjetame. Faaruun Ooldi Tiraafoorditti barame gara dhumaattis ni dhagahama. Garuu abdiin isaanii dhumaa deemee ture.
Maanchister Yuunaayitid taphni jalqabee dursa qabachuun galchii 2-0 dursaa ture. Deeggartoonni Maanchister Yuunaayitid kilebni isaanii walakkaa xumuraaf darbeera abdii jedhuun taphattoota isaanii faarsaa turan.
Tasuma garuu haalichi jijjiirame. Liyoon daqiiqaa muraasa keessatti galchii lama lakkoofsisuun wal qixxaatan.
Kilebonni lamaan sa'a dabalataa daqiqaa 30tti erga ce'anii Liyoon galchii sadaffaa lakkoofsise.
Taphataa tokko ammoo kaardii diimaan dhaban. Maanchister Yuunaayitid kanatti fayyadamee galchii dabalataa lakkoofsisa jedhamee osoo eegamuu Liyoon taphattoota 10niin taphataa turan galchii biraa lakkoofsisuun Maanchister Yuunaayitidiin 4-2, waliigalaan ammoo 6-4 dursaa turan.
Amma daqiiqaa 110 taheera. Maanchister kana booda galchii sadii lakkoofsisuun waan hin fakkaanne ture.
Yeroo kana Ruubeen Amoorim taphataa deeggartoota Yuunaayitidiin akka malee qeeqame, addunyaan baacoof itti fayyadamaa turte, garuu hundumaa danda'ee abdii osoo hin kutatiin Maan Yuunaatitid keessa ture Haarii Maaguwer gara sarara duraatti darbee akka taphatu taasise.
Kaazemiiroon muuxannoo qabu fayyadamuun kubba qabatee fuulduratti dabarsaa ture. Kana gidduutti balleessaa Kaazemiiroo irratti raawwatameen Yuunaayitid rukuttaa peenaaliitii argachuun 3-4 dursamaa morkii itti fufe.
Daqiiqaa jaha qofatu hafe. Deeggartoonni kaan bahanii deemaniiru.
Daqiiqaa 120 irratti Koobii Maayinuu galchii bareedduu Yuunaayitidiif lakkoofse. Ooldi Tiraafoordi amma gadda irraa gammachuu guddaatti jijjiirame.
Koobii Maayinuu miidhamarraa reefu waan deebi'eef gahumsa guutuu irra hin jiru ture. Garuu galchii akkaan qaalii taate lakkoofsisuun Yuunaayitid Liyoon waliin 4-4 wal qixa tahe.
Rukuttaa peenaaliitiif yaadaan of qopheessuun jalqabameera. Garuu Yuunaayitid abdiin guutameera. Kaan diraamaa Shaampiyoonsi Liigii 1999 Yuunaayitid Baayern Munik irratti hojjete yaadachuun abdii qaban ibsaa turan.
Pool Iskoolsii fi Riyoo Ferdinaandi seenaa 1999 kaasuun Yuunaayitidiin ibsaa turan.
Koobii Maayinuu galchii lakkoofsisee osoo deeggartoonni gammachuu isaanii ibsatanii hin xumuriin, Haarii Maaguweer kubba Kaazemiiroon dabarseef lakkoofsisuun Ooldi Tiraafoordi keessatti miiira gammachuu takkaa argamee hin beekne, sagalee dhiyeenyatti takkaa dhagahamee hin beekne fide.
''Deeggaraa tahee waan akka kanaa takkaa argee hin beeku. Waan ajaa'ibaati. Yeroo galchii 4-2 irra jirru deeggartoonni hedduu bahaa turan,'' jedhe Ferdinaandi.
Kan garagalchanii darbuuf ''raajii adda tahe galmeessuu barbaada'' jedheen ture. Dhuguma akka danda'amu nan amane jedhe.
Karra eegaan duraanii Ingilaandi Pool Roobinsan ''miirri Ooldi Tiraafoordi keessaa waan ajaa'ibaati'' jedhe.
"Takkaa waan akkanaa argee hin beeku. Hojjettoonni nageenyaa dirree keessa jiru. Deeggartoonni dirree keessa jiru. Istaafiin Yuunaayitid dirree keessa jiru. Onaanaan dirree guutuu fiigee gammachuu isaa ibsate. Dhiyeenyatti waan akkanaa Ooldi Tiraafoorditti arginee hin beeknu,'' jedhe.
''Tapha akkanaa argee hin beeku. Du'anii waan awwalaman fakkaata ture. Kutannoo akka kanaa waggaa kana guutuuyyuu isaanirratti argee hin beeku.''
Awurooppaa Liigii keessatti sa'a dabalataa irratti galchiin shan lakkaa'amee hin beeku.
''Waan addaa kilaba kana keessatti mudatanii beeku. Waa'ee Olee Guunar Soolshaayer yaadaan ture. Yeroo inni 1999 Liiverpuul irratti lakkoofsisuun 2-1 xumurame. Kuni garuu 5-4 waan taheef addadha,'' jedhe Pool Iskoolsi.
Leenii Yooroo gahums addaan tapha kana xumure.
''Dhugaa dubbachuuf waan mudate hubachuun natti ulfaateera. Maraatummaadha! Deeggartoonni keenya akka mo'annu barbaadaniiru. Sagalee guddaa deeggartootaa osoo 4-2 dursamaa jirruu yeroo dhageessu ni mo'anna jennee akka amannu nu taasise.''
Ofitti amanuu qabna ture. Yoo ofitti hin amanne mo'achuu hin dandeessu. Deggartoota keenyaaf qabxiin kun ni malaaf.''
Waancaa Awurooppaa Liigii mo'annaan Yuunaayitid karaa qaxxaamuraa Shaampiyoonsi Liigii keessa gala.
Ruuben Amooriim taphattoota koo onnachiisuuf dookimantarii bara 199 duubaa ka'uun Shaampiyoonsi Liigii mo'atan nan daawwadha jedhe.