UAEn Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduutti lafa qonnaa bitachaa jirti, maaliif?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Waggoota kunan darban keessa Yunaayitid Arab Emireetis imaammatasheetiin dinagdee Afrikaa keessatti fedhii olaantummaa fudhachuu agarsiisaa jirti.

Fedhii UAEn agarsiistu kun investimentiiwwan gurguddoo dabalatee daldalaafi bulchiinsa buufata galaanaashee guddisuu dabalata.

Biyyi Galoo Galaanaa kun dabalataan Afrikaa keessaaa bittaa lafaa gurguddaa akka tarsiimootti hordofaa kan jirtu yoo ta'u, lafa qonnaa gurguddoo, bakkeewwan bineensonni bosonaa keessatti argaman gurguddoo, akkasumas qarqarawwan galaanaa harka galfatteetti.

Kanaan osoo hin dhaabbatiin bosona hedduu omisha Karboniitiif ta'u hektaara miliyoonaan lakkaa'amu dhuunfaatteetti.

Haata'u malee, lafa bal'aa kan ta'eefi hawaasa naannoorraan miidhaa geessisa jechuun sochii biyyattii kana warra qeeqaniifi garee eegumsa naannoo biratti tooftaa ittiin lafa saaman akka ta'etti ilaalama.

Bittaan lafaa kun biyyoota Afrikaa lafa sana gurguraniif qabeenya dhabuu, yaaddoo wabii nyaataa, namoota warra lafa sanarra turan buqqisuu, walitti bu'iinsa hammeessuu akka danda'u dubbatama.

Akka ragaan Baankiin Addunyaa bara 2023 agarsiisutti, bal'ina lafa UAE keessaa dhibbeentaa 0.7 qofatu qonnaaf kan oola.

Nyaataaf kan ishee gargaaru keessaa dhibbeentaa 85 hanga 90 kan biyya alaa galchitu Abu Daabiin, bara 2018tti 'Tarsiimoo Wabii Nyaataa Biyyaalessaa 2051', karoora waggaa guutuu addunyaaf nyaata nageenya qabu, soorata gahaa ta'e dhiyeessuudhaan beela zeeroo gochuu galmaan ga'uuf kaayyeffachuu ifa gooteeti.

Waggoota kurnan darban keessatti mootummaan Galoo Galaanaa kun biyyoota Afrikaa waliin daldala qabdu, keessumaa damee nyaataa irratti saffisaan babal'isaa jirti.

Tattaaffiin kun nyaata biyya alaatii galchuu bira darbee biyyattiin wiirtuu daldala nyaataa addunyaa taasisuutti babal'atee, akkasumas Afrikaa keessatti lafa argachuushee babal'isuuf karaa saaqeera.

Waliigalteewan bittaa kun irra caalaa dhaabbilee maatii mootii waliin hidhata qabaniin kan raawwatamudha.

Dhaabbileen kunneen Afrikaa keessatti hiree qonnaa UAE ta'aniiru.

ADQ, Al Dhahra, Al Qudra Holdings, Elite Agro Projects, Al Rawanbi, Jinan Investments, International Holding Company fi Abbaa Taayitaa Invastimantii Abu Daabii kanneen ijoo ta'anidha.

Abu Daabiin waggoota darban keessa biyyoota Afrikaa hedduu keessatti lafa qonnaa kan bitatte yoo ta'u, isaan keessaa Itoophiyaa, Masrii, Keeniyaa, Yugaandaa, Angoolaa, Morookoo, Madagaskaar, Naamibiyaa, Seeraaliyoon fi Sudaan dabalata.

Itoophiyaa fi Emireetis

Dhaabbanni Emiratis keessatti argamu Elite Agro Projects jedhamu Itiyoophiyaatti omisha qamadii eegaluuf karoorfachuusaa waggaa lama dura FarmlandGrab.org gabaasee ture.

Dhaabbatichi fedhiin qamadii guddachaa dhufuun Ityoophiyaatti qamadii omishuuf akka danda'amu ilaalaa akka jiru, qamadii kana gara Emireetisitti erguufi gabaa Itiyoophiyaaf akka dhiyaatu ibseera.

Bara 2018 irraa eegalee Itiyoophiyaa fi UAE walta'iinsa daldalaa, invastimantii fi nageenyaatiin hariiroo biyyoota lamaanii cimsaniiru.

Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaa keessatti Emireetisiif michuu ijoo yoo taatu, hariiroon isaaniis roga hedduu fi tarsiimawaa kan ta'edha.

Keessattuu, erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii as biyyoonni kunneen daawwannaa sadarkaa olaanaa, daldalaa fi invastimantiin walitti dhufeenya dippilomaasii, siyaasaa, diinagdee fi nageenya isaanii cimsaa jiru.

Pirojektii wabii nyaataa Keeniyaatti

Ji'a Adoolessaa 2025 keessa Al Daahraan Keeniyaa waliin waliigaltee doolaara miiliyoona 96.7 mallatteessee lafa ekiree kuma 180 omisha nyaataaf oolu misoomseera.

Ministirri Maallaqaa Keeniyaa Kiriis Kiiptoo waliigaltichi "galii sharafa alaa ni guddisa" jedhan.

Pirojektiin Galaanaa Kulaaluu bara 2013 Biyya Baha Afrikaa gogiinsaafi lolaadhaan rakkachaa turte keessatti wabii nyaataa fooyyessuuf kan hundeeffame ta'uu ibsameera.

Lafti Keeniyaa dhibbeentaan 80 gartokkoon ykn guutummaatti qotamuu danda'a. Garuu gabaasaaleen akka agarsiisanitti, lammiileen Keeniyaa miiliyoona 20 ta'an wabii nyaataa dhabuu isaaniiti.

Yugaandaa waliin daldala nyaataa babal'isuu

Ji'a Fulbaana darbe Yugaandaa fi Yunaayitid Arab Emireetis damee qonnaa irratti karaa itti waliin hojjechuu danda'an qorachaa akka turan miidiyaaleen mootummaa Yugaandaa gabaasaniiru.

Gabaasni kun akka ibsetti, walta'iinsi kun daldala nyaataa biyyoota lamaanii dhibbantaa 30n akka guddisu ibseera.

Yugaandaan nyaata doolaara miiliyoona 50 ol ta'u gara biyya Galoo Galaanaatti ergiti.

Karoorichi naannoo buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Intebbeetti man-kuusaa doolaara miiliyoona 50 omishaalee Yugaandaa kanneen akka jinjibila, maangoo, avokaadoo, anaanaasii, hanqaaquu fi omishaalee biroo osoo hin yaratiin tursiisuu kan hammatedha.

Bara 2018tti Yugaandaa fi Yunaayitid Arab Emireetis naannoo daldala bilisaa qonnaa addunyaarratti isa jalqabaa hundeessuuf waliigalaniiru, kunis dhaabbileen dhuunfaa Emireetis lafa ekiree500 irratti omisha nyaataarratti akka invast godhan hayyameera.

Oyiruu tamirii fi ija wayinii Namiibiyaatti

Bara 2017tti kampaaniin UAE tokko qonna wayinii afur dhaabbata dhuunfaa Naamibiyaarraa biteeera.

Qonnaan kunneen naannoo daangaa Afrikaa Kibbaatti argamu.

Bara 2011tti Dhaabbanni Misooma Naamibiyaa fi teessoon isaa Abu Daabii kan ta'e Al Dhahra walta'iinsa uumuun dhaabbata wayinii fi damee hektaara 220 qabu hundeessan.

Turiizimiiwwan qananii

Abu Daabiin lafa qonnaa bitachuu bira darbitee lafa bal'aa turizimiifi adamoof oolu kireeffachaa jirti.

Bara 2024tti kampaniin ADQ jedhamu magaalaa qarqara galaanaa Raas Hekmaa Masrii misoomsuuf waliigaltee doolaara biiliyoona 35 mallatteesseera.

Yunaayitid Arab Emireetis Taanzaaniyaa keessattis turiizimii adamoo qananii ta'aniif kan oolu koriidarii bineensota bosonaa hundeessuuf fedhii akka qabdu himamaa ture.

Karoorri kun yoo hojiirra oole, sbaba Maasaayii kuma 70 ol kan buqqisuu fi saattawwaa masaay dabalatee gosoota bineensota bosonaa biroo balaadhaaf saaxiluu danda'a jedhamee sodaaatama.

Bara 2022 mootummaan Taanzaaniyaa lafa kaaba biyyattii keessatti lafa kaaree kiiloo meetira 1,500 kampanii UAEn deeggaramuu Oterlo Business Corporation jedhamutti kireessuuf karoorfachuusaa beeksiseera.

Gaazexaan Afrikaa Kibbaa Mail & Guardian jedhamu akka gabaasetti, hawaasa Maasaayii naannoo kana keessa jiran keessaa 31 humnoota mootummaa waliin walitti bu'iinsa uumameen miidhamuusaanii, isaan keessaa 2,160 gara Keeniyaatti baqachuusaanii gabaaseera.

Haaluma walfakkaatuun bara 2023 Keeniyaatti lafti miseensota hawaasa Ogik Keeniyaa jedhamu kan adamsanii jiraatanii kaarboonii Yunaayitid Arab Emireetisiif gurguramuu hordofuun lafasaanii kan ta'e bosona Maawu keessaa buqqifamaniiru.

Kanarra darbee Abu Daabiin lafa hektaara miliyoonaan lakkaa'amu "hanga Yunaayitid Kingidam" ta'u furmaata kaarboonii gadhiifamu furuuf jedhuun bitatteetti.

Keeniyaa, Zaambiyaa, Zimbaabuwee, Taanzaaniyaa, Laayibeeriyaa, Koomoroosii fi Niijar biyyoota kampanii abbummaan isaanii maatii mootii Dubaay ta'an waliin waliigaltee mallatteessan keessaatti argamu.

Haata'u malee, gochi Abu Daabiin gama kanaan raawwatte falmii fi qeeqarraa bilisa hin taane.

Kaarboni gadhiifamu hir'suu jedhuun bittaa lafaa biyyoonni dureeyyii biroo taasisan faalama ofiisaanii osoo hin hir'isiin miillasaanii galfachuuf lafti isaan bitan tarkaanfii "fakkeessuudha" jedhamee kan qeeqamu yoo ta'u, boba'aa kan omishtu Abu Daabiinis kanuma hordofuudhaan qeeqa jalaa hin oolle.