Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaaddoo hojjetoota mootummaa miindaan yeroon hin kaffalamneef Walaayitaatti
Kan haaraa hundeeffame Naannoo Itoophiyaa Kibbaa godina Walaayitaatti, miindaan turuufi addaan ciccitee kaffalamuun rakkoo keessa akka isaan galche hojjetoonni mootummaa dubbatan.
Godinni Walaayitaa aanaalee 16 fi bulchiinsawwan magaalaa ja'a kan qabate yoo ta'u, hojjetoota mootummaa kuma 64 ta'an qaba.
Godinni kun A L I bara 2012 irraa kaasee kaffaltaa miindaa hojjettotaa irratti komiin ka'aa kan ture yoo ta'u, rakkoon kun bara darberraa kaasee caalaa hammaachaa akka deeme hojjetoonni BBCtti himan.
Miindaan yeroosaa eegee kaffalamuu dhabuu, yoo kaffalames ammoo dabareedhaan ykn ammoo qoqqoodamee akka raawwatamu; kun ammoo jireenyasaaniirratti dhiibbaa geessisuurra darbeenaannoo sanatti rakkoo uumaa jira jedhan.
Godinichatti hojjetaa waajira carraa hojii uumuufi misooma interpiraayizootaa kan ta'eefi maqaan akka hin eeramne gaafate, akkaataan miindaan hojjetoota mootummaa godina Walaayitaa keessa jiraniif itti kaffalamu hojjetoota baayyee yaaddoo keessa galcheera jedha.
Miindaan Bitootessaa A L I Ebla 17, 2016 akka isaaf kaffalame kan himu hojjetaan kun, kuniyyu miindaasaa guutuu osoo hin taane harka dhibba keessaa 60 fi 70 kan ta'u qofatu muramee akka kennameef ibsa.
Hojjetoonni miindaan osoo hin kaffalamiin turuufi qaala'insi jireenyaa yeroo ammaa jiru maatiisaaniifi of bulchuurratti yaaddoo isaanitti ta'aa jiraachuu dubbatu.
Liqaan jiraachuu
Hojjetaan mootummaa biraa magaalaa guddoo godichaa, Sooddootti kan argamu mana barumsaa tokkotti barsiisaa ta'e, akkaataa miindaan itti kaffalamu yeroo ibsu, "yeroo hunda miindaan addaan ciccita.
Erga guyyaan 30 darbee booda [dhuma ji'aa] hanga guyyaa 10 turee gala. Yeroo kaffalamus, harka dhibba keessaa 40, 50, 60 gochuun kukkutanii galchu. Kan hafe hanga miindaan itti aanu dhufutti hin galu," jedha.
Sababa kanaan hojjetoonni mootummaa abdii kutannaa keessa jiru kan jedhu barsiisaan kun, "jiraachuu dadhabneerra," jechuun rakkoo keessa jiran dubbata.
Miindaan ji'a Bitootessaa hanga ammaa akka hin kaffalamneef kan himu ogeessi buufata fayyaa godinichaa tokko keessa hojjetu, "jireenyi keenya raafamaa jira," jechuun hadheeffatee dubbata.
"Manni ani kireeffadhe ji'a kana hin kaffaltu taanaan jechuun hamilee kiyya miidhaa jiru. Eessaa fideen kaffala? Midhaan daaksifamuu bannaanoo maalti nyaatama?... asbeezaas ta'e waan tokkoyyu bituu hin dandeenye," jechuun rakkina akkamii keessa akka jiran ibsa.
Tajaajilli ummataa gufachuu
Hojjetoonni mootummaa tajaajila guyyaa guyyaan ummataaf kennan hojii hojjetaniif miindaan sirnaan waan isaaniif hin kaffalamneef hojiisaaniirratti dhiibbaa uumaa jiraachuu dubbatu.
"Hojjetaan mootummaa ummataafi mootummaa tajaajiluu hin dandeenye. Waajira seenuu hin dandeenye. Ijoolleesaa barsiifachuu, jireenya isaa gaggeeffachuu hin dandeenye. Rakkoo hamaa keessa jira," jechuun rakkoo hojjetoonni mootummaa keessa jiran ibsu.
Bajanni miindaa hojjettoota mootummaa godina Walaayitaa kaffaltaa idaa xaa'oo, durgoo guyyaafi bo'aa kanneen fakkaataniif oolaa jira jira jechuun komii qaban dubbatu hojjetoonni BBCn dubbise.
Bulchiinsa naannoo sana jirurraa deebii waayyu hin arganne jechuun, mootummaan naannichaafi kan Federaalaa gidduu seenee rakkoo kana akka isaaniif furuufis cimsanii gaafataniiru.
Bulchiinsi godina Walaayitaa maddi rakkoo kanaa "galiifi baasiin wal madaaluu dhabuudha" jechuun, miindaa ji'a Bitootessaa liqaa naanicharraa argameen tibba kana kaffalamuu ibseera.
Itti-gaafatamaan waajira Faayinaansii godinichaa Obbo Mabiraatuu Phaawuloos, "hanqina maallaqa callaadha" jechuun rakkoo miindaatiif sababa guddaa ta'etti kaa'a.
"Aanaa tokkotti soorama dabalatee miindaan ji'atti birriin miliyoona 23 kan kaffalamu jira. Aanaan kun bajanni waggaasaa naannoo birrii miliyoona 150ti. Bajanni hojjetaa mootummaa garuu gara birrii miliyoona 200 gaha," jechuun galiifi baasiin akka wal hin madaalle fakkeenyaan ibsa.
Kanarraa kan hafe, godinichi idaa xaa'ootiif baajatarraa hir'isee, akkasumas qacarrii hojjetootaa humnaa ol raawwachuun isaa rakkoon kun akka uumamu taasisuu aanga'aan kun BBCtti himeera.
Rakkoon kun keessumaa, "galii warra hin qabneefi baasiin isaanii guddaadha" warra jedhaman aanaalee ja'a keessatti mul'ata kan jedhu Obbo Mabiraatuun, bulchiinsa godinichaatti galii harka dhibba keessaa 75 dabaluufi baasii ammoo hir'isuu akka furmaataatti qabamee irratti hojjetamaa jira jedhe.
Godinichi rakkoo isa mudate kanaaf, "karoora addaa" akka qopheesseeruu kan dubbate aanga'aan kun, ji'oota dhiyoo keessatti rakkoo kana keessaa ni baana jechuun hojjetootaaf abdii kenneera.