Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gabaa Irreechaa daldaltoonni hawwiin eeganii fi qophii Magaala Bishooftuu
Irreechi Hora Finfinnee Waggoota afuriin dura deebi’ee kabajamuu utuu hin eegalinirraa kaasee hanga ammaatti Irreecha hora Harsadii kan keessummeesitu Magaalli Bishooftuu Tibba Irreechaa sochii Hoo’aa qabdi.
Kanneen uffata aadaa omishanii gurguraniin alatti daldaltoonni damee tajaajilaa irra jiranis guyyaa itti maamila kumaan lakkaa’amu keessummeessan waan ta’eef haala addaatiin itti qophaa’u.
Obbo Alamaayyoo Baalchaa daldalaa Magaala Bishootuu yoo ta’an, hojii hoteelaa irratti hojjetu. Hoteelli isaanii daandii guddaa magaalattii irratti waan argamuuf jecha guyyaa irreechaa gabaa hedduu qabu.
“Irreechi waggaa waggaadhaan magaala keenya kanatti waan kabajamuuf nutis dursinee qophii goona. Maamilli keenya waggaa waggaadhaan ni dabala. Nutis waan fooyyessuu qabnu adda baasnee qophoofna. Uummata keenya simannee haala gaariidhaan keessumeesinee gaggeesuuf amma qophiirra jirra” jedhan.
“Buna jabanaatirraa kaasee, nyaataa fi dhugaatiwwan hundumaa yeroodhaan galchinee guyyichaaf qophaa’aa jirra. Jala bultiirraa kaasee mana keenya kana hiddii osoo darbattee lafa bu’u hin qabu” jedhan.
Maamiloonni guyyaa sana kaan gareedhaan weeddisa, kaan dhugaatii fi nyaata wal aaffeera. Keessummoota gaafasii hedduu kan nu gammachiisuu fi nulleen guyyicha hawwiidhaan akka akka eegnu kan nugodhudha jedhan Obbo Alamaayyoon.
Guyyaan kabaja Irreecha Hora Harsadii fi jala bultiin isaa ammoo seenaa daldalaa kan waggaa guutuu wajjin yoo walbira qabamu guyyaa galii olaanaan itti argamu akka ta’es himan.
“Guyyaa waggaa keessatti jiran keessaa gaafni nuti galii olaanaa argannu guyyaa irreechaa kana. Kanaaf karaa galiitiinis, karaa aadaa keenya guddisuutiinis guyyaan kun nuuf gahee guddaa qaba “ jedhan.
Obbo Aleeksi Badhaasaa ammoo manaajera waliigaalaa Hoteelaa Fi Riizoortii Piraamiidi. Isaanis Ayyaana Irreechaa Bishooftutti kabajamu kanaaf lafa jala qophii taasisaa akka turan himu.
“Guyyaa irreechaa fi jala bulti isaa magaala keenyatti kabajamu kanaaf keessummoota gara hoteela keenyaa dhufan akka mana isaaniitti gammachiisuuf karaa ogeessotaa fi tajaajilaatiin qophoofnee keessummoota keenya eegaa jirra” jedhan.
Keessummoonni biyya keessaa fi alaa sagantaa Irreechaa kana hirmaachuuf dhufan hedduun gara hoteelaa fi Rizoortii isaanii akka dhufan kan hima Obbo Aleeksi, maamiloota keenyas gammachiisnee nutis galii gaarii kan itti arganudha jedhan.
Ayyaanonni akkasii yeroo dhufan daldaltoonni gatii dabalan jiraachuu akkuma dandahan, kanneen keessummaas gammachiisanii galii gaarii argatan jiraachuus himu.
Irreeffannaadhaan booda keessummootni hedduun gara hoteela isaanii akka dhufanii fi bilisaan qarqara harootti bashanananii suura ka’anii deemuu kan danda’anii fi kanneen fayyadamaniifis qophii quubsaa gochuu himan.
Ayyaanni irreechaa kun ayyaana itti uummata keenya keessummaa ta’ee gara keenya dhufe itti keessumeesinu qofa osoo hin taane ayyaana tajaajila kenninuun galii olaanaa iti argannudhas jedhan Obbo Aleeksi.
Qophiin Maagaaala Bishooftuu maal fakkaata?
Obbo Gabree Dhaabii Hoji gaggeessaa mana qopheessaa magaala Bishooftuuti. Akka isaan jedhanitti magaalli Bishooftuu akkuma ammaan duraa keessummoota Ayyaana Irreecha Hora Harsadii kabajuuf garas dhufan keessummeessuuf qophii xumuruu himan.
Naannoo malkaa irreeffannaas ta’e magaala keessa ayyaana kanaaf babbareechaa jiraachuu kan himan angaa’an kuni ayyaana Irreecha baranaa kana namootni hanga miliyoona torbaa tahan hirmaachuu malu jedhamee akka yaadamu himan.
Karaa nageenya ayyaanichaa kan ilaaleenis magaalli Bishooftuu qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenyi irreeffattootaa kan eegame akka ta’uuf qophii barbaachisaan waan godhameef karaa kanaan yaaddoon akka hin jiraanne himan.