Sudaanitti hospitaalota rukutuun yakki waraanaa raawwachuu hin oolle

Hospitaala East Nile

Madda suuraa, @ITSANTOONY

Ibsa waa'ee suuraa, Hospitaala East Nile erga haleellaan irra gahee booda
Maxxanfame

Sudaan keessatti qaamoleen wal waraanan lamaanuu dhaabbilee fayyaafi hojjettoota irratti haleellaa gaggeessuun, yakka waraanaa raawwachuu akka malan ragaaleen BBC Arabic argate ni agarsiisu.

Akka ragaa argameetti hospitaalotni osoo dhukkubsattootni keessa ciisan jiranii haleellaa qilleensaafi meeshaalee adda addaan rukutamaniiru. Hakiimotnis ta'e jedhamee irratti xiyyeeffatameera, kunis yakka waraanaa ta'a.

Hospitaalota magaalaa Kaartuum keessa jiran 88 keessaa amma hojiirra kan jiran muraasa isaaniiti jedha Waldaan Hakiimotaa Sudaan.

Gareen BBC suuraalee saatalaayitiifi meeshaalee maappiing akkasumas qabiyyeewwan fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa gadi fageenyaan gamaaggameera.

Hagam takka dhaabbileen fayyaa waraanaa kana keessa akka miidhaman hubachuufis hakiimota hedduu dubbiseera.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) gochaa kanaan ''sarbama seera namoomaa idil addunyaa hamaadha'' ittiin jedhee ''amma dhaabachuu qaba'' jedheera.

Waraanni Ebla 15 humnoota olaantummaa argachuu fedhan Waraana biyyaalessaa fi Humna dafee qaqqabaa biyyattii RSF jedhamu gidduutti gaggeeffamaa jira.

Hospitaalli Ibin Siinaa jedhamu hospitaalota osoo ogeeyyiin fayyaa dhukkubsattoota waldhaanaa jiranii haleellaa humnoota waraanaan irratti xiyyeeffatame keessaa tokkodha.

Dr Alaa hakiima baqaqsanii waldhaanuuti. Gaafa Ebla 19 hospitaalichi haleelamu achuma keessa turan.

''Akeekkachiifni kamuu hin turre. Hospitaalli Ibin Siinaa ani keessa hojjedhu boombiiwwan sadiin haleelame, boombiin inni sadaffaan kutaa narsootaa yeroo haleelu, hospitaalichatti ibidda qabsiise,'' jedhan.

Ogeessi seera yakkaa idil-addunyaa Kiristiyaan Dee Voos, gochaan kun yakka waraanaa jedhamee fudhatamuu danda'aa jedha.

''Haleellaan raawwatamuu dura akeekkachiisa kennaniin namootni nagaan haleellaan raawwachuu dura hospitaalichaa akka baqatan gochuun seera waraanaa keessatti ifatti kaahameera,'' jedha.

Suuraa haleellaawwan hospitaalicha irratti raawwatamanii kan ilaalan ogeessi forensiikii meeshaalee waraanaa Chris Cobb-Smith meeshaalee waraanaa gurguddaan haleelaman xiinxala jedhu kennan.

Meeshaan dhukaafame mirkanatti maal akka ta'e adda baasuu dhabuun qaama haleellaa kana raawwate adda baasuu rakkisaa taasisa, haleellichi ta'e jedhamee kan raawwatame moo miti isa jedhu baruus rakkisaa godha.

Hospitaala Ibin Sina

Madda suuraa, @ITSANTOONY

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hospitaalli inni biraan haleellaan irra gahe East Nile hospital, hospitaalota muraasa hanga yeroo dhiyootti hojiirra turan keessaa tokko.

BBC, ragaa loltootni RSF konkolaattota waraanaa fi farra haleellaa qilleensaa hidhatanii itti marsanii jiraachuu agarsiisu argeera.

Dhukkubsattootni dirqiin hospitaalicha keessaa akka bahan godhamaa ture gabaasni jedhus jira. Faallaa kanaan ammoo nama ijaan argeefi BBC'n dubbise loltoota RSF cinaatti namootni nagaanis waldhaanamaa turan jedha.

Waxabajjii 1 hospitaalicha cinaa bakka jiru humnootni raayyaa ittisaa biyyattii haleelaniiru. Akeekkachiifni kenname hin jiru jedhu maddeen BBC.

Haleellaa kanaan namootni nagaa shan ajjeefamaniiru.

Dhaabbatni fayyaa addunyaa waraana kanaan hospitaalotni sagal qaamolee waraanarra jiran keessaa isa tokkoon fudhatamaniiru jedha.

De Vos ''Namoota nagaa caala loltootaaf dursa waldhaansa kennuun fudhatama hin qabu, seera waraanaa cabsuudhas'' jedhu.

Humni waraanaa Sudaan qorannoofi himannaawwan dhiyaatan kana ilaalchisee deebii kenne hin qabu.

Kanatti dabalataan ammoo wanti yakka waraanaan qixxeedha jedhamu doktaroota irratti raawwatamuu isaaf ragaan bahaa jira.

BBC'n maxxansawwan miidiyaalee hawaasaa hakiimota maqaan dhahuun doorsisuu, lakkoofsa waraqaa eenyummaa isaanii fa'a waliin maxxansu.

Ergaan hakiimonni loltoota RSF deeggaru, maallaqa warra alaarraa argatus jedhus waliin qoodamaa jira.

Viidiyoo miidiyaa hawaasaarra naanna'u tokko irratti ammoo qondaala olaanaa waraana Sudaan kan ta'an Major-General Tarek al-Hadi Kejab, ''wanti koree gidduugaleessa Hakiimotaa jedhamu, koree finciltootaa jedhamuu qaba'' yoo jedhan dhagaahameera.