Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaan lammileen Itoophiyaa kanfaltii malee biyyashee akka seenaniif seera ture deebiste
Keeniyaan imaltoota biyyoota addunyaa maraaf viizaa hambisuu hordofee, heeyyama imalaa fi kanfaltii beeksisterraa lammileen Itoophiyaa bilisa akka ta'an murteessite.
Keeniyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Baacaa Dabalee BBC'tti akka himanitti, lammileen Itoophiyaa hojimaata haaraa biyyattiin beeksistee turterraa bilisa akka tahaniifi kanfaltii malee galuu akka danda'an gaaffiin mootummaa biyyattiif dhiyeessan fudhatama argateera.
Keeniyaan jalqaba bara kanaarraa eegalee imaltoota biyyoota kamuurraa dhufan maraaf viizaa hambisuuf murteessiteetti.
Bakka kanaas sanada imalaa Electronic Travel Authorisation (eTA) jedhamu beeksiste. ETA'n imala eegaluun guyyoota sadiin dura guca guutamu ogguu tahu, doolaara 30 kanfaluus gaafata.
Haatahu malee lammileen Itoophiyaa waggootaaf gara biyyattii viizaa fi kanfaltii malee seenaa turan, hojimaanni haaraa kun walxaxaa tahuufi imallisaaniis danqamaa jiraachuu komachaa turaniiru.
Kana hordofee mootummaan Itoophiyaa dhimmicha anga'oota Keeniyaa wajjin akka irrati mari'atan himanii turan.
Marii godhameen booda mootummaan Keeniyaa, lammileen Itoophiyaa akkuma duraan ture kanfaltii malee gara biyyaa akka seenan heeyyamuu Ambaasaaddar Baacaan himan.
Haatahu malee ammallee lammiileen Itoophiyaa Heeyyama Imalaa (ETA) guutuu akka qaban himameera.
Ambaasaaddar Baacaa fuula X isaaniirratti waan barreessan, mootummaan Keeniyaa gaaffii lammileen Itoophiyaa sirna kanfaltii heeyyama imalaa haaraa keessaa bilisa akka tahan dhiyaateef hatattamaan deebii kennuusaaf galateeffatan.
Dabaluunis lammileen Itoophiyaa gara Keeniyaa imalan viizaanis tahe kanfaltiin isaan hin barbaachisu jechuun, guca heeyyama imalaa dursanii guutuu qabu jedhan.
"Lammiilee keenyaaf... imaluun dura guca eTA onlaayiniirraa guutuun dirqama tahuusaa himuu barbaanna," jedhan.
Keeniyaan imaltoota biyya kamirraayyuu dhufaniif jalqaba bara 2024 kaasee viizaa kan hambifte ogguu tahu, guddina hawaas-diingadee biyyattiif gumaacha jedhamee eegame.
Gaaf sana Pireezidantiin biyyattii Wiiliyaam Ruutoo: "Amajjii 2024 eegalee, Keeniyaan biyya viizaarraa bilisa taati," jechuun himanii turan.
Dabaluunis: "Namni kallattii addunyaa kamirraayyuu gara Keeniyaa dhufu, dhiibbaan viizaa gaafachuu irra hin jiru," jedhan.
Haatahu malee durumayyuu lammileen Itoophiyaa, viizaas tahe foormiin kamuu odoo isaan hin barbaachisiin Keeniyaa seenuu danda'u ture.
Itoophiyaa fi Keeniyaan lammileen isaanii gara biyya isa kaanitti ennaa imalan, viizaa malee seenuu akka danda'an waliigaltee waggoota dheeraan dura mallattaa'e qabu.
Hojimaanni haarayaan beeksifamuu hordofee, imalli lammiilee Itoophiyaafi biyyoota Afrikaa muraasa danqamaa turuu gabaafameera.
Hojimaanni haarayaa heeyyama imalaa-eTA gaafatu kun, biyyoota Hawaasa Afriikaa Bahaa (EAC) keessatti argaman alatti, biyyoota addunyaa maraaf kan barbaachisudha. Itoophiyaan miseensa gamtaa biyyoota kanaa miti.