FBI mana Tiraamp sakatta'ee maal argate?

Maxxanfame

Dhaabbanni Ameerikaa yakka qoratu FBI ragaaleen mana jireenyaa Doonaald Tiraamp keessaa argaman, "sirna haqaa gufachiisuudhaaf" carraaquu Tiraamp akka akeekan ibse.

Ragaaleen qe'ee Tiraamp Maaraa- Laagoo keessatti argaman kunneen icciitiiwwan biyyattti gurguddoo ta'an kan qabataniidha.

Dabalataanis gaazexaawwaniifi barulleen filataman argamaniiru.

Nageenya lammilee nagaa eeguudhaaf jecha ragaaleen kanneen keessaa muraasni kan filataman ta'uu ministeerri haqaa ibseera.

Tiraamp gama isaatiin qorannoon kun kan gaggeeffamaa jiru "saamtota fedhii siyaasaa qabaniin" jedhe.

Maaliif FBIn akka mana Tiraamp sakatta'uuf murteesse sanadoonni eeranis kan ifoomsaman yoo ta'u, sanadoota kanneen keessaa kutaawwan muraasni isaa garuu akka ifa godhaman hin hayyamamne.

Ministeerri haqaa akka jedhetti, mana Tiraamp keessatti kan argaman sanadawwan icciitii dimshaahaa 11 ta'u.

FBIn mana isaa sakatta'uudhaaf hayyama kan argate, "ragaawwan, meeshaalee kontorobaandii, sanadoota qabiyyee yakkaa qabaniifi sanadoota seeraan ala qabataman mana isaa keessa jiru" kan jedhu mana-murtiitti erga dhiyeesseen boodadha.

Dabalataanis Tiraamp "adeemsa haqaa gufachiisuudhaaf" yaaluu isaa sanadoonni akeekan mana isaa keessa akka jiranis mana murtiif ibsameera.

Waajirra Galmee Ragaa Biyaalessaa ameerikaa Guraandhala keessa sanadoota qabiyyeen isaanii icciitii ta'an kaartoonii 15 mana Tiraamp keessaa walitti qabachuu erga ibsee booda ture FBIn kan qorannoo jalqabe.

Qorannoon kanaan icciitii biyyaa guddaa 25 dabalatee sanadawwan icciitii 148 ta'an argamuun isaanii ibsameera.

Sanadoonni FBI argate keessaa hangi tokko hir'ifamee kan hafe yeroo ifa godhamutti akka baruun danda'ametti, sanadoota kanneen irratti suurraawan Tiraamp fi michootaa isaa irratti argamaniiru.

Kun ammoo dhimmicha qorannoo yakkaa guddaa isa taasisa. Ameerikaatti pirezidaantonni duraanii yeroo aangoo gadhiisan icciitiiwwan of eeggannoon qabaman fudhatanii deemuun akka salphaatti hin ilaalamu.

Sanadoota kanneen keessaa basaasa Ameerikaanotaafi biyyoota alaa waliin walqabatan keessatti argamu. Tiraamp ilaalchisuun qorannoo jalqabaman keessaa inni guddaan dhimma kana ta'uu danda'a jedhameera.

Sanadoota kanneen keessaa hangi tokko lammileen biyya biraatiif ifa warra hin taasifamnedha.

"Wanti baayyee yaaddessaan sanadawwan icciitii ta'an argamuu isaaniin ala sanadoota biroo waliin walitti makamuu isaaniiti," jedheera gareen qoratu kun.

Tiraamp icciitii baasuu dabalatee yoo xiqqaate seera federalaa sadii cabsuun isaa ibsameera.

Sanadoota fuula 38 keessaa 21 kan ta'an guutummaan guutuutti akka hin argamne haqamaniiru.

Kun ammoo lammilee nagaan akka hin miidhamneef, waahellan nageenyaaf eegumsa gochuufi qorannoo gaggeeffamaa jiru akka hin gufanne gochuuf jechadha.

Eenyummaan ragootii sanadicha keessatti hammataman ifa taanan rakkoon isanirra gahuu danda'a.

Tiramp gama isaatiin filannoo pirezidaantummaa 2024 irratti hirmaachuuf ho'ifataa jira.

Qorannicha ilaalchisuunis, miidiyaa hawaasummaa dhuunfaa isaa 'Truth Social' jedhamu irratti dheekkamuu isaa ibsateera.

Abbaan seeraa manni Tiraamp akka sakkatta'amuuf hayyame Biruus Reenhart, "manni koo akka sakkatta'amuuf hayyamuun isarra hin turre. Namichi na jibba," jechuun qeeqeera.

Qorannoo itti aanu ministeerri haqaa taasisu tarii uummataafi sabaa-himaaleetiif ifa taasifamuu danda'u.

Kun kan taasifamuuf qabiyyeewwan sanadawwan kanneenii mana murtiitti waan ibsamuufidha.

Dabalataanis ragootiin waamamanii murtiin isaa cufaatti erga raawwatameen booda bu'aafi murteen isaa ifatti ibsama jedhamee eegama.