Wal-morkii Darbii Miilaan waraanaan fakkeefamu

Madda suuraa, Getty Images
Roobii har'aa fi torban dhufuu qalbiin jaallattoota kubbaa miilaa addunyaa Istaadiyoomii guddicha magaala Miilaan Saan Siiroo irraa ta'a.
Taphni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa walakkaa xumuraa bara kanaa kilaboota magaalaa Miilaan lama barootaaf masaanu walii ta'an AC Miilaaniifi Inter Miilaa dhaqaa galaan walitti fida.
Kilabootni lameen dirree Saan Siiroo waan fayyadamaniif dhaqaa gala hin qaban dirreedhuma kanatti si'a lama waliif bahu.
AC Miilaan seenaa Shaampiyoonsi Liigii keessatti Maadriiditti aanee kilaba waancicha yeroo torba injifachuun hedduu faayameedha.
Seenaan morkii kilaboota lamaanii garuu wanta akka seenaa waraanaatti yaadatamu qaba.
Barri isaa bara 2005 bara Liigii Ispeeniifi Ingiliz caalattuu Seeriyaan Xaaliyan qacaleewwan kubbaa miilaan faayame.
Bara sana AC Miilaaniifi Inter Miilaan nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigiin walitti dhufan.
Tapha marsaa jalqabaa dirree Saan Siiroon AC Miilaan gooliiwwaan ittisa gidduu lammii Datch Jaap Staamfii jifataan lammii Yukireen Shevesheenkoon lakkoofsisaniin 2-0 xumurame.
Warri Inter marsaa lammataan irra aanuu abdatan. Taphattootni garee lamaanuu hanga taphni marsaa lammataa eegalutti hirriba dhabuu yaadatu.
Torbee booda achuma Saan Siirootti taphni marsaa lammataa gaggeefame, taphichi daqiiqaa 73 ol adeemuu hin dandeenye. AC Milaaniif lakkoofsa torba uffatee kan taphatu Sheveshenkoon boqonnaa dura galchii tokko galche.
Achiis taphichi goolabamuuf daqiiqaan 20 gadi yeroo hafu, taphataan sarara gidduu Inter Kaambiyaasoon mataa isaa isa moluun kubbaan rukute goolii taate, ta'us Juliyoo Kiruuz goolii eeegaa AC Miilaan Diidaa irratti balleessaa hojjetee jedhamuun goolichi haqame.
Deeggartootni Inter ni dheekkaman, waan argan mara dirreetti darbuu eegalan. wanti bobaatuun akka ibiddaa qabdu mataa Diidaa(goolii eegaa Miilaan) hanga xiqqootti milqxee gateettiirra buute.

Madda suuraa, Getty Images
Dirreen marti wanta akka ibiddaa xaaxoftuun guute. Murteessaan taphichaa daqiiqaa 73 irratti tapha adda kutanii taphattooti akka dheessan ajajan.
Xaaxoftuun goodaa guutte aara isa akkamii uumte. Aarri uumame wali ilaaluus ta'e suura kaasuullee rakkisaa godhe.
Turtii daqiiqaawwaniin booda deebi'ee eegale. Garuu sekoondii 30 caala hin turre wanti darbatamu ittuma fufe. Murteessaan taphichaa taphichi akka dhaabatu murteessan, AC Miilaan 3-0'n akka injifateetti murtaa'e.
Yeroos Riyyoteersiif hojjechaa kan ture Relaandiinii ''miirri galgala sana ture akkuma darbii gaafa kaanii Intariifi AC Miilaan Saan Siirootti wal arganii ta'uuti'' jechuun yaadata.
''Yeroo mara baayyee jabaadha. Badaa walitti hin bu'n garuu agarsiisnifi cookni deeeggartootaa waan addaati. Taphataayyuu ta'uu baattu, miirri isaa sitti dhagaahama.''

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Battala gooliin Esteeban Kaambiyaasoo seeraan ala jedhamu balaan bu'e. T'iin sun haala ture guutummaatti jijjiire. Deeggartootni Inter daqiiqaawwan 15-20 bobaatuu fi waan argan dirreetti darbachaa turan. Waraana fakkaata.''
Yeroo san leenjisaaa AC Miilaa kan turan Kaarloo Anchelootii fi leenjisaan Inter Robertoo Maanchiinii ta'ii san balaaleffatan.
Qaamni kubbaa miilaa Awurooppaa bulchu, Uefa, Inter paawundii miiliyoona 132 akka adabamu, morkii awurooppaas bakka deeggartootni isaa hin argamnetti akka taphatu murteesse.
Miilaan PSV Eindhoven walakkaa xumuraan injifatee Istaanbulitti xumuraaf Liivarpuul waliin taphate.Liivapuul duubaa ka'ee daqiiqaa jaha keessatti yeroo sadii galchee peenaalitiin injifate.
Miilaan bara lama eeggatee taphaa waancaa Ateens irratti Liivarpuuliin haaloo bahee.
Taphni darbii miilaan seenaa akka kanaa qabuu fi dirreen raajii deeggartootaa hedduu keessaummeesse Saan Siiroon torban kana maal nu daawwachiisa?












