Pirezidantiin Chaayinaa Putiin irratti dhiibbaa akka uuman US dhaamte

Maxxanfame

Pireezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingi ''yakka waraanaa dhaabsisuuf jecha'' Pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin irratti dhiibbaa gochuu qabu jechuun US akeekkachiifte.

Erga waraana Raashiyaa fi Yukireenii yeroo jalqabaaf Moskoo daawwataa kan jiran Pireezidnati Shii Jiinpiing, Kibxata har'aa (Bitootessa 21, 2023) deebi'anii Putiin arguun waliin dubbachuuf jiru.

Dubbi himaan Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Waayit Haawus John Kirby, Aab Shii Jiinpiing giti isaa kan Raashiyaa loltoota isaa Yukireen keessaa akka baasu akka dhiibbaa uuman gaafatan.

Dhukaasi akka dhaabbatu gochuun qofti ga'aa miti jedhan qondaalli US kun.

''Pireezidanti Shii Jiinpiing Pireezidanti Putiin magaalota, hospitaalota, manneen barnootaa Yukireen akka boombiin hin barbadeessine ni ittisu jennee abdanna. Yakki waraanaa fi dararaan lammiilee nagaarraa akka dhaabbatu akkasumas waraanasaa akka baasu dhiibbaa gochuu qabu,'' jedhan.

Garuu Chaayinaan dhukaasa dhaabuu qofa gaafataa jirti kan jedhan qondaalli kun, kun ammoo Raashiyaan waraanashee qabattee kutaalee Yukireen keessatti to'attee jirtu qabattee akka turtuuf haala mijeessuudha jedhan.

Aab Shii fi Aab Putiin Wiixata kaleessaa yeroo dheeraa fudhatanii marii gaggeessanii turan.

Mariinsaanii kun har'as itti fufa.

Chaayinaan gama teeknooloojii fi daldalaan Raashiyaa deeggaraa jirti hamiin jedhu jira.

Putiin akka jedhanitti, qabxiilee 12 Pireezidanti Shii Jiinpiingi dhiyeessan, kan waraana Yukireen furuuf gargaaran irratti mari'achuuf jiru.

Chaayinaan waraanni Yukireen karaa marii nagaa akka goolabamuuf yaada dhiyeessuu kan eegalte ji'a darbe keessa ture.

Dhukaasi dhaabbatee mariin nagaa akka itti fufu Chaayinaan dhiibbaa uumaa jirti.

Karoorri Chaayinaa loltoonni Raashiyaa Yukireen gadhiisanii yaa ba'an jedhee jala muree hin ibsu, Yukireen ammoo mariif taa'uu dura kana akka haal-dureetti dhiheessiti.

Kana malees Chaayinaan qoqqobbii biyyoonni lixaa walta'anii Raashiyaa irra kaa'an hin fudhattu.

Pireezidanti Shii Jiinpiing Wiixata kaleessaa wayita Moskoo seenan simannaa bareedaa humna waraanaa Raashiyaan dabaalametu taasifameef.

Pireezidanti Putiin ejjennoo madaalawaa Chaayinaan qabatte jedhan irratti Aab Shii guddoo galateeffatan.

Aab Shii Jiingpiing gamasaaniin Raashiyaan hooggansa Putiin jalatti fooyya'iinsa diinagdee guddaa akka argamsiiste dubbatan.

''Uummanni Raashiyaa deeggarsa guutuu siif taasisa jedheen abdadha,'' jechuun hiriyaasaanii Putiinitti himan.

Shii Jiinpiing daawwannaa guyyoota sadiif gara Moskoo imaluun dura Putiin akkas jechuun barreessanii turan: ''Raashiyaa fi Chaayinaan imaammata hacuuccaa fi abbaa irrummaa warra lixaa boodatti hin jedhan.''

Raashiyaan utubaa diingadee ishee kan ta'e boba'aa heddumminaan kan argattu Chaayinaa irraati.

Gama kaaniin Pireezidantiin Jappaan gara Kyiv imaluun Kibxata har'aa Pireezidanti Volodmiir Zeleniskii waliin dubbachuuf akka jiran biyyattiin beeksifteetti.

Qondaalli Jappaan kun weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte dura dhaabbachuun Yukireeniif sagalee ta'uuf deemu.

Abb Shii Jiinpiing gara Raashiyaa kan imalan Manni Murtii Yakkoota Waraanaa Idil-addunyaa (ICC) Putiin irratti ajaja hihdaa baasee guyyoota muraas booda.