Atileet Solomooniifi Gudaaf fiigicha 3000m'n warqii argachuu hanqatan

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana Keessaa Iskootilaand, Gilaasgootti adeemsifamaa jiruun, Itoophiyaan seenaa waggaa lama dura ture kabachiifachuu dhabde.
Atileet Gudaaf Tsaggaayiifi Solomoon Baaraggaa fageenya xumuraarratti caalamuun warqii dhabanis, meetiifi nahaasa biyyaaf argamsiisaniiru.
Shaampiyoonaa darbeerratti fageenya dorgommii 3000m dhiiraafi dubartootaan warqii kan gonfatte Itoophiyaan, barana garuu fageenyicha atileetota Biriitiiniifi Ameerikaatu injifate.
Atileet Gudaaf Tsaggaay atileetii Ameerikaa Eeli Sent Piyeeritti aanuun meetii argatte. Piyeer meetira xumuraarratti saffisa dabaluun ture 8:20:87 irratti seenuun kan injifatte.
''Kun ajaa'iba,'' kan jette Piyeer, ji'a kana waggaa dura ture ilma deessee kan kaate.
''Waggaa dura erga ilmikoo dhalatee booda shaampiyoonaa addunyaan ta’e jedhanii yaaduun nama dhiba. Akka nama haaraa, akka atileetii haaraattin of ilaale. Deebi’e hangan isa ilaalutti obsa hinqabu,’’ jetteetti.
Piyeer yeroon itti dorgommicha xumurte kunis Ameerikaa Kaabaa fi Shaampiyeenshippiichaaf riikardiidha.
Atileetiin Keeniyaa gufachiisaa 3000m’n rikardii addunyaa kan qabdu Biyaatiriis Chibeet sadaffaa baate.
Dorgommii kaleessaan dura shaampiyoonaa kanarratti dorgommii 3000m kudhan dubartootaan adeemsifame keessaa saglan atileetota Itoophiyaatu injifatee ture.
Shaampiyoonaa darbeerratti fageenya kanaan Itoophiyaaf kan mo’atte Lamlam Hayiluu dorgommii kaleessaan jahaffaa yoo baatu, Hiruut Mashashaan torbaffaan xumurte.
Abbaan riikardii 5000m Gudaaf waggaa lama dura shaampiyoonaa kanarratti fageenya1500m’n warqii gonfattee turte.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fiigicha 3000m dhiiraan immoo atileetiin Gireet Biriiteen Josh Keer eegamaa ture saffisa dabaluun injifateera.
Atileetiin Ameerikaaf fiigu Yaared Nugusees hanga sarara itti seenanitti saffisa dabaluun Solomoon caalee lammaffaa bahe.
Shaampiyoonaa waggaa lama dura Belgireeditti adeemsifameen fageenyichaan warqii kan injifate Solomoon Baaraggaa barana sadaffaa bahuun nahaasa argate.
Atileetiin Itoophiyaa biraa Getinnat Waala afraffaan xumure. Fiigicha 3000m kana Solomoon dura Atileet Yoomiif Qajeelchaa walitti aansuun si'a lama shaampiyoonaa itti ta'ee ture.
Keer lammii Biriteen yeroo jalqabaaf fageenyichaan keessumaa fiigicha mana keessaarratti shaampiyoonaa ta’edha.
Erga atileetiin Xaaliyaanii bara 1993 dorgommicha mo’ate as nama jalqabaa Awurooppaarraa dorgommicha injifatedhas.
''Deeggarsa Sikootilaandiifi UK guutuu akkan qabu waanan beekuf isaan mufachiisuu hin barbaanne,’’ jedhe atileetiin hundeen isaa Iskotishirraa ta’e kuni.
Atileetonni Itoophiyaa ammatti dorgommii booda yaadi kennan hin dhagahamne.
Har'a maaltu eegama?
Shaampiyoonaan Jimaata eegale Dilbata har’aa kan xumuramu yoo ta’u dorgommii atileetonni Itoophiyaa itti eegaman ni jira.
Halkan dorgommii dorgomamuun 800m dubartootaan Haabitaam Alamuufi Tsiggee Dhugumaa ni eegamu.
Fageenya 1500m dhiiraan immoo kana dura fageenyichaan si’a lama, Barmingihaamiifi Beelgireeditti, kan injifate Atileet Saamu’el Tafarraa har’a galgala ni fiiga.
Saamu'el Belgireeditti riikardii shaampiyoonaas galmeessee ture. Atileetiin Itoophiyaa biraa Biiniyaam Mahaariis dorgommii har'aarratti isa waliin jira.
Fageenya 1500m dubartootaan immoo Birqee Hayyaloom, Dirribee Waltajjiifi Fireewaynii Hayiluun ni eegamu.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana Keessaa waggaa lama dura Sarbiyaa Belgireeditti adeemsifame Itoophiyaan warqii afur walumaagala medaaliyaa sagal argachuun addunyaarraa tokkoffaa taatee xumuruun ishee ni yaadatama.












