Atileetii jabduu Keeniyaa riikardii caccabsitu injifachuunkoo anaaf hiika addaa qaba - Atileet Dirribee Waltajjii

Madda suuraa, WORLD ATHLETICS
Atileetiin Itoophiyaa Dirribee Waltajjii fiigicha daandiirraan Dilbata darbe, rekardii cabsuun mo’atte, ''atileetii Keeniyaa beekamtuu injifachuun anaaf hiika guddaa qaba,'' jette.
Laativiyaa magaalaa Riigaatti dorgommii adeemsifameen atileetiin kuni sa'atii 4:21.00 galuun meedaaliyaa warqee argatte.
Dirribeen atileetii Keeniyaa akkaan eegamaa turte, Feeyiz Kipyeegoon, injifachuun kan tokkoffaa baate.
Feeyiz dorgommi kanaan sadarkaa sadaffaan yoo xumurtu, atileetiin Itoophiyaa biroo Firewayinii Haayiluu dorgommicha lammaffaa bahuun xumurteetti.
Atileet Dirribeen af-gaaffi BBC waliin taasifteen dorgommii yeroo jalqabaaf adeemifamu irratti mo'achuutti akkaan gammaduu himte.
Kana malees atileetii Keeniyaa fiigicha kanaan akka mo'attu egamaa turte Feeyziin injifachuun hiika addaa akka isheef qabu dubbateetti.
''Isheen atileetii cimtuu dha. Bara kana rekardii sadii nama caccabsite dha, shaampiyoonaa addunyaa kuma shan fa'i irratti nama mo'atte, injifachuun koo anaaf hiika addaa qaba,'' jette Atileet Dirribeen.
''Dorgommicha nan mo'adha jedhee hin eegne garuu yaada otuun mo'adhee jedhu qaban ture,'' jechuun, ''ergan bakka galumsaa gahee argeen nahee saffisa dabale, ganaa waan nu hafu natti fakkaatee ture, '' jetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fiigicha daandiirraas kana dura fiigdee akka hin beekne himteetti.
Gareen atileetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa Fiigicha Daandiirraa Atileetiksii Addunyaa biyya Laativiyaa, Rigaati qophaa’erratti hirmaate kaleessa Onkololeessa 03, 2023 biyyatti deebi’eera.
Dorgommii Riikardiin Addunyaa lama itti galmaa’erratti riikardii isa tokko kan galmeessite Dirribee Waltajjiidha.
Fiigicha xumuruun booda atileetiin Keenyiaa Feeyiz ''baga gammadde naan jette,'' jette Atileet Dirribeen.
''Kana dura al sadii waliin fiignee waan beeknuuf akkatti mo'atan irraa baradheeras,'' jetteetti.
Dirribeen waggoota shan dura shaampiyoonaa ganna 20 gadiirratti yeroo jalqabaaf biyya bakka buutee 800m’n riikardi shaampiyoonaa galmeessitee turte.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Budaapest dorgomameerratti ammoo1,500m’n Atileetii Keeniyaa Feeyiz Kipyegoonitti aanuun medaaliyaa meetii argatte.
Atileet Dirribeen kana booda qabxii fooyyesuun mo'achuu fiigicha meetira 1500fi 5000 mo'achuu akka barbaaddu dubbatteetti.












