Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Waraana US ganuun barbaada, lamuu itti deebi'uu hin fedhu'- Loltuu US Kooriyaa Kaabaa seene
Loltuun US daangaa Kooriyaa Kaabaa seene gantummaan himatameera.
Tiraavis King bara darbe loltoota US Kooriyaa Kibbaa irraa jiran keessaa miliquun daangaa Kooriyaa Kaabaa seene.
Ergasii waggaa tokkoof hidhaa ture, kabajisaa irraa mulqamuunis humna waraanaa US keessaa baafameera.
Adoolessa 2023 waraana US ganuun himatame, akkasumas ajaja malee akka fedhetti imaluun himatameera.
Dargaggeessi umrii waggaa 24 kun turtiin inni hanga yoonaa mana hidhaa keessatti dabarse fi amalli gaariin inni agarsiise ilaalamuun bilisa ba'uu abukaatoon isaa BBCtti himaniiru.
Dhaddacha Jimaata (Fulbaana 20, 2024) Teeksaas keessatti gaggeeffamerratti dargaggeessi kun himannaawwan waraanaa irratti dhihaatan 14 keessaa shan amaneera.
Kaan ammoo ni haale.
King humna waraanaa US kan seene Amajjii 2021. Dabareensaa ga'ee humna US Kooriyaa Kibbaa jiru waliin hojjechuuf wayita ramadametti daangaa ce'uun Kooriyaa Kaabaa seene.
King akkaataa qabiinsaa fi hojii humna waraanaa US kanatti waan hin quufneef keessaa miliquu akka barbaade abbaa murtii dhaddacha kanarra turan Lt Kol Riik Maawiwutti hime.
Daangaa Kooriyaa Kaabaa keessatti argamuusaa dura, waggaa tokko dura, humna waraanaa US keessaa miliquuf akka yaadaa ture ibse.
''Humna waraanaa US ganee miliquu barbaadeen ture. Lamuu itti deebi'uu hin barbaadun ture,'' jechuun galma dhaddachi keessatti gaggeeffamaa ture keessatti akka dubbate gaazexeessitoonni achi turan gabaasaniiru.
Dhibee sammuu akka qabu himus, dhaddachatti dhihaachuun himata irratti baname dhaggeeffatee, hubatee deebii kennuu akka danda'u ibsee ture.
Abukaatoon King, Firaankiliin Roosenbilaat maamilli isaa waan raawwate hundaaf dirqama fudhachuu hime.
Ammoo jireenyasaa keessatti guddoo qoramuurraa akka kana raawwate ibse.
''King jireenyasaa keessatti guddoo qorame. Akkaataa guddinasaarraa eegalee. Iddoo yakki itti hammaatu keessatti guddate, kanaaf sammuunsaa tuqamuun waan hin oolledha.''
''Kun hundi walitti ida'amuun humna waraanaa keessatti rakkoo kana keessa isa buuse,'' jedhe Aab Roosenbilaat.
King guyyaa tokko ganda daangaarra jirtu Panmujom wayita deemetti achumaan Kooriyaa Kaabaatti ce'e.
Iddoon kun bakka akkaan eegamuu fi Demilitarised Zone (DMZ) jedhamuun beekamu kan daangaa Kooriyaa Kibbaa fi Kooriyaa Kaabaa gidduutti argamuudha.
Taateen kun mudachuu dura King namoota lama irraa miidhaa geessisuun akkasumas konkolaataa poolisii hubuudhaan hidhamee ture.
Kooriyaa Kibbaatti ji'oota lamaaf erga hidhamee booda gadhiifame. Wayita gadhiifamu akkuma nama kamiiyyuu gara daangaa kanatti siquun imaluu danda'e.
Haala kanaa Kooriyaa Kaabaa seene.
King erga gadhiifamee booda xiyyaara gara US geeffamee yakkisaa seera humna waraanaan akka ilaalamuuf ture.
Inni gidduudhaan miliqee namoota lafootti makamuun Kooriyaa Kaabaa seene.
Achitti ammoo aanga'oonni naannoo to'annoo jala oolchan.
Yeroo sana miidiyaaleen Kooriyaa Kaabaa akka gabaasaa turanitti, dargaggeessi kun ''qabiinsa dhala namaaf hin malle fi jibbiinsa sanyummaa'' humna waraanaa US keessatti mudatu baqate.
Hojii dippiloomaasii dhiphinaa fi muddamaan guutame booda King ji'a lama booda gadhiifame jechuun qondaalonni US ibsanii turan.
Erga gadhiifamee booda xiyyaara waraanaa mootummaa USn gara buufata US Kooriyaa Kibbaa jiru geeffame.
Fulbaana 28, 2023 ammoo achirraa gara Teeksas geeffamuun hanga yoonaa mana hidhaa ture.